'Sochiin ‘hidhattoota Faannoo’ guyyaadhaan dabalaa jira' -Qondaala naannoo Oromiyaa

Maxxanfame

Lakkoofsi jiraattota aanaa Abbichuufi Nya'aa hidhattoota Faannoon butaman 11 gahuu angawaan aanichaa BBC’tti himan.

Walitti bu’iinsa humnootii mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti naannoo Amaaraatti uumameen walqabatee haleellaafi miidhaa hidhattootaaf kan saaxilame Aanaa Abbichuufi Nya’aatti hanga ammaatti lubbuun namoota jahaa darbuu himan.

Kana keessaa haleellaa hidhattoonni Faannoo Jimaata ALI Hagayya 12, 2015 halkan raawwataniin milishoonni aanichaa sadii ajjeefamuu Itti-Gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Aanaa Abbichuufi Nya’aa Obbo Abdataa Haayiliyyee BBC'tti himan.

Gandoonni aanichaa torba aanaalee naannoo Amaaraa waliin kan wal daangessan ta’uu isaatiin wal qabatee yaaddoon haleellaa hidhattoota Faannoo ammallee olaanaa ta’uu Obbo Abdataa fi jiraataan aanichaa BBCn haasofsiise ni himu.

“Haalli nageenyaa baay’ee yaaddessaadha. Namni tokko kan gadi bahee waa hojjetatu yookiin waa dalagatu hinjiru,” jedhan jiraataan aanaa Abbichuufi Nya’aa sababa yaadoo nageenyaan maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan.

Jiraataan kun firoottan dhiyoo lama kaleessa Dilbata ALI Hagayya 13, 2015 hidhattoota Faannoon jalaa butamuu himuun, “hundi keenya (balbala) cufanneeti kan taa’aa jirru,” jechuunis haala keessatti argaman himan.

Gama biraatiin Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Aanichaa Obbo Abdataa Haayiliyyee, “Haalli ‘hidhattoota Faannoo’ guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa jira. Gara Siyaadabirii fi Waayyuudhaa hanga Dabra Birihaanitti kallattii hundaanuu marsaniiti kan sochii taasisaa jiran,” jedhaniiru.

'Lubbuun milishoota sadii darbe'

Haleellaa hidhattoonni Faannoo Jimaata ALI Hagayya 12, 2015 halkan keessaa sa’aa 10:00 irraa eegalee Aanaa Abbichuufi Nya’aa Ganda Nasirii Mana Horootti bananiin caasaa nageenyaa kan ta’an milishoonni sadi lubbuun darbuu Obbo Abdataa Haayiliyyee himan.

“Daangaa keenya kilomeetira afur kan ta’u garanatti seenaniiti caasaa nageenyaa kanarratti kan dhukaasa bananii lubbuu isaanii dabarsan,” jedhan.

Hidhattoonni Faannoo guyyaa Jimaataa haleellaa raawwatan kunneen aanaa naannoo Amaaraa kan ta’e Siyaadabiriifi Waayyuu Magaalaa Dannabaa irraa ka’uun akka ta’e kan himan angawaan kun, “lubbuu namoota sadii baasterti. Sana booda gaafa humni keenya dhukaasa itti banu gara duubaatti deebi’an,” jedhan.

Lammiilee nagaa hidhattoota Faannoon butaman

Yeroo torbee tokko hin guunne keessatti hidhattoonni Faannoo marsaa lamaan lammiilee nagaa aanaa Abbichuufi Nya’aa 11 butuu isaanii Obbo Abdataan ni himu.

“Hagayya 01 (ALI bara 2015) waraana erga jalqabanii adda hin kunne. Torbee darbe guyyaa Kamisaa konkolaataa uummataa Gabaa Jimaataatii gara magaalaa Mandiidaa deemu daangaarratti eeganii naannessanii gara Dannabaatti fudhatan,” jedhan.

Konkolaataa geejiba uummataa kana keessa yemmuu fudhatanii deeman nama saddeettu keessa jira,” kan jedhan Obbo Abdataan, hidhattoonni Faannoo konkolaataa uummataa kana butuun gara naannoo Amaaraa magaalaa Dannabaatti geessan lakkoofsaan sadii ta’uu himaniiru.

Waqtii sanatti konkolaachisaa dabalatee namoonni saddeet konkolaaticha keessa akka turan kan himan angawaan kun, ''namoonni butaman kunneen maanguddootafi dargaggoota dabalatee kutaalee hawaasaa garagaraa'' ta’uu dabaluun himan.

Sana boodas gara iddoo Innawaarii jedhamutti geeffamuun akka hidhaman himuun, “Konkolaataan butames hanga ammaatti as hin deebine. Hawaasnis gadi hin lakkifamne,” jedhan Obbo Abdataan.

“Jarri kun hanga har’aatti haala rakkisaa keessa akka jiran odeeffannoo qabna. Nyaatallee dhoowwatanii baay’ee rakkachaa akka jiran odeeffannoo qabna,” jechuunis himan.

Dabalataan hidhattoonni Faannoo kaleessaa Dilbata ALI Hagayya 14, 2015 aanaa Abbichuufi Nya’aa ganda Amantee Gooroo jedhamu seenuun jiraattota gandichaa sadii butanii fudhatanii deemuu angawaan kun fi jiraataan aanaa sanaa BBCtti himaniiru.

Kunneen butaman keessaa tokko eessuma isaanii, akkasumas inni tokko immoo ilma eessuma isaanii akka ta’e BBCtti kan himan jiraataan aanaa Abbichuufi Nya’aa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan, hidhattoonni Faannoo jalqaba qe’ee abbaa isaanii deemuun dhukaasa eegaluu himan.

Jiraattonni naannoo sagalee dhukaasaa dhagahan kallattii garagaraan gara manaatti baqachuu kan himan jiraataan kun, eessumni isaanii iddoo sagantaatii (diggisii) gara mana isaanii osoo deemanuu hidhattoota kunneeniin butamuu himan.

Jiraattonni Ganda Amantee Gooroo isaan biroo lamas haaluma wal fakkaatuun naannuma mana jireenyaa isaaniitii butamanii fudhatamuu jiraataan kun dubbatan.

Haala firoonni isaanii kunneen irratti argaman kan gaafanne jiraataan kun, “isaan bilbilas hinqaban; hoomaa wanna dhageenye tokkollee hinqabnu. Haala isaan itti jiranillee hinbeeku,” jedhan.

Gama biraatiin milishoonni lakkoofsaan muraasa ta’an araddaa isaanii eegaa jiraachuu kan himan jiraataan kun, milishoota kunneenin ala qaamoleen nageenyaa biroo iddicha akka hin jirre himan.

“Sababa ifa hintaane…”

Sababni hidhattoonni Faannoo jiraattota aanichaa itti butaniif ifa kan hin taane ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Aanichaa Obbo Abdataa Haayilyyee ni himu.

“Garuummoo odeeffannoowwan yeroo dhageenyu ‘namoonni magaala Mandiidaa keessatti hidhaman sababa Amaara ta’aniif hidhamaa jiran. Kanaafuu, kan keenya gadi yaa lakkisaniitii nus kan isaanii ni gadi lakkisna’ kan jedhu dubbatu kan jedhu dhagahaa jirra,” jedhan.

“Shakkiin nuti qabnummoo odeeffannoo garagaraa irraa guuruufi maallaqa irraa fuudhuufi doorsisoo garagaraaf akka qabanidha” jedhan Obbo Abdataan.

Haleellaa hidhattoonni Faannoo ALI Hagayya 01, 2015 Magaalaa Mandiidaa keessatti fudhataniin walqabatee namoonni magaalicha keessatti to’annoo jala oolan akka jiran angawaan kun himu.

“Guyyaa dhukaasni banamu sana namoonni magaala keessa fiiganii mana jireenyaa qaama poolisii, qondaala mootummaa agarsiisaa turan irratti shakkiin waan jiruuf qabamanii mana hidhaa jiruu,” jedhaniiru.

“Isaan akka waan saba Amaaraa qofa addatti barbaadamanii hidhamanitti kan olola kana afarsaa jiran. Namnoonni hidhaman garuu warra shakkamanfi warra gocha kana keessatti hirmaataniidha,” jedhan.

Yaaddoo jiraattotaafi angawaa

Haleellaa hidhattoota Faannoo gama ittisuutiin walqabatee qaamoleen nageenyaa naannoo Oromiyaa aanichatti bobbaafamuu Obbo Abdataan himu.

“Akka mootummaa naannootti humni gahaan nuuf galeera. Ammatti yaaddoo (hidhattoonni Faannoo) magaala keenya ni galu jedhu hin qabnu,” jedhan.

Haata’u malee milishoota muraasaan ala qaamni nageenyaa biroo naannoo jireenyaa isaaniitti akka hin jirre kan himan jiraataan ganda daangaa Amantee Gooroo, lakkoofsni milishoota naannoosaanii jiranii haleellaa hidhattoota Faannoo ittisuuf gahaa akka hintaane dubbatu.

Gama biraatiin humni nageenyaa naannoo Oromiyaa aanichatti bobba’e gara aanaalee naannoo Amaaraa ce’uun hidhattoota Faannoo haleellaa raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuu heera biyyattii kan hin heeyyamne ta’uu kan himan Obbo Abdataa, “Akka mootummaa Federaalaatti garuu irratti hojjetamaa hin jiru. Hawaasni butaman kun balaan garagaraa irra gahuu danda’a kan jedhu yaaddoo qabna,” jedhan.

Kanaafis mootummaan federaalaa dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuun tarkaanfii yoo hin fudhanne ta'e yaaddoo hawaasni naannoo daangaa ni miidhama jedhu akka qaban himu.

“Sochiin isaanii kan duraaniirra dachaadhaan dabalaa jira,” kan jedhan angawaan kun, “Sodaan jiru hawaasni baay’ee cinqamaa jiru. Gara keenyattis makamanii nu saamuu danda’u kan jedhu yaaddoo hamaa keessa jira,” jechuun yaaddoo hawaasni daangaarraa keessatti argamu kan ibsan.