Dambalii ho'aa biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa keessatti yaaddoo uume

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES
Biyyoonni Awurooppaa hedduun ho'a waggoota dhiyoo as mudatee hin beekneen dararamaa jiru.
Dambaliin ho'aa kun Firaans keessatti hammaannaan biyyattiin dorgommii manaan alatti taasifamu dhaabde.
Konsartii fi sagantaawwan uummataa hedduun akka hin gaggeeffamne dhorkamaniiru.
Firaans keessatti Kamisa darberraa kaasee hammi ho'aa 40C ga'eera, ho'i kun hanga Sambata har'aatti kana caalaa akka dabalu biyyattiin akeekkachiiste.
Biyyattii keessatti ho'i akkanaan dabalee hin beeku.
Saayintistoonni yeroon ho'aa Awurooppaa keessatti haala kanaan dura hin baratamneen dheerachaa jira jedhan.
Itaalii, UK fi Ispeen keessattis ho'i akkaan dabaleera, kun hunduu sababa jijjirama qilleensaati jedhan saayintistoonni.
Ministeerri Biyya keessaa Firaans namoonni ho'aaf of saaxiluurraa akka of eeggatan akeekkachiisan.
Dhaabati raaga haala qilleensaa biyyattii ho'i hamaan biyyattii mudachuuf akka jiru ibsuun, kunis dambaliinsaa Kaaba Afrikaa irraa garas akka imalaa jiru ibsan.
Magaalaan Paaris dambalii ho'aan kanneen rukutaman keessaati, ho'i magaalattii 39C ga'eera jedha raagi haala qilleensaa.
Kana malees gogiinsi biyyattii mudate bineensota bosonaa guddoo dararaa jiraachuus ibse.
Jiraattonni magaalota Firaans garaagaraa yaaddoo isaanii ibsaa jiru, ho'a akkanaa arganii akka hin beekne himu.
''An umriin koo waggaa 86. Asumattin dhaladhee guddadhe. Ho'a akkanaa argee hin beeku,'' jedhan jiraataan magaalaa Toulouse Jacqueline Bonnaud.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ispeen erga jaarraan kun eegalee ho'a isa hammaataa keessummeessaa jirti.
Raagi haala qilleensaa biyyattii akka mul'isutti Sambattan kana ho'i 43 ga'uu mala.
Kutaan biyyaa Kaatalooniyaa balaa abiddaa, osoo hin to'atamin dura hektaara 20,000 gubuu danda'uun dararamaa jirti jedha bulchiinsi naannochaa.
UK naannawa Kibba Ingilaand keessatti ho'i qilleensaa 33C ga'a jedhamee raagame.
Landan keessatti ho'i fayyaaf yaaddessaan mudachuu mala yaaddoon jedhu jira.
Ho'i hammaataan tibbana kan mudate Awurooppaa qofa miti, US's akkaan hubeera.
Lammiilee Ameerikaa keessaa tokko sadaffaan sababa ho'i hammaateef akka mana turan akeekkachiifamaniiru.
Indiyaa, Delhi keessatti guyyoota bonaa biyyattii 25 darbaniif ho'i yoo xiqqaate 43C ga'eera jedha gabaasi haala qilleensaa biyyattii.
Jijjiiramni haala qilleensaa addunyaaf yaaddoo jajjabduu ta'aa jira. Aarri gubataan heddumminaan qilleensatti gadi lakkifamu ho'a aduu ofitti harkisa.
Kunimmoo dachiin kun akkaan akka ho'itu taasiseera.
Kunimmoo ho'ina haala qilleensaa addunyaaf yaaddoo ta'e kana fideera.












