Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mallattoo umamaati kan jedhamu waa’ee alangee dhimmoota kunneen beektuu?
“Alangeen seera hambaa, seera Oromoo keessatti gahee guddoo kan taphattudha,” jedhu maanguddoon Oromoo BBCn dubbise .
Obbo Qaabatoo Mariiboo jiraataa godina Arsii Lixaa aanaa Kokkossaa yoo ta’an, jaarsa biyyaa fi nama aadaa Oromoo beekaniidha.
Alangeen mallattoo umamaa jiruufi jireenya ummata Oromoo keessatti iddoo guddoo qabdu akka taate himu maanguddoon kun.
Bara durii eegalee taateelee ijoo jiruuf jireenya nama dhuunfaafi hawaasummaa irrattis faayidaarra oola.
“Sirna gumaa alangeen gaggeessan, sirna Gadaa isaan gaggeessan, fuudhaaf heeruma isaan gaggeessan, sirna falaas isaan gaggeessan. Alangeen seera Oromoo keessatti gahee guddaadha kan taphattu,” jedhu Obbo Qaabatoon.
Alangeen tajaajila inni kennu, waan irraa hojjetamu fi haala naannoo irratti hundaa’un maqaa fi gosa garagaraa qaba.
Aanaa Kokkossaatti jaarsa biyyaa kan ta’an Obbo Qaabatoo Mariiboo, gosoonni alangee shan akka jiran fi inni jalqabaas alangee Meexxii ta’uu himu.
“Alangeen kun seera qucee kan murtedha,” kan jedhan jaarsi biyyaa kun, “Oromoon nama waa balleesse, kan nama ajjeesellee haada itti gootee ‘bakka nama sanii ajjeesaa’ jettee qucee kenniti. Adabbii jechuudha,” jechuun himan.
Alangeen kun muka Meexxii irraa akka hojjetamu fi alangee Meexii jedhamuun akka beekamu kan himan Obbo Qaabatoon, “hangafni alagee Meexxiidha,” jedhan.
Gosti langee inni lammaffaan alangee Warseessa jedhamuun waamamu fi gogaa Warseessaa irraa kan hojjetamu ta’uu jaarsi biyyaa kun himu.
“Ishiin tun kan golbaa fi seera hambaati. Yeroo golbaati kan faayidaarra oolu. Yemmuu namni nama ajjeese horii golbaa oofanii golba guutan. Yeroo sana murtii ittiin laatan jechuudha,” jedhan.
Gosti alangee inni sadaffaan alangee Roobii jedhamudha. “Gaheen alangee Roobii: qoraaf, sirna Gadaaf, fuudhaaf heerumaaf akkasumas nama gumaan wal ajjeeseef,” kan jedhan jaarsi kun, gosti alangee kun gosoota alangee sadi of keessati kan qabatu ta’uu himu.
Gosoota sadeen keessaa inni tokko alangee Dhanquu jedhamu yemmuu ta’u, “alangee kana wayyuutu qabata. Abbaan Gadaallee ni qabata. Namoota wayyuu kabajamoo ta’antu qabata,” jedhu Obbo Qaabatoo Mariiboo.
Alangeen Dhanquu fiixee ykn mataa lama kan qabdudha.
Gosti alangee Roobii inni lammaffaan immoo alangee Baaltokkeedha.
“Sirna Gadaa fi sirna fuudhaaf heerumaatti yemmuu seenan alangee Baaltokkee sana qoratu qabata. Qora jechuun Abbootiin Gadaa bitaaf mirga taa’anii ‘koottu koottu’ jedhanii yennaa wal waaman jechuudha,” jedhu.
Gosti alangee Roobii inni sadaffaan alangee Qonyee yemmuu ta’u, “alangee kana Hookkaatu qabata. Hookkaan kan Abbaa Gadaa walin sirna Gadaa fi sirna gumaa adeemsisudha,” jedhan.
Gama biraatiin alangeen teepha irraa hojjetamufi fardaan yaabbatan alangee Shabbeena jedhamuun kan beekamu yemmuu ta’u sirna Gadaas ta’e sirna fuudhaaf heeruma keessatti faayidaarra kan hin oolle ta’uu himan.
Yeroo ammaatti alangeen Meexxii fi Warseessaa faayidaarra oolaa akka hin jirre kan himan Obbo Qaabatoo Mariiboo, alangeen Roobii gosti sadeenuu garuu ammallee sirnoota garagaraaf faayidaarra oolaa jiraachuu himu.
Alangee ija jaarsa argaa dhageettii Booranaatiin
Godina Booranaa aanaa Guchiitti jaarsa argaa dhageettii kan ta’an Kanuu Jiloo, gosootni alangee lama akka jiran himu.
Gosootni alangee lamaan kunis alangee Lichoo fi alangee (kan fardaan yaabbatan) jedhamuun beekamu.
“Alangeen Lichoo kan uumama dhalootaa ibsudha” kan jedhan Obbo Kanuun, alangeen kun fakkii addeessaa fi bakkalchaa kan qabu ta’uu himu.
“Aadaan keenya ji’a fi bakkalcha irraa uumamte. Alangeen Lichoos mallattoo uumamaa waan taateef abbaa warraa maratu qabata,” jedhan.
Alangeen Lichoo Abbootii Gadaa, Qaalluu, hayyuu, jaarsolii qe’ee dabalatee abbaa warraa kamiinuu akka qabatamu himu.
Alangeen Lichoo gogaa Warseessaa irraa kan hojjetamu akka ta’es Obbo Kanuu Jiloo himu.
“Yeroo jilaa fi yeroo dhibaayyuu faayidaarra oola. Hayyuunis isaan lallaba: yeroo fuudhaallee namni fuudhu ni qabata” jedhan.
“Hayyuun yeroo waa murteessu alangee Lichoo harkaa qaba. Yoo lallabaniyyuu dirqama harka keessa kaa’anii waliin lallaban” jedhan.
Gama biraatin immoo alangeen farda ittiin yaabbatan waan jilaa keessa kan hin jirre akka ta’es jaarsi argaa dhageettii Booranaa Obbo Kanuu Jiloo himan.