Iirfooniin gurra namichaa keessa waggoota shaniif dhokatee ture argame

Maxxanfame

Namtichi gurrikoo duudaa jira jedhee yaadda'aa ture, qaamni iirfoonii waggoota shaniif gurrasaa keessa ruuqamee turetu isa rakkisaa akka ture bare.

Gaheessi maqaan isaa Waalaas Lii jedhamu kibba Inglaand magaalaa Weymouth jiraatu, rakkoo gurri isaa dhagahuu dadhabuu isaaf sababni hojii hojjetu jedhee yaada ture.

Aabba Waalaas indastrii akkaan sagalee olka'aa qabu, damee balaliinsa xiyyaaraa keessa hojjeta ture, akkasumas miidhama tapha raagbii irraan kan kahes akka tahe yaada ture.

Meeshaa endoscope rakkoo jiru manumatti itti mul'isuu danda'u erga bitatee booda, waan xiqqoo adii taate wahii fagoo jirtu arge. Kana boodas doktora bira deemuuf murteesse.

Danqaan achi keessa rakkatee ture wayita bahutti, aara akka galfate dubbate.

Namni damee loltummaa Royal Navy keessa tajaajilaa ture kun, meeshaan kun gurrasaa keessa kan ruuqamte yeroo balallii xiyyaaraa tokkotti tahuu akka hinoolle dubbata.

''Ganna shaniin dura maatiikoo Awustiraaliyaa jiraatan gaafachuuf wayitan adeemu, earplug waa itti daddabaluun jijjiiran tokko biteen ture. Kunis sagalee xiyyaara keessa jiru to'achuuf kan gargaarudha,'' jedha.

''Isaan keessaa isheen tokko achi galtee rakkachuun, achi keessa haga ammaa hafte.''

Dandeettiin dhagahuusaa hir'achaa dhufuu isaatiin, haadha warraa isaa wajjin gurri isa duuda jedhanii yaaddoo keessa seenan.

Aabba Lee waggoota keessa marroo hedduuf gurrasaa banuuf yookaan qulqulleessuuf yaaluus otoo hin milkaa'in hafe - fala dhabees abdii kutatee akka tures dubbate.

Hakiimni gurra, funyaaniifi kokkee (ENT) meeshaa ruuqamee ture milkaa'inaan baase, ajaa'ibsifachuusaaa hime.

''Jalqaba doktorichi xuuxee baasuuf yaale... Haatahu malee sababa yeroo dheeraaf achi keessa turuun, guurii gurraa wajjin walitti maxxanee waan tureef, sochoosuu hin dandeenye.

Kanaafis meeshaa akka piinsaa bicuu taate fayyadamuun ujummoo wahii keessa galchan... Wayita harkisufaa natti dhagahama ture, achis battalumatti sagalee pop jedhu dhageessise.

Waan kutaa sana keessa duddubbatan hunda dhagahuu calqabe. Golgaan sammuu koo keessa bara sana hunda ture ni godaaane - akka dansaa dhagahuu calqabe,'' jedha gaheessi kun.

''Aara galfii guddaa ture... akka haaraatti yeroo jalqabaaf dhagahuuti.''

Hakiimni baqaqsanii yaaluu ENT Neil De Zoysa akka BBCtti himanitti, waan gurra keenya keessa jiru manumatti ilaaluun hagas mara rakkoo hin qabaatu.

Haatahu malee, waan gurra keessa rakkate tokko qarqaarsa ogeessa fayyaan alatti baasuun garuu sirrii miti jedhan. Maaliif jennaan, infekshinii godhachuu waan dandayuuf, akkasumas rakkoo walxaxaas fiduu waan maluuf.