'Sababii kootiin duute': Jecha abbaa intala waggaa kudhanii adeemsa qorannoo ajjeechaa battalatti jijjire

Madda suuraa, BBC/Julia Quenzler
Gaafa Sadaasa 13, 2024 jechuunis mucayyoon waggaa 10, Saaraa Shariif erga ajjeeffamteen baatiiwwan afuriin boooda taateen mana murtii dhimmicha ilaalaa ture naasiseefi afaan bansiisee tokko mudate.
Dhimmi ajjeechaa Saaraa kun UK mana murtii Old Bailey jedhamuutti ilaalamaa ture.
Guyyaa sanas abbaan Saaraa Urfaan Shariif guyyaa torbaffaa irratti ragaa kan bahee saanduqa ragaa keessaa osoo hin turre akkuma tasaa, wacuudhaan, jechoota adeemsa dhaddachaa jijjiiran dubbate.
"Sababa kootiin duute," jedhan.
Hanga guyyaa sanaatti duuchaadhumatti haaluudhaan, ajjeechaa raawwatameef haadha warraa buddeenaa Saaraa himataa ture.
Amma garuu akkuma tasaa du'a intalasaatiif itti gaafatamummaa guutuu fudhate.
Yeroon sunis yeroo murteessaa dhaddachi ajjeechaa mucaa kanaa qoratu torban saddeetiif ture yoo ta'u, haallisaas abbootiin murtii kan jeeqee fi onnee cabse ture.
Abbootiin seeraas waa'e jireenya gabaabaa Saaraa karaatti hafe, dararaa, reebichaafi miidhaan irra gahe sukkanneessaa bal'inaan dhaggeeffatan.
Adeemsa keessasi diraamaa mana murtii yoo abbaa warraa fi haati manaa wal irratti ka'an kessummeessaa turan.
Akeekkachiisa: Barreeffamni kun ibsa miidhaa miira keessa miidhu qaba
'Jajjabinatti baay'ee dhihoodha'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaddachi kunis kan jalqabe erga Saaraan mana maatiishee keessatti siree irratti duteerra qophaatti gatamtee argamtee boodadha.
Mana murtii Landan Old Bailey jedhamu kan bakka keessa dhaabbatan oflaaniin dalleeffame keessa, namoonni sadan ajjeechaa Saaraatiin himataman turan. Isaanis; Abbaan Saaraa Urfaan Shariif, haati buddeenaashee Beenaash Baatool fi eessuma ishee Faayisal Maalikiti.
Qondaaltotaan adda kan baafaman taʼus, garuu jajjabinaaf baayʼee walitti dhihoo turan.
Abbaan alangaa Bill Emlyn Jones KC jalqaba dhaddachaa irratti ''waldhabdeen sammuu himatamtoota gidduutti uumameera,'' jedhan.
Shariif shamizii adii fi jaakkeetii gurraacha uffatee ture. Suuraalee isa caalaa baayʼee qallaa ture. Baatool ammoo manatsirii warqee qabu kan uffatte yoo taʼu, jaakkeetii kaawwachuun, rifeensishee duubatti hidhattee turte.
Torbanoota dhaddacha keessatti dabarsaniittis yoo ija keessa wal ilaalan gonkumaa hin mul'annee ture. Yeroo baayyee fuuldura isaanii ilaalu turan. Yeroo tokko tokko ammoo tullaa ragaalee ilaalu turan.
Guyyoota Baatool dursitee dhufteetti, abbaan manaashee bakka teessoo isaa gaʼuuf xiqquma isheerraa fagaatee deema ture. Walitti garagalaniis, walitti dubbataniis hin beekan.
Lamaanuu yeroo baayʼee ni booʼu turan. Sagaleen boo'ichashee mana murtii guuta ture. Guyyaa tokko Shariif aariidhaan bakka dhaabbatu keessaa yoo bahu adeemsi mana murtii addaan citee ture.
Itti fufee ammoo, saanduqa ragaa keessaa haadha warraasaatiin kan sammuun dhukku ("psycho") jedhee maqaa kennaaf. Boodarra ammoo boodatti deebii'a. Isheenis gaaf tokko osoo inni ragaa kennu "sobduu" jettee waamteen.

Madda suuraa, Olga Domin
Keessumaa guyyoonni dhaddachaa jalqabaa kan nama rifachiisan turan. Miidhaan Saaraa kan gara jabummaa guutame akka ture abbaan alangaa kan hime.
Bu'aa raajii (X-ray) caba lafee Saaraa agarsiisu iskiriinii irratti agarsiifame. Suuraaleen kompiitaraan qaamnishee madaa bal'aa qabaachu agarsiisan. "Ibsa sukkanneessaan kun si jeequu danda'a jedheen sodaadha," jechuun abbaan alangaa garee murtii (jury)f ibsan.
Abbaan alangaa kunis miidhaawwan suukaneessaa hedduu, kan durii fi haaraa, cabaa fi irra deebiin caba mudate, madaa waraanamee fi dirame, gubaa, bishaan kan gudduufatee fi mallattoo ciniinnaa dagarsiisan.
Garaa Saaraa irra miidhaa fi mataanshees garmalee akka miidhame argama. Kanarraa ka'unis Saaraa yeroo sukkanneessaa hamaa attamii keessa akka dabarte yaaduudhaan hirmaattoonni dhaddachichaa miira hamaa keessa turan.
Akkasumas abbaan alangaa waraabbii keessoo mana bakka Saaraan jiraataa turtee fi bakka itti ajjeeffamte agarsiisan.

Madda suuraa, BBC/Julia Quenzler
Rifaatuun gara gadda cimaatti jijjiirame
Dhaddachi eegalame torban sadiin booda abbaan seeraa Shariif Na'eem Miyaan KC waan qabatamaarra gahe.
"Amma wanti ta'uuf deemu, Obbo Shariif waan jireenyasaanii keessatti deemsa dheeraa ta'e sana irraa gara saanduqa ragaa ba'uutti fudhachuuf jira" jedhe. Manni murtii ni callise.
Abbaan Saaraa jiinsii uffatee balbala buufata bakka mana murtii keessa dhaabbatutti tarkaanfii sadan tokkoo yoo fudhatee gara mana murtiitti gadi bu'u mul'ate.
Yeroo gara saanduqa ragaattii osoo adeemaa jiruu bo'ichaa eegaluudhaan sooftii saanduqa fuuldura isaa jiru keessaa harkisaa ture. Akkuma inni taa'een abukaatoon isaa suuta jedhee of eeggannoodhaan akkuma barame isa geggeesse. Sagalee gadi qabatee fi gungumaa dubbata ture.
Guyyoota jahaaf Obbo Shariif duuti intalasaa isa akka hin ilaalanne waakkachuu itti fufee ture. Saaraa kabalu kan amane yoo ta'u garuu reebuu haalee ture. Yeroo miidhaan irra qaqabu achi hin turre jechuudhaan badiin kan haadha warraa saa ta'u cimse morme.
Garuu nama sobaa addaa ta'unsaa adda bahe.
Yeroo ragaa bahu miira gaddaa cimaa keessa seenuun yeroo baayyee kan boo'u yoo ta'u, yeroo baayyee jecha isaa baasuuf rakkachaa ture. "Saaraa koo" jechuun irra deddeebi'ee dubbata ture. Imimmaaniin guutamee waa'ee "ergamtuu bareedduu" kan nyaanni ishee jaallatu ruuzii lukkuun fi halluun diimadii jaalattu ta'u dubbata.
"Isheetti dhiyaatta turtee?" jechuun gaafateen abbaan seeraasaa. "Eeyyee" jedhee deebiseef Shariif.
Intallisaa kaasuusaa keessatti yoo duutetti "ofan wallaallee" jedhe. "Ani ofi wallaaleen ture. Addunyaa guutuun natti gombifame." Wayita dubbatu kan dura itti qophaa'e fakkaata ture.
Guyyaa lammaffaa jecha kennettis Shariif irraa waan diraamaa ta'e tokko ture. Sagalee ol kaasee fi miiraan kan guutame Shariif gara haadha warraasaatti quba qabuudhaan "kan sammuun xuqamtee" fi "hamtuu" jechuun ishee waame.
Garuu Shariif dhumarratti kan dandamachu dadhabe, gaaffii qaxxaamuraa fooransikii abbaa seeraa haadha warraasaatiin gaafatameen ture.
Kaaroolaayiin Kaarbarii Carberry KC, seenaa isaa darbe, jaalalleesaa duraanii ajjeesuuf doorsise jedhamuu fi hidhaa sobaa inni hidhameera jechuun himatee qottee baase.
"Ati sobaa jirta, nama burjaajeessita, sobaan nama amansiifta," jechuun itti fuftee Aadde Kaarberii KC.
Gaaffii isheetiif akka dhaabbatu gootee, ammas gara maamilashee kan saanduqa keessa jirtutti yoo akeeku isatti deebiite.

Madda suuraa, BBC/Julia Quenzler
Kan wanti hundi itti jijjiirame guyyaa ragaan itti dhagahamu guyyaa torbaffaarratti ture.
Shariif waa'ee guyyaa dhaloota ijoolleesaa keessaa tokko irratti hin argamiin irratti gaaffii gaafatamaa ture. Innis gaaffii haadha seeraa addaan kutuuf yaaluun kan ture yoo ta'u, isheen immoo gaaffiiwwan sanaaf deebii akka kennuf cimsitee itti fufte.
Dhumarrattis dhugaa baasuu danda'eera. "Waan tokko jechuu barbaada," jedhe akkuma tasaa.
"Wanaan karaa bilbilaa fi yaadannoo barreeffamaakoo keessatti dubbadhe hundi kan koo ta'usaa nan amana." Hundu waan inni jedhe hanga hubataniitti cali jedhan.
Sana booda Aadde Kaarberii KC, yaadannoo reeffa intalasaa bira kaa'e deeme sana qabattee itti fiigde. Sarara sararaan keessa deebii'uu eegalte.
"Intalakee reebichaan ajjeestee?" "Eeyyee" jedhee deebiseef. "Sababa kootiin duute."
"Miidhaa sana kan isheerra geessise sidha mitii?" "Eeyyee ana," jedhe.
"Lafee cacabe irraan gahu ni fudhattaa?" "Eeyyee maam." "Ati battee kirikeeti fayyadamtee?" "Eeyyee maam." "Ulee sibiila adii fayyadamtee?" "Eeyyee maam."
Ammuma inni gochaa gara jabinaa kana raawwaachuu amanaa adeemu, naasuun gara rifaatutti jijjiiramee, rifaatuun immoo gara sodaatti jijjiirame.
Miseensoonni gumii murteessitootaas tokko tokkoon afaan banatanii hafan.
"Waan hundaaf itti gaafatamummaa guutuu nan fudhadha," jedhe Shariif.
Duraan garuu iqisee boo'aa ture. Haatii warraa saas boo'aa turte.
Abbookaatoon isaa mataansaa bitaa itti gale. ''Waan inni jechaa jiru ilaalchisee wantin ani beeku tokkolleen hin turre. Yeroo inni kana dubbatu maaltu akka natti dhagahamu yaadu dandeessa'' jechuun booda gumii abbootii seraatti hime.
Miseensoonni gumii seeraa mataansaanii bohaa turan. Sababii kanaatiin adeemsi dhaddachaa adda kutame.
Shaariif garuu Saaraa ibiddaan gubuufi godaannisa reebichaa irraan gahu haaluu itti fufe.
Haatii seeraa Kaarbiir KCn tarii himannaan ajjeechaa akka isarratti banamu kan barbaadu yoo ta'ef irra deebiin gaafatte.
"Eeyyee ma'am" jedhe, osoo abukaatoonsaa gidduu seenee akka isa haasofsiisu hin gaafatin dura.
Manni murtii deebi'ee yoo eegalutti ammoo Shariif yakka ajjeechaa raawwachuu hin fudhadhu jedhe. "Ani ajjeesuuf hin yaadneen ture" jedhe.
'Hangam lafatti gadi jettee jilbeenfatta?'
Shariif guyyaa sagal saanduqa jecha ragaa keessa ture. Dhumarratti maaltu akka inni raafamu isa taasise yoomiyyuu hin baramne.
Tarii dhiibbaa soba cimaasaa hordofe ta'u malaa? Moo karaan itti bahan akka hin jirre hubateeti?
Abbaan murtii haadha buddeenaa Saaraa irraa dhaga'uu hin dandeenye. Baatool ragaa kennuu dide. Kanaaf, dirmammuu ciniinnaa qaama Saaraa irratti argame wal bira qabuuf ilkaanshee akka qoratamuuf kennuu maaliif akka ibsuu didde hin beeknu.
Akkasumas eenyu akka sibiilaan gara jala Saaraa akka gubate gonkumaa hin beeknu. Shariif isa akka hin taane cimsee dubbate.
Gaaf tokko abbaan alangaa Saaraa gadi qabanii, nama gubuuf nama lama barbaachisa tjedhe. "Eenyutu gube?" jedhee gaafate.
"Hin beeku Gooftaa, ijoollee ta'uu qaba?" jedhee deebiseef Shariif. "Hangam lafatti gadi jettee jilbeenfatta?" jedhee deebiseef abbaan alangaa.
Wanti nuti beeknu Baatool yoo xiqqaate, waggota lamaaf abbaan warraa ishee Saaraa akka reebu beekti turte.
Gareen gumii seeraa erga sa'aatii sagalii fi daqiiqaa 46f mari'atanii booda, shariif qofaasaa intala waggaa 10 akka hin rajjeefne murteesse.
Baatool miidhaa cimaa kanneen Saaraa irratti raawwachuuf ofiisheen rukutee jirti, yookaan yoo xiqqaate miidhaa gara jabinaa kun akka irratti raawwatuuf Shariif jajjabeessiteetti ykn gargaartee ture. Hundisaanii du'a Saaraaf sababa ta'aniiru ykn gumaacha guddaa godhaniiru.
Dhumarratti, Baatool mana sana keessatti kunuunsituu daa'imaa jalqabaa ture.

Madda suuraa, Surrey Police
Eessumni Saaraa, Faayisal Maalik dhaddacha irrattis ragaa kennuu dide.
Abbaan murtii waan mana sana keessatti ta'aa ni ture beeka ture. Garuu miidhaan du'a Saaraaf sababa taʼe ittisuuf ykn oolchuuf tarkaanfii malu akka hin fudhanne mirkanaaʼadha.
Manni murtii murtee dhaggeeffachuuf yoo walitti deebii'aniitti abbaan murtii hundi akka callisuu gaafate.
Shariif fi Baatool lamaansaanii iyyuu yakka ajjeechaatiin yakkamaa ta'uunsaanii mirkanaa'eera. Maalik'n ajjeechaa Saaraa irraa qulqullaa'ulleen, garuu du'a isheetiif sababa ykn hayyamamaa ta'usaatiin yakkamaa ta'ee argame.
Murtiin akkuma kennamutti, Shariif kallattiin fuuldura isaa ilaale, Baatool ni boossee, Maalikinis akkasuma ni boo'e.
Sadan isaanii mana murtichaa akkuma baafamaniin gara kutaa mana hidhaatti gadi buufamuun dhaddacha xumurame.
Gaddi torban hedduudhaaf mana murtii keessatti dhaga'amaa ture, suutaan gara gadda cimaa Saaraatti jijjiirame. Intala ganna 10 ofitti amanamummaa qabdu, haasa'aa fi dhimmamtuun shubbiistuu ta'uuf abjuu guddaa qabdu umurii ganamaasheerratti hafte.












