Badhaasa taphataa cimaa Piriimer Liigii bara 2024-25 eenyu mo'ata?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Taphattoonni Liiverpuul sadii badhaasa taphataa cimaa Piriimer Liigii bara kanaaf kaadhimamaniiru.

Virjil Vaan Daayik, Mohaammad Saalaa fi Riyaan Giraavenbergi taphattoota saddet dhumaa maqaan isaanii tarreeffame keessatti argamu.

Vaan Daayik Liiverpuuliif taphoota hundaa irratti hiriirun taphateera. Taphoota 14 irrattis Liiverpuul irratti galchiin homaa akka hin lakkaa'amneef shoora olaanaa taphateera.

Giraavenbergi ammoo tapha tokkoqofatu isa darbe. Mohaammad Saalaan galchii fi kubba galchii tahan 46 keessaa qooda qabaachuun dorgomaa hin qabu.

Kilebni biraa taphataa tokkoo ol filachiise Nootiingihaam Fooresti qofaadha.

Kiriis Wuud taphoota Piriimer Liigii 34 irratti galchii 20 kan lakkoofsiseefi Morgaan Giibsi Waayit taphattoota badhaasichaaf kaadhimaman keessaati.

Akkasumas taphataa sarara duraa Niwkaastil Aleeksaander Isaak galchii 23 kan lakkoofsise, Bireentifoordi irraa Biriyaan Imbuumoo, galchii 18 kan qabuu kanneen badhaasicha injifatu jedhamuun kaadhimaman keessaati.

Arsenaal keessaa Deklaan Raayis taphattoota saddet maqaa dhahaman keessaa tokko.

Leenjisaan Woolvis, Viitor Peereeraa badhaasa leenjisaa cimaa Piriimer Liigii bara kanaaf warra maqaa dhahaman shan keessaa tokko.

Yeroo Peereeraan ji'a Muddee keessa Woolvis leenjisuu jalqabe kilebichi sadarkaa 19ffaa irra ture. Ergasii taphoota 18 taphate keessaa kudhan mo'achuun lama qixa bahee kaan mo'amuun kilebicha kufaatii irraa oolcheera.

Amma Woolvis Tootenhaamii fi Maanchister Yuunaayitid caaluun sadarkaa 14ffaa irra jira.

Leenjisaan Liiverpuul Arnee Isloot, bara leenjisummaa Liiverpuul jalqabaan waancaa Piriimer Liigii kan mo'atan warra badhaasichaaf aadhimaman keessaati.

Eedii Haaw, leenjisaa Niwkaastil Yuunaayitid fi Nuunoo Ispiriitoo Saantoo, leenjisaa Nootiingihaam Foorestii akkasuma kaadhimamaniiru.

Leenjisaan Bireentifoordi, Toomaas Firaanki kilebni isaanii sadarkaa saddeettaffaan akak xumuru gochaa jiranis maqaa dhahamaniiru.

Sagalee uummataa fi sagalee ogeessonni kubba miilaa kennan walitti ida'amuun eenyu akka mo'atu kan murtaa'u taha.