Biyyoota guddatan keessatti dargaggoonni ijoollee godhachuu maaf sodaataa dhufan?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Biyyoota guddatan heddu keessatti lakkoofsi ijoollee dhalatanii xiqqaataa jira; biyyoota tokko tokko kanneen akka Ingilaand fa'aa keessatti ammoo baay'ee gadi bu'aa jira.

Sababoota lakkoofsi ijoollee reefu dhalatanii baay'ee gadi bu'aa jiruuf keessaa tokko ijoollee guuddisuuf galii gahaa dhabuu kan jedhu dhiyeessu namoonni.

Gama biraan ammoo dargaggoonni ijoollee godhachuuf karoora akka hin qabne ykn tasumaa ijoollee godhachuu akka hin barbaanne ragaalen agarsiisan jiru.

'Ani guddifachuu malee dahuu hin barbaadu'

Kaarii Aroon nama ganna 34 yoo ta'u galiinsaa waggaatti paawundii 53,000. Jalaalee qabaatus galii kanaan ijoollee yoo gadhatan guddisuu akka hin dandeenye BBCtti hime.

Jalaalleensaa Kaarii Aroon barattuu PhD yoo taatu waggaatti mindaanshee paawundii 22,000dha. Lamaansaanituu ijoollee godhatanii guddisuuf kan isaan yaaddesse galii gahaa dhabuu himatu.

Ijoollee guddisuun baasinsaa guddaa akka ta'e himti Kaariin. Kanaaf furmaata jedhanii kan murteessan, ijoollee guddifachuudha- erga isaan sadarkaa baasii guddaa nama baasisu keessa darbanii booda.

"Ijoollee guddifachuu kan jedhutti baay'en gammada. Kanaafani nama ijoollee guddisuutti rakkatu kanan gargaaru. Sadarkaa kunuunsa ijoolleef godhamu keessa erga darbanii booda guddifachuu nan danda'a," jedha.

Ammatti ijoollee godhachuuf, abbaa ta'uuf humna dhabuun isa daangessuf guyyaa tokko galii gahaa argatee ilmoo gudeedaa akka godhatu abdii hin kutanne jedhu Kaarin.

'Ofiin of-maseensun filadhe'

Kiriis Taayilariifi Giruumii Jeemaa lamaan isaanituu hojii mataasaanii qabu. Inni konkolaachisaa yoo ta'u, isheen saroota kunuunsiti.

Galiin lamaansaanituu waggaatti Paawundii 60,000 ni ta'a.

Waggaa 11 waliin jiraatanis ijoollee godhachuuf ija hin jabaanne. Baasii waldhaansa fayyaa, kan mana baruumsaa, kan kunuunsaafi qallabaa gaaf yaadan halaalumatti sodaatanii itti dhiisan.

Inummaayyuu Kiriisifi Jeemaan erga waliin mariyatanii booda fedhiidhan of-maseensuu filate- mala saayinsii fayyaa karoora maatii ujummoo sanyii kormaa baatu cufuu ykn muruutin. Kuni vaaskostoomii jedhamuun beekama.

"Maal gochuu akka qabnu, filannoowwan jiran, ijoollee yoo godhanne waa'ee baasii mana baruumsaa, kan guddisaafi kaan kaasnee bal'inaan mariyanne," jechuun dhumarratti ijoollee godhatanii guddisuu akka hin dandeenyetti walii galanii inni of-maseense.

'Ammatti dhirsa naaf ta'u hin arganne'

Elii Laambart Magaala Sheefiild keessa jiraatti; mucaa godhachuu ni barbaaddi garuu jaalallee dhiiraa isheef ta'u akka hin argannee hanga nama isheedhaa ta'u argattutti hanqaaquu cabbeessaa keessa akka kaa'amuuf gochuu himte.

Waggoota lamaan darbanitti hanqaaquushee cabbeessaa keessa akka turu gochisiisuf paawundii 18,000 baastetti.

Hanga dhiira isheedhaa ta'u argatutti hanqaaquu ishee kaa'unis baasii guddaa ishee baasisaa jiraachus nuffiteetti.

Kayyoonshee hanga nama isheedhaa ta'u yoo argatte hanqaaquushee laaboraatorii cabbeessaa keessa jiru fayyadamuudha; ykn dhiira sanyii kormaa arjoomu yoo argatteefi maallaqa gahaa yoo argatte kaayyon ishee mucaa godhachuu ture.

Eliin yeroo ammaa ganna 23 taatus appilikeeshiniiwwan jaalalleewwan wa-barsiisan heddurratti galmooftus milkaa'uu hin dandeenye.

Appilikeeshiniiwwan kunneen dhiirota heddu filannoo dhiyeessaniifis "jaalallee dhugaa" argachuun rakkisaadha jetti.

Hanga ammaa paawundii 18,000 baastee hanqaaquushee cabbeessaa keessa keessus dhiirri sanyii kormaa arjoomu yoo argatte baasii dabalataa paawundii 10,000 ishee gaafata.

'Umuriin ganna 34 ta'us amma mucaa godhachuuf qophii miti'

Daamii Olonisaakin dubartii ganna 34 magaala Landan keessa jiraattu yoo taatu, waa'ee walitti dhufeenyafi saal-qunnamtii irratti pookaastii dhuunfaashee qabdi.

Haadha ta'anii ijoollee guddisuun bara kana hojii salphaa akka hin taane himti. Sababni ammoo baasin ijoollee guddisuuf barbaachisu akkaan olaanaa ta'uusaati.

"Baasin kunuunsa ijoollee baay'ee dabaleera, seeronni dahuumsan wal-qabatan murtaa'odha. Kanaaf dubartoonni baay'ee itti yaaduu qabu.

"Mucaa godhachuun waan narraa eegamuuf qofa ariifadhee itti galuu hi barbaadu. Maatin koo akkan mucaa godhadhuuf waan danda'an hunda godhaniiru. Ani garuu yeroo hunda amma qophii miti hin godhadhun jedhaan," jetti,.

Lakkoofsi ijoollee dhalatanii xiqqaachuuun bifa kanaan yoo itti fufe, gara fuulduraatti maaltu ta'a? kan jedhu gaaffii kaasa.

Hangi ijoollee dhalatanii xiqqaataa deemun waa'ee maatii ta'uu duubatti akka harkifachuu osoo hin taane, ijoollee godhachuu dhiisun barsiiftaa ta'aa dhufuu hima Yunivarsiitii Saawuzaamtanitti pirofeesara baay'ina uummataa kan taate Biriinaa Pereelii.

"Dargaggoonni (Gen Z) ijoollee malee hafuu filatu, kanaan dura ijoollee godhachuu dhiisun qaanii kan ture amma waan baratamaa ta'eera," jechuun rakkoolee akka qaala'iinsa jireenyaa, baasii kunuunsa daa'imaafi hojii fa'aan akka wal-qabsiisan kaasti.

Kun bifa kanaan itti fufnaan egereen dhaloota dargaggoota hojii irratti bobba'aniifi baay'inni uummataa xiqqaachaa waan deemuf mootummaan itti yaaduu akka qabu kaasti Biriinan.