Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ayyaana Gannootti gareen durse hiree liigicha injifachuu hangam qaba?
Liiverpuul Ayyaana Gannoo yookiin Qillee (Christmas) bara kanaa kan kabaju Piriimiyeer taphni tokko osoo isa hafuu, kan lammaffaarra jiru Cheelsii qabxii afuriin dursa.
Liiverpuul Totenhaamiin dirreesaa malee 6-3n injifachuun hamilee gaariin gara Booksiing Deey seena. Saawuzhaampitan ammoo dhuma gabatee liigichaarra jira.
Qabxiin amma jiru kun maal jechuudha?
Baroota 32 darban keessaa baroota 16 darban yeroo kanatti gareen ligicha dursaa ture barasana liigicha injifateera.
Reekardiin Liiverpuul garuu badaa gaarii miti.
Seenaa Piriimiyeer Liigii Ingiliz keessatti gareen yeroo kanatti fiixe gabatee liigichaarra yeroo hedduu turuun Liiverpuul caalu hin jiru. Liiverpuul Ayyaana Gannoo fiixee gabateerra taa'ee yoo kabaju kuni yeroo 21ffaafi.
Kan amma duraa 20 keessaa yeroo11 liigicha injifateera.
Ammoo liigichi bara 1992 akka haaraatti erga caaseffamee booda dursaa turee kan mo'ate bara 2019-20 qofa.
Leenjisaan Liiverpuul Arne Isloot Ayyaana Gannoo kanatti fiixee gabatee liigichaarra jiraachuusaanii ilaalchisee yaada kenneen ''garee cimaa ta'uu keenya sitti agarsiisa'' jedhe.
''Ammayyuu liigicha walakkaan gahuuf tapha sadiitu hafa, ammoo garee injifachuuf ulfaatu taaneerra. Osoo liigichi salphaadha ta'ee gareen hunduu ni injifata ture.''
Arsenaalis bara darbe yeroo arfaffaaf Ayyaana Gannootti liigicha dursaa turee akkuma baroota sadan darbanii osoo hin injifatiin hafeera.
Faallaa kanaan Cheelsiifi Maanchister Siitiin cinaatti gareeleen waancicha yeroo tokko tokko qofa injifatan Bilaakbarn Rooversiifi Leesteer dursanii bara sanitti injifataniiru.
Seenaa liigichaa as dhiyoo keessatti ammoo yeroo Ayyaana gannoo gareen sadarkaa hanga afurii keessa hin turre yeroo afur liigicha injifachuu danda'eera. Bara darbes wanti ta'e akkasuma ture.
Maanchister Siitiin bara darbe yeroo Ayyaana Gannoo kanatti Arsenaal isa tokkoffaara ture irraa qabxii jahaan fagaatee sadarkaa shanaffaarra ture. Booda garuu yeroo walitti aanu afuriif shaampiyoonaa ta'uu danda'eera.
Seenaa kanaan walfakkaatu kan dalage kilabni biraan Maanchister Yunaayitidii fi Arsenaalidha. Siitiin mataansaa bara 2020-21 Gannootti sadarkaa saddeettaffaa ture.
Yunaatiid bara 1996-97 shanaffaarraa ka'ee mo'ate. Arsenaalis bara 1997-98 sadarkaa saddeettaffaarraa ka'ee mo'ateera.
Haala amma jiruun tokkoffaa hanga arfaffaa warrii jiran Liiverpuul, Chelsii, Arsenaaliifi Nootiingihaam Fooresti.
Boornimaz kan amma shanaffaarra jiru akka amma jiruun yoo xumure hiree gareewwan Awurooppaa kaaniin ilaalamee hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhuftuu argachuu mala.
Astoon Viilaan jahaffaa, Maanchister Siitiin ammoo torbafaarra jiru. Akkanumatti xumuru yoo ta'e hiree Yurooppaa Liigiifi Koonfireens Liigii argatu. Ammoo garee Karabawoo Kaappiifi FA injifatu irrattis ni hundaa'a.
Bara darbe yoona sadarkaa jahaffaarra kan ture Weestihaam, Chelsiin 10ffaarraa ka'ee bakkasaa qabachuun hiree dhabeera.
Gareeleen sadarkaa dhumaa sadiirra jiran ayyanna Gannoo fi dhuma bara dorgommiirratti walfakkaato ta'anii arguun baratamaa miti.
bara darbe garuu kunis ta'eera. Luten Barnileeyfi Sheefiild Yunaayitiid yeroo Gannoo sadarkaa 18ffaa, 19ffaa fi 20ffaarra turan. Barri dorgommii yeroo dhumus sadarkaadhuma walfakkaataa qabatanii raawwatan.