Daani’eellaa Kiletee: Miseensi garee ‘Reed Armii’ Jarmanii barbaacha waggaa 30n booda to’atamte

Daaniiyelaa Kileetee

Madda suuraa, INTERPOL

Maxxanfame

Dubartiin miseensa ‘Garee Reed Armii’ (Red Army Faction (RAF)) biyya Jarmanii waggootaaf rakkiisaa turaniiti jedhamte tokko barbaacha waggaa 30 booda to’annoo jala oolfamte jirti.

Poolisiin hordoffii taasisee dubartii umuuriin waggaa 65 Daaniiyelaa Kileetee Wiixata galgala keessa bulchiinca Kiruuzbarg kan Bariliiniitti argamutti to’annoo jala oolche.

Dubartii tanaan alattis namni eenyummaansaa adda hin baafamne kan biraas ishee waliin to’annoo jala oolfamuun himame.

Daaniiyelaa Kiileetee garee hidhattoota harbeessitoota faar-leefti kan Jarmanii waggootaaf shororkeessaniiti jedhamte jirti.

Dubartii tanarrattis himannaawwan yaalii ajjeechaa fi saamicha cimaa irratti dhiyaateera.

Namtichi Daaniiyelaa Kiileetee waliin to’annoo jala oolfames kan ishee waliin umurii wal fakkaatu keessatti argamu kan fakkaatuufi waraqaa eenyummaa sobaa qabate argameedha jedhameera.

Haata’u malee poolisiin hanga ammaatti eenyummaa nama kanaa ifa hin taasifne.

Dubartiin tunis bakka itti yakka saamichaa ittiin shakkamte itti raawwattee jirti jedhamu gara bulchiinsa Bireemaniitti hilikoptaraan kan geeffamte yoo ta’u, hanga mana murtiitti dhiyaattuuttis hidhaarra turti jedhameera.

Poolisiin barruu qubaatti fayyadamuun eenyummaashee kan adda baase yoo ta’u, yeroo to’annoo jala oolfamteettis mormii omaatuu hin agarsiifne jedhameera.

Barbaacha waggoota 30 booda poolisiin to’annoo jala oolchu kan itti danda’es, eeruu baatiiwwan muraasaan dura hawaasa irraa isa qaqqabeen.

Aanga’oonni dubartiin tunis wagga 30 guutuu attamiin dhokatte akkasumas Jarman keessa jiraachaa turte immoo hin turre, fi qaamni ishee gargaare jiraachu akka hin barre dubbatan.

Apaartimantiin isheen keessa jiraataa turte kan sakata’ame yoo ta’u, sakkatta’insa kanaanis poolisiin rasaasawwan, mana rasaasaa akkasumas shuquxii argachu beeksiiseera.

Aanga’oonnis to’atamu dubartii tanaatiin ‘‘shororkeessummaa’’ irratti qabsaa’uun boqonnaa olaanaa ta’u kan ibsan yoo ta’u, hanga barbaadee dhokatan illeen miliquun akka hindanda’amne hime.

Suuraa shakkamtootaa

Madda suuraa, BKA

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin Jarman bara 2016tti Daaneeyelaa ammaafi namoota gara biraa barbaadaman lama suuraasaanii gadhiisee ture

Dhaloota sadaffaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen hidhattoota Garee Reed Armii (RAF) yeroo ammaa bittinnaa’e kunis waggoota 971-1993 jidduutti namoota 34 ajjeessaniiru jedhameera.

Akkasumas namoonni 200 ol ta’ani irra ammoo miidhaan qaqabuutu himame.

Gariichis dureewwan siyaasaa, ittigaafatamtoota daldalaa irratti qiyyeeffate kan ture yoo ta’u, kanneen garee kanaan miidhaman keessaa Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Dura taa’aa Baankii Dachi keessatti argamu.

Qondaaltoonni Aaddee Daaniiyelaa Kiileetee qaamaa garee dhaloota sadaffaa RF jedhamuu fi baroota 1980motaa hanga 1990tomaa si’omaa turee ta’ushee himatu.

Garichis Dursaa Baankii Dachi boombii daandii irraatiin ajjeessuun akkasumas nama siyaasaa Baha Jarmanii Koministii duraanii keessatti daldala gara dhuunfaatti naanneessuuf itti gaafatamummaan kennameef manasaatti itti dhokaasuun ajjeessuun himatama.

Bara 1991 keessa ammo garichi imbaasii Ameerikaa kan magaala lixaa Boon keessatti argamurratti haleellaa bananii ture.

Haleellaa sanaanis kan miidhame jiraachu baatulleen, garuu barruun qubaa Aaddee Daaniiyelaa Kiileetee boodarra naannichatti argame.

Waggaa lamaan booda ammo, garichi mana hidhaa haaraa ijaaramaa ture irratti boombii darbachuudhaan gariisaa barbadeessee ture.

Gareen Reed Armii kunis sochii barattootaa keessaa bara 1960moota keessa kan dhalateedha.

Kaayyoon garichaas Kaappitaalizimii Jarman Liixaa dadhabsiisuu yoo ta’u, riphee loltoota Jidduugala Bahaa waliin hidhata qabu.

Gareen kunis hanga ammaattu yeroo tokko tokkoo naannawa harbeessitoota leefti-wiingi jedhamaniitti ni mul‘ata.