'Qaamni namaa qilleensarra bittime': Haleellaa Israa'el namoota 18 ajjeese irraa kanneen hafan

Hezboollaan as hin turre jetti dubartiin gaddaan liqimfamte kun. ''Hundi keenyayyuu siiviloota''

Madda suuraa, BBC/Goktay Koraltan

Ibsa waa'ee suuraa, Hezboollaan as hin turre jetti dubartiin gaddaan liqimfamte kun. ''Hundi keenyayyuu siiviloota''
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Mohammad Sukaayinii gamoo caccabe fi sibiila haleellaadhaan micciirame, peestaaliiwwan itti xaxaman keessa suuta deema. Mana isaa waggaa 45f keessa jiraate keessaa kanneen qofatu itti mul'ata.

Haleellaa Israa'el Kibxata kaleessaa galgala keessa qilleensarraan raawwatteen manni isaa osoo inni keessa jiruu irratti jige.

Haleellaa Beeruut keessatti raawwate sanaan daa'imman afur dabalatee namoonni 18 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Libaanos ibseera.

Israa'el haleellaa sana akeekkachiisa tokko malee raawwatte. Iddoon kun bakka birqabaan nagaa qabuu fi lammiileen Libaanos itti baqatanii keessa jiraatan ture.

Seensa hospitaala kibba magaalaa Beeruutitti argamu Rafiik Hariirii irraa meetira 150 irratti haleellaan kan raawwate.

Wayita haleellaan manasaaniirratti raawwatu Mohammad fi maatiinsaa rafaa turan.

''Waan mudate adda baasuuf rakkanne,'' jedhe.

''Haleellaa jalqabaa booda sagalee rifaasisaa 'boom, boom, boom' jedhu qofa dhageenye. Booda wanti hundi nurratti kufuu eegale. Dhagaa, sibiila, dhiiga ho'aa fi foon namaa nurratti kufuu eegale. Hin dubbattu, hin hargantu, qilleensa hin fudhattu,'' jechuun haala battala sana ture ibse.

Ollaasaa namoota shan ammallee gamoo kukkufe jala jiran maqaa waame Mohammad.

Kaan ammoo battaluma haleellaan raawwate du'an. Shamarreen umrii waggaa 19 tokko ala taa'aa akka turtee fi osoo inni ilaaluu haleelamtee akka duutefaa yaadata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni umrii waggaa 54 Mohammad haga xiqqoof lubbuun hafe. Harkisaa miidhameera.

Hojjettoonni hawaasa ittisuurratti hojjetan bakka haleellaan kun irratti xiyyeeffatetti gamoowwan ja'a barbadaa'uu ibsan.

Baayyeensaanii darbii sadii fi afur kanneen qabaniidha.

Dubartiin gadda hamaan liqimfamtee waa'ee balaa sanaa ibsitu tokko ''Hezboollaan isaan jedhan as hin turre,'' jette. ''Hundi keenyayyuu siiviliidha.''

Namni ollaa tokko ammoo ''qaamni namaa hunduu qilleensarratti bittimsame'' jedhe.

Haleellaan sun erga raawwatee yeroo muraasa booda reeffa gamoo barbadaa'e jalaa funaanuun eegalame. Reenfi hedduun pilaastika gurraachaan xaxamee guuramaa ture.

Mohammad akkaataan haleellaa Israa'el rifaasisaa ta'uu akkanaan ibse.

''Bakkuma hunda haleelu. osoo adda hin baasin nama hunda haleelaa jiru. Daa'imman ilaalcha keessa hin galchan. As meeshaa waraanaa maaltu jira? Rookeetii meeti? Jaamaadhaa? Israa'el diinummaadhaan kana raawwata,'' jechuun aariidhaan ibsa.

Haleellaan Israa'el Wiixata galgala raawwatte gamoowwan hedduu barbadeesse

Madda suuraa, BBC/Goktay Koraltan

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan Israa'el Wiixata galgala raawwatte gamoowwan hedduu barbadeesse

Ammoo humni waraanaa Israa'el ammallee ollaa hospitaalaatti bakka Hezboollaa qubatee jirun haleele jedha.

Garuu xiyyeeffannaansaa maal akka ta'e sirriitti hin ibsine, uumataafis akeekkachiisa hin kennine.

Daarektarri hospitaala Rafiki Hariirii Jihaad Saadii hospitaalichi haleellaa qilleensaa booda caccabaa sibiilaa yookiin boombiitiin rukutame jedhe.

Garuu hojiisaa itti fufee jiraachuu fi fuulduraafis akka cimanii hojjetan ibse daarektarri kun.

Hospitaalli ollaatti argamu- Al Sahel jedhamu garuu akkas miti. Haleellaa galgala keessa raawwate sanaan guutummaatti qullaatti hafeera.

Hospitaalli kun hospitaala Rafiikii Hariirii irraa killomeetira lama qofa fagaata.

''Battaluma gadhiisnee baane, saffisaan,'' jedhe hoogganaan hospitaalichaa Dr Mazen Alameh.

''Jireenya namootaa balaa keessa buusuu hin qabnu. Israa'el hospitaala kana hin barbadeessitu jennee teenyee eeguu hin qabnu. Kanaaf dhiisnee baane.''

Tarkaanfii kana kan fudhatan erga Israa'el hospitaalicha jala qabeenyi Hezboollaa hedduun jiraachuu ibsiteeti.

Amma hospitaalli Al Sahel cufameera, garuu doktaroonni deebi'anii dhukkubsattoota yaaluu fedhu.

''Nuti jaarmiyaa uummata gargaaruudha,'' jedhu hooggantoonni hospitaalichaa.

Garuu Israa'el haleellaaf sagantaa baafattee jirti.

Hospitaalichatti marsuun haleellaa raawwatteen gamoowwan naannawa sana jiran barbadaa'aniiru.