Arsenaal, Maan Yunaayitid fi Chelsiin Raayis irratti wal qabaa jiraachuu dabalatee jijjiirraa Saakaa, Feliiks fi kaan odeeffamaa jiru

Maxxanfame

Maacnhester Yunaayitid taphataa lammii Poorchugaal Gonkaloo Raamos Paawondii miliyoona 100 ol baasee fudhachuuf Benefikaa waliin dubbachaa jira. Taphataa umuriin isaa waggaa 21 ta'e kana fudhachuuf Maanchester Yunaayitid karaa dheeraas taanaan nan deema jechaa jira. (Mirror)

Chelsiin Maawrisiyoo Pochetiinoo leenjisaa godhatee fudhachuuf carraaqqii inni taasisaa jiru, taphataa sarara gidduu Firaans Nigoolaa Kaantee kontiraata haaraa akka mallatteesisiifatuuf abdii itti horaa jira. Taphataa umurii waggaa 32 kan ta'e Kaantee Istaamforrd Biriij akka turuuf Pochetiinoon amansiisuu danda'a jedhamaa jira. (Telegraph - subscription required)

Chelsiin taphataa lammii Gaabon Emiriik Awubaamaayaang umuriin isaa waggaa 33 ta'eefi taphataa lammii Ispeen Maark Kukurellaa umuriin isaa waggaa 24 ta'e dabarsanii kennuun, taphataa lammii Poorchugaal umuriin isaa waggaa 23 Joao Feliisk liqiidhaan Atileetikoo Maadiriid irraa dhufee isaan bira jiru hambifachuuf yaalaa jiru. Kana milkeeffachuuf ammoo mariitti jiru. (Standard)

Maanchester Yunaayitid taphataa lammii Inglilaand Dekilaan Raayis umuriin isaa waggaa 24 ta'e fudhachuuf Arsenaaliifi Chelsii waliin morkii keessa seeneera. Maanchester Yunaayitid taphataa sarara gidduu kana fudhachuuf dorgommii keessa kan seene ammoo ga'umsa addaa taphataan kun Dilbata darbe Maanchester Yunaayitid waliin qabanirratti gareen isaa agarsiise hordofeeti. (Sun)

Baayer Liiverkusan ammoo taphataa sarara gidduu Arsenaal umuriin isaa waggaa 30 ta'e Giraanii Zhaakaa mallatteesiifachuuf fedhii qabu. Taphataan lammii Siwiizarlaand kun garee biyya Jarman kanatti makamuuf fedhii akka qabu barameera. (Mirror)

West Ham taphataa lammii Siwiidin umuriin isaa waggaa 24 ta'e yeroo ammmaa kana Koventirii Siitiif taphatu Viktor Giyookeres fudhachuuf fedhii agarsiisaa jira. (Mirror)

Arsenaal taphataa lammii Inglilaand umuriin isaa waggaa 21 ta'e Bukaayoo Saakaa osoo taphni bara kanaa hin xumuramiin waggaa shaniif kontiraata haaraa mallateesifachuu barbaadaa jira. Kontiraata haaraa yaadame kanaan Saakaan torbanitti miindaa Paawondii 300,000 argachuuf jira. (TalkSPORT)

Liiverpuul Ispoorting daarektarii haaraa lammmii Jarman ta'e Jorg Schmadtke qacarachuuf marii ballaa gaggeesseera. (Mail)

Taphataan Everten Abdulaay Dokuuree kan umuriin isaa waggaa 30 ta'e kilabicha keessa turuufi dhiisuu hin barre jedhe. Taphataan sarara gidduu Firaans kun kontiraanni isaa ganna kana kan dhumatu yoo ta'u carraa ji'a 12 haaromsuunis ni jiraata jedhe. (Daily Mail)

Taphataan Baarseloonaa lammii Ispeen ta'e umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 34 irra jiru turtii waggaa 15 booda Niiwu Kaamp gadhiisuuf jira. Taphataan sarara gidduu kun gaafii kontiraata akka haaromsuuf Baarselonaarraa isaaf dhiyaate dideera. (Marca - in Spanish)

Karra eegaan Maanchester Yunaayitid Daavid de Heyaan kontiraata haaraa mallatteessuuf waliigaleera garuu yeroo gabaabaaf jedhameera. Kun ta'ee taphataan umurii waggaa 32 lammii Ispeen ta'e kun kilabichaaf filannoo tokkoffaa ta'ee itti fufuuf wabiin hin jiru. (Telegraph - subscription required)

Taphataa duraanii sarara gidduu Ingilaand kan ta'e Jams Milner yeroo kontiraanni isaa Liiverpuul waliin qabu ganna kana xumuramutti Everten galuu danda'a jedhamus dideera. Taphataan umurii waggaa 37 kun Erten caalaa Biraayitaniin filateera. (Football Insider)