Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Morkii jabaa Totanihaamiifi Liivarpuul eenyutu injifata? - Tilmaama Pirimeer Liigii
Pirimeer Liigii Ingilizii torban kanaan liigicha dursaa jiru kan Liivarpuul gara Landan imalee Totanihaam morkata.
''Tapha ajaa'ibaa ni ta'a,'' jedhee akka eegu xinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan dubbateera.
''Haala tapha Totanihaamiifi deebisanii jifachuu Liivarpuuliin tapha ajaa'ibaa ni ta'a[agarra],'' jedhe.
Suutan taphoota torban 17ffaa akkanaan tilmaameera.
Sambata
Astoon Viilaafi Maanchistar Siitii
Taphattoonni Astoon Viilaa waggaa darbe yoona kana qabxii qabanirraa qabxii 10'n hanqataniru.
Sadarkaa torbaffaarra taa'uu isaaniin ala kilaboonni baay'ee isaan injifatan kanneen toora gara gadii jiranidha.
Taphoota saddeet booda kana taphatan keessaa akkuma Siitii qabxii gad-aanaa kan walitti qaban Leestariifi Saawuzaampitan qofadha.
Siitiin ga'umsa duriitti deebi'a jedhamee eegamuus kuni ta'aa hin jiru.
Tapha kanaan warri Siitii gara injifannootti waan deebi'an hin fakkaatu. Astoon Viilaanis waan mo'u hin fakkaatu.
Tilmaama: 1 - 1
Bireetiford fi Nootingihaam
Bireentiford dirree isaatti deeggaruu dhabuun nama rakkisa. Dirreen alas cimaadha.
Foorast qabxii dirreen ala galmaa'en sadarkaa sadaffaarra jira. Tapha kanarraas waan tokko waan argatan fakkaatu.
Bireentiford walakkeessa torban kanaatti waancaa Kaaraabaawoo irratti Niiwkaasil waliin taphatee mo'ameera.
Tapha kanarratti waan gochuuf deemu ilaalla. Waan qabxii qooddatan fakkaata.
Tilmaama: 1 - 1
Ipsiwiich fi Niw Kaasil
Haala cimina liigichaa agarsiisuun kilaboonni Pirimeer Liigii qabxii muraasa qofaan wal caalu.
Kilabii sadarkaa afraffaarra taa'e Foorast fi sadarkaa 13ffaarraa kan jiru Maanchistar Yunaayitid gidduu garaagarteen jiru qabxii jaha qofadha.
Niwkaasil sadarkaa 12ffaarra taa'us cimina taphattoota qabuun yoo ilaalamu bakkichi hin maluuf.
Kilaboonni taphoota yeroo Ayyaana Qillee warraa faranjootaa kanneen mo'an sadarkaa isaanii ol butachuu danda'u.
Niiwkaasil kana milkeeffachuu danda'a. Ipsiwiichiif kuni tapha jalqabaa dirree ofiirratti injifatu hin ta'u.
Tilmaama: 1 - 2
West Haam fi Biraayitan
Kuni tapha tilmaamuuf cimudha. West Haam hanga yoonaa cimee hin mul'anne. Kilabicha keessa taphataan tokkichi jabaa ta'ee Jaarod Boween qofadha.
Biraayitaniis bara dorgommii baranaa qormaata keessa jira. Taphoota afur darban injifachuu hin dandeenye.
Sababa balaa konkolaataan Maayikil Antooniyoon dirreerraa fagaateera. Bakka isaa ganna darbe kan mallatteesse Niklaas Faakrug carraa argachuu mala.
Biraayitan torban darbe Kiriistaal Paalaasin mo'amus taphni kuni carraa itti bayyanatudhas.
Tilmaama : 1 - 2
Paalaas fi Arsenaal
Gareewwan lamaan Roobii galgalaa Waancaa Kaaraabaawoo irratti wal arganii turan.
Taphicharratti taphattoonni Arsenaal injifataniiru. Taphni Sambataas morkiin cimaa kan irratti mul'atudha.
Taphni kuni Arsenaaliif salphaa hin ta'u.
Haa ta'u malee, karaatti qabxii sadii taphicharraa argatu hin dhabu.
Tilmaama: 0 - 1
Dilbata
Evartan fi Chelsii
Gaaffiin abbaa qabeenyummaa Evartan amma deebii argateera. Dhimmi itti aanu dhimma leenjisaa isaa Shoon Daayishidha.
Kilabichi liigicha keessa akka turu osoo leenjisaan turanii wayya.
Kilabichi sadarkaa cimaarra jiraachus baatu akkuma Arsenaal waliin godhe qabxii qooddachuu garee danda'udha.
Tapha kanaan Chelsiin dirreen ala qabxii sadii gonfata.
Tilmaama: 1 - 2
Fulihaam fi Saawuzaampitan
Fulihaam torban darbe Liivarpuul waliin taphatee garee cimaa akka ta'e mul'iseera.
Tapha kanaan leenjisaa haaraa kan hin qaxarre Saawuzaampitan carraan injifachuuf qabu xiqqaadha.
Ofitti amanamummaa taphattoota Saawuzaampitan gad bu'uurra darbee Liivarpuuliin mo'amanii Waancaa Kaaraabaa'oon ala ta'aniiru.
Leenjisaa haaraa yeroo muudan akkaataa taphaa akkamii akka filatan ilaaluun nama hawwisiisa.
Tilmaama: 2 - 0
Leestar fi Woolvis
Kilabiin Woolvis Votoor Pereeraa muudanis jifataan isaanii Maatiyaas Kuunyaa tapha kanarratti hin hirmaatu.
Taphattoonni Leestar leenjisaa Ruud Vaan Niistarlooy jalatti kaka'umsa mul'isanis ammallee Jeemi Vaardiirratti hirkataniiru.
Tilmaama: 1 -1
Maan Yunaayitid fi Barnimaawuz
Maanchistar Yunaayitid torban darbe Maanchistar Siitii injifatus Barnimaawuz irraa sadarkaa torba gad siqanii sadarkaa 13ffaarra jiru.
Gareen Maan Yunaayitid dalagaa hedduutu irraa eegama. Raashfoord kanaaf qophii hin fakkaatu.
Leenjisaan kilabichaa Ruuban Amoorim adeemsa haaraa hojiirra oolchuuf carraaqaa jiru.
Gama kaaniin Barnimaawuz imala gaariirra jira, carraa hedduus uumaa jira.
Amaad Diyaalo erga leenjisaan haaraa dhufan booda ga'umsa bareedarra jiraatus Barnimaawuzin ni mo'ama.
Tilmaama: 1 - 2
Totanhaam fi Liivarpuul
Totanhaam bara dorgommii baranaa takka cimaa, takka laafaa itti fufeera.
Tapha morkiin cimaa itti mul'atu waan ta'ef taphattoonni Liivarpuulis harka isaanii dachaasanii waan taa'an miti.
Totanihaam Mohaammad Saalah dhaabsisuuf carraaqqiin taasisan hawwataa ta'us waan milkaa'u miti.
Namoonni baay'ee Liivarpuul torban darbe Fuulihaam waliin taphatee qixa bahuun gaarii miti jedhanis tapha kudhaniin qabxii tokko argachuun waan guddaadha.
Tilmaama: 2 - 3