Yukireen yakkoota waraanaa 21,000 qorachaa jiraachuu himte

Maxxanfame

Abbaan Alangaa Waliigalaa Iryanaa Venediktoova akka BBC’tti himtetti, guyya guyyaan himatni yakka waraanaa 200 hanga 300 ta’u isheetti ni gabaafama.

Dhaddachootni hedduun kan gaggeeffamu bakka himatamtoonni hin jirretti ta’uu ibsuun, ta’us garuu qorannoon kana gaggeessuun kan barbaachise ‘gaaffii haqaa’ waan ta’eefidha jetti.

Raashiyaan Guraandhala 24 irratti Yukireeniin weerarte. Yakka waraanaa ittiin himatamte hundas ni haalti.

Aadde Iryaana loltoonni Raashiyaa kan lammilee nagaa gudeedan, dararan fi ajjeesan, “yeroo fudhachuu danda’us mana murtiitti dhiyaachuun isaani akka hin oolle hubachuu qabu,” jetteetti.

Gartuun qorattootaa ishee Yukireen keessatti bakka adda adda deemuun qorannoo gaggeessa kan jiran ta’us, naannolee fi namoota tokko tokko bira ga’uun waan hin danda’amneef qorannoo hunda “qulqullinaa fi sirriitti” gaggeessuu akka hin dandeenye himteetti.

Caamsaa keessa, shakkamtoonni 600 ta’an adda baafamanii, himatni 80 eegaluu ibsiteeti.

Loltuun Raashiyaa yeroo jalqabaaf Yukireen keessatti dhaddachatti dhiyaate, Saarjent Vadiim Shishimariin, Caamsaa keessa nama nagaa ajjeesuun himatamee hidhaan umurii guutuu itti murtaa’eera.

Yuukireen magaalota akka Buchaa, Borondyaanka fi biroo kan yeroof loltoota Raashiyaan to’atamanii turan keessatti bakka awwaalcha jumlaa argachuu ishee himti.

Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa Yukireen ‘bakka yakkaa’ taateetti jechuun, gartuu qorattoottaa guddaa argamee hin beekne qorannoo akka gaggeessaniif Yukireenitti ergeera.

Raashiyaan irra daddeebiin himata lammilee nagaa irratti xiyyeefateera jedhu haaleera.

Waraanni Yuukireen akka jedhutti loltoonni Raashiyaa magaalota hedduu irratti haleella banuun, naannoo Denetsikii irratti haleellaa gaggeessuuf qophaa’aa jiru.

Torban darbe keessa naannaa Luhaansikii jedhamu harka caalaan Raashiyaan to’ateetti.