Namichi lootii birrii miiliyoona 60 ol baasu hatee liqimse to'atame

Namtichi lootii gurraa gatii jabaa hatee liqimse to'atame

Madda suuraa, Orlando Police

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Filooriidaatti namtichi lootii gurraacha gatiinsaa doolaara walakkaa miliyoonaa ol [birrii mil. 60 ol ] baasu hatuun shakkame tokko torban darbe keessa poolisiin to'annaa jala isa oolchuun yeroo muraasa dura lootiii hate liqimse.

Poolisiin Orlaandoo namichi umuriinsaa ganna 32 ta'e, Jaayitaan Gildar jedhamu, ''atileetota pirofeshinaalaa'' bakka bu'a jechuudhaan hojjattoota dhaabbata 'Tiffany & Co' kan mana daldalaa Filooriidaa keessatti argamanii sobe jechuun himateera.

Kanaanis, hojjettoonni ''kutaalee meeshaalee gatii jabaa qaban hedduu'' akka itti agarsiisan taasiseera.

Sana boodas Obbo Gildar lootii gurraa hatuudhaan mana daldalaa keessaa fiigee bahee jedhameera.

Guyyaa sana gara boodaa keessa qondaaltonni poolisi yeroo isa to'ataniitti, Obbo Gildar ''wantoota hedduu lootiiwwan gurraa hatame ta'uusaanii amanaman liqimsaa ture'' jedhe poolisiin.

Obbo Gildar lootii gurraa lama lama kan gatiinsaanii gara doolaara 769,500 (£597,000) baasuu, akkasumas qubeellaa daayimandii kan yeroo suuqii keessaa baqatutti harkaa kufee jedhame hatuuf yaaleera jedhameera.

Boodarra poolisiin raajii garaa nama kanaa keessatti wanti ta'e keessa jiru agarsiisu fakkaatu gadhiise.

Poolisiin Orlaandoo BBC'n gaafatamees, faaya sun gara shakkamaa keessaa haa baafamuu ykn haa dhiifamu hin ibsine.

Akkasumas poolisiin Obbo Gildar kanaan dura bara 2022tti suuqii Teeksaasitti argamu, 'Tiffany & Co', irraa hataa ture jedheera.

Kana malees, nama kana to'achuudhaaf ajajni garaa garaa 48 naannoo Koloraadotti bahee jira.

Poolisiin Obbo Gildar fuula aguuggachuun saamicha raawwachuu fi hanna cimaa sadarkaa tokkoffaa, kan meeshaalee gatiinsaanii doolaara kuma 100 ol ta'e hatuudhaan himateera.

Haata'u malee, hanga mana murtiitti dhiyaachuun balleessaan irratti mirkanaa'utti akka qulqulluutti fudhatama.