Taphni Arsenaal fi Maan Siitiin waliin qaban Piriimer Liigii bara kanaa eenyu akka mo'atu murteessa -Gaardiyoolaa

Maxxanfame

Piriimer Liigii Ingliiz bara kanaa (2023) xumuramuudhaaf amma yeroo ji'a lama hin guutnetu hafa ykn taphoonni 30 taphatamanii saddet qofaatu hafa.

Taphoonni hafan saddettan kunneen ammoo eenyu akka mirgaan galu, eenyu ammoo 1-4 keessa akka galuufi kilaboota 20 keessaa warra kamitu gadi bu'a kan jedhu ammas murteessuuf jiru.

Keessumaa waancaadhaaf wal morkataa kan jiran Arsenaaliifi Maanchester Siitiidhaaf taphoonni isaan hafu murteessaa ta'uun isaa akkuma jirutti ta'ee, kan kilaboonni kunneen Ebla 26, 2023 waliin taphatan addatti barana eenyu akka mirgaan galu agarsiisuuf ta'a.

Amma Arsenaal qabxii 3 qofaan caalee 73 qabachuun dursaa jira. Maanchester Siitiin ammoo Sambata kaleessaa Leester Siitii 3-1n mo'atee 70 qabatee lammaffaarra jira.

Aresnaal bara kana cimina ajaa'ibaan deemaa jira kan jedhe leenjisaan Maanchester Siitii, Peep Gaardiyoolaan, "carraa nuti qabnu mo'achuu qofaadha," jedhe tapha Arsenaal waliin qaban ilaalchisuun.

Shaampiyoonaa bara darbee kan ta'e Maanchester Siitiin kanaan booda Biraayitan, Arsenaal, Fuulhaam, West Haam, Liids Yunaayitid, Everten, Chelsiifi Birentifoord waliin qaba.

Arsenaal ammoo kan har'aa West Haam waliin taphatu malee, Saawozhaampitan, Maanchester Siitii, Chelsii, Niiwukasil, Biraayitan, Notingihaam Forestiifi Wolviis waliin isa hafa.

Bara kana hojjetoonni TV fi raadiyoo keessaa walitti babba'an 22 Piriimer Liigii xumuramaa jiru kana eenyu akka mo'atuufi eenyu ammoo 1-4 akka bahu tilmaamanii turan.

Tilmaama namoota 22 kana irratti hundaa'uun sadarkaan waliigalaa yoo bahutti:

1. Maanchester Siitii, 2. Liiverpuul, 3. Tootenhaam, 4. Chelsii, 5. Arsenaal, 6. Maanchester Yunaayitid agarsiisa.

Taphawwan 30 taphatamanii saddet qofti yeroo hafee jiru kanatti gabateen Piriimer Liigii Ingiliiz kan agarsiisu garuu akka hojjetonni TV fi raadiyoo tilmaaman fakkaataa hin jiru.

1. Arsenaal, 2. Maanchester Siitii 3. Niiwukasil, 4. Maanchester Siitii, 5. Tootenhaam, 6. Aston Viilaa agarsiisa

Akka tilmaama isaanii kanatti, sadarkaa bara darbee waliin yoo ilaalamu Tootenhaam fi Chelsii qofatu bakka wal jijjiire malee kaan walfakkaata.

Bara darbe 4ffaa bahee kan xumure Tootenhaam, bara kana ammoo bakka Chelsii bara darbee fudhachuun 3ffaa ta'ee xumuraadha.

Taphoonni Piriimer Liigii bara kanaa sababa Waancaa Addunyaa Kaataaritti Sadaasa 21 irraa hanga Mudde 18 gaggeeffameen taphoota marsaa 16 booda addaan citee Mudde 26 deebiyee jalqabe.

Kun ammoo taphattoota garee biyya isaaniif taphatan miidhuufi dadhabsiisuullee waan danda'uuf Piriimer Liigii kana adda taasisa.

Taphoota hafan ilaaltanii eenyutu mo'ata jettu?

Maanchistar Siitiin yeroo amma kilaba kamuu caalaa raawwii gaariirra jira, tapha kaleessaan Leestar Siitii 3 fi 1n mo'achuu garaagarummaa qabxii Arsenaal waliin qaban saditti xiqqeessaniiru.

Waancaa Chaampiyoonsi Liigiifis akkaan falmataa jiru, nuusa xumuraaf darbanii marsaa duraa Baayer Muunikiin mo'atanii jiru.

Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaan garuu tapha Arsenaal waliin qaban salphaatti akka hin ilaalle dubbate.

''Kan taphannu mo'achuuf. Akki isaan [Arsenaal] itti deemaa jiran salphaa miti. Salphaatti qabxii gatu jedhee hin yaadu, kanaafuu nutis itti cimuun dirqama,'' jedhe.

Arsenaal taphata Dilbata har'aa West Haam waliin qabu mo'ate garaagarummaa qabxii Siitii waliin qabu ja'aan ga'ata, Jimaata dhufu tapha kilaba goda jiru Southampton waliin qabu mo'atee garaagarummaa qabxii sagaliin ga'achuuf carraan harkasaa jira.

''Tapha kana yoo mo'amne waancaan achumarratti xumurameera,'' jedhe Gaardiyoolaan.

Arsenaalitti dhihaachuuf carraa arganne duguugnee fayyadamnee bakka kana gahuutu nurra ture. Carraan kun hangam akka ulfaatu beeknee itti adeemna, garuu sana dura tapha walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii fi waancaa FA qabna."