‘Yeroo ibiddaan gubannu argitanii callistanii nu ilaaltan’- maatii Gaazaatti haadhaa fi ilmoo dhaban

Suuraa Shaabaan al- Daaluu osoo haleellaa Israa'el ibiddaan gubatee hin du'iin dura miseensoota maatii waliin ofee ka'ee ture

Madda suuraa, al-Dalou family photograph

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Shaabaan al- Daaluu osoo haleellaa Israa'el ibiddaan gubatee hin du'iin dura miseensoota maatii waliin ofee ka'ee ture
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Akeekachisa: Odeessi kun miira keesan jeequu danda’a

Akka namaatti yaaduun kan dhabate fakkaata. Hoggantoonni dandeettii qabu jedhaman dabalate nu ilaala homaa nuuf hin raawwanne.

Ahimad Al-daaluu amantaansaa akkana. Maatiinsaa yoo ibiddaan gubatan argeera. Suuraansaa kunis yoomiiyyuu kan sammuusaa keessaa badu hin fakkaatu.

“Kana booddee jireenya hin qabu’’ jedha.

Guyyaa Onkololeessa 14, 2024 haatiiwwarraa fi ijoolleensaa dhiiraa Gaazaa bakka Al-Aqisaa jedhamuutti ibiddaan gubatanii du’an. Isaan booda jireenyaatti abdii kutateera.

Fuldurasaa reeffa huccuun marametu jira. Innis reeffa mucaasaa kan wagga 12 Abdurhimaaniti. Innis mucaasaa dhumaati.

Mucaansaa ibiddaan gubatee kan du’e sababii ibidda haleellaa Israa’eliitti umameetiin. Ibiddichaan miidhamee guyyoota afuriif hospitaala keessa erga tureen booda lubbuunsaa kan dabarte.

Du’asaatiin guyyaa tokkoon dura Ahimad hospitaalaati argamuun mucaasaa argee ture.

‘‘Abbaakoo hin yaadda’iin nagaadha. Nagaadha abbaakoo. Hinsodaatiin’’ jechuun dubbiin mucaansaa jedheen sagalee ilmasaa yeroo dhumaatiin dhagahe ture.

Ahimad yeroo dubbatu imimaantu ija mara.

‘‘Yeroo sadiin ibidda keessaa baasuuf yaalee ture. Garuu qaamnisaa ibidda keessatti kufe’’ jedha.

Ahmad al-Daluu ibidda gamoo al-Aqsaa keessatti dunkaana keessaa osoo jiranu gubate irraa hafe. Garuu maatiisaa baraaruuf osoo yaaluu fuulaafi harkasaarra gubate

Madda suuraa, al-Dalou family photograph

Ibsa waa'ee suuraa, Ahmad al-Daluu ibidda gamoo al-Aqsaa keessatti dunkaana keessaa osoo jiranu gubate irraa hafe. Garuu maatiisaa baraaruuf osoo yaaluu fuulaafi harkasaarra gubate

Obboleesisaa kan wagga 19 Shaabaanii fi haatiisaa kan wagga 37 Alaan balaadhuma ibidda guyyaa sana ka’eetiin du’aniiru.

Shaabaan mallattoo agarsiiftuu dararama Gaazaa ta’eera. Waraabbiin viidiyoo osoo lubbuun jiruu yoo ibiddaan gubatu agarsiisuu miidiyaa hawaasa irratti qodameera.

Ahimad mataansaa fuulliifi harkiisaa ibiddaan gubateera. Paayilattiin misaa’elicha dhukaasee fi hoggantoonni ajaja sana kennan ‘‘onnee koo cabsaniiru. Hamlee koo cabsaniiru…Osoo ibiddichi na nyaatera ta’e wayya ture’’ jedha.

Haleellaan kunis Wiixata torban darbee akka naannichaatti naannoo halkan keessaa sa’aatii 7:15 irratti ture.

Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) kan irratti xiyyeeffate jidduugala ‘‘ajajaa fi to’annoo’’ Hamaas irratti jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaan kunis kan raawwatame Gaazaa keessatti dallaa hospitaala Al-Aqisaa keessatti ture. Hamaas hospitaaloota keessatti hin argamnu jechuun himannicha waakateera.

Sababii haleellaa kanaatiin namoonni afur battalumatti yoo du’an hedduun garuu miidhaa olaanaaf saaxilamaniiru.

Raayyaan Ittisaa Israa’eli haalicha ‘‘qorataan jira’’ jedheera.

Dubbi Himaan Waayit Hawuus BBC Ameerikaatti michuu kan ta’e CBS Newstti suuraalee gubaa ibiddaa ‘‘kan baayyee nama jeeqaniidha’’ jechuun, Israa’el namoota nagaa akka hin haleeLleef of eegannoo cimaa gochuu akka qabdu akeekkachiisan.

‘‘Israa’el namoota nagaa irra miidhaan akka hin geenyeef of eeggannoo gochuuf itti gaafatamummaa qabdi. Amma wanti raawwtame baayyee kan nama jeequudha. Hamaas naannawa hospitaalootaatti namoota nagaa akka dahanootti fayyadamulleen, kan raawwatame kan nama jeequudha’’ jedhan.

Biyyoonni akka Ameerikaa, Biriteenii fi biyyoonni lixaa kaanis miidhaan namoota nagaa Gaazaa irra gahaa jiru nU yaaddesseerra jedhaniiru.

Mohammad al-Dalou maatiinsaa ijasaa duratti yoo gubatan arge
Ibsa waa'ee suuraa, Mohammad al-Dalou maatiinsaa ijasaa duratti yoo gubatan arge