Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godina Baaleetti dubartiin nama daddabarsitu hidhaa waggaa 13'n adabamte
Godina Baaleetti dubartiin daddabarsa namaafi karaa seeraan alaatiin daangaa ceesisuun himtamte tokko hidhaan waggaa 13 yoo itti murtaa’u, shakkamtuun tokko ammoo barbaadamaa jiraachun Abbaan Alangaa Godinichaa BBCtti himan.
Himatamtuu Tsaggaanash Madaboo Mangashaa, Godina Baalee aanaa Madda Walaabuttti jiraattuu magaala Bideree yoo taatu, ALI bara 2014'tti keessa daa’ima umuriinshee waggaa shan ta’e manashee teesisuun hojiilee humnaa hojjechiifti.
“Daa’ima tana karaa namoota namaan daldalan fi daangaa ceesisaniin Naannoo Kibbaa aanaa Bayiraa Konshaa jedhamurraa fidan” jedhan hogganaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baalee kan ta’an Obbo Abdulwaahid Abdurahmaan.
Shakkamtuun daa’ima kana naannoo Kibbaatii gara godina Baalee aanaa Madda Walaabuu fiduun himatamtuu Tsaggaanash jedhamtuuf kennite immoo Abbabach jedhamti.
“Iddoo wayiin si geessa koottu bajaajii seeni’ jetteenii gara godina Baaleetti akka ishee fidde daa’imni miidhamtuun dubbateerti,” jedhan Obbo Abdulwaahid.
“Sobdee daa’imummaa isheetti fayyadamuun ‘bajaajiin si yaabbachiisa’ jettee ukkaamsuun gara godina kanaa fidde,” jedhan Abbaa Alangaa kun.
Daa’imni kun mana himatamtuu Tsaggaanash Madaboo erga dhuftee booda hojii humnaa hojjechuun dabalataan miidhaawwan qaamaa garagaraa irratti raawwatamuu ragaan Abbaa Alangaa hima.
“Gaafa guyyaa 06/08/2014 halkan keessaa naannoo sa’aa 4:30 yemmuu ta’u bishaan danfaa qaama mucattii tanaarratti dhangalaasuun; miila lamaan, harka lamaan, dugda isheefi iddoowwan adda addaa ibiddaan gubuun midhaa cimaa irraan qaqqabsiiste,” jedhan.
Sana boodas daa’imni miidhamtuun mana yaalaatti yaalamaa turuu fi Waajjira Abbaa Alangaaf eeruun dhiyaachuu hogganaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baalee Obbo Abdulwaahid Abdurahmaan BBC'tti himan. Yakka namaan daldaluu fi nama karaa seeraan alaan daangaa ceesisuu ilaalchisee aangoo kan qabu Waajjirri Abbaa Alangaa Godinaa Baalees Waxabajjii 23 bara 2014 Tsaggaanash Madaboo irratti Mana Murtii Olaanaa Godina Baaleetti himata hundeessuu dubbatan.
Labsiin ittiin himatamtes labsii yakka namaan daldaluufii nama karaa seeraan alan daangaa ceesisuu ittisuufii to’achuuf bahe 1178/2012 keewwata 4/2/c akka ta’e himaniiru. Akka labsii kanaatti shakkamaan nama daddabarsuun “lubbuun ykn nageenyi miidhamaa balaarra kan bu’e yoo ta’e, yookiin miidhaan qaamaa cimaa yoo irra qaqqabe yookiin qabiinsi namooma hinqabne yoo raawwatame hidhaa cimaa waggaa 15 hanga 25 gahu fi adabbii qarshii birrii kuma 50 hanga kuma 150 gahuun ni adabama” jedha. Haaluma kanaan Abbaan Alangaa himata hundeessee ragaalee erga dhageesifatee booda himatamtuunis erga ofirraa ittistee booda manni murtichaa dhaddacha Hagayya 19/2014 taa’een himatamtuu Tsaggaanash Madaboo irratti hidhaa cimaa waggaa 13 fi adabbii birrii kuma 50 irratti murteessuu himaniiru. Gama biraatiin shakkamtuun Abbabach jedhamtufii daa’ima tana Naannoo Kibbaatii fiduun himatamtuuf laatte ammatti to’annoo jala kan hin oolle ta’uu himaniiru. “Barbaadamaa jirti. Qabamuu hin dandeenye. Eenyummaan isheellee adda hin baane. Kanaaf hordoffiirra kan jirudha,” jedhan Obbo Abdulwaahid. Ammatti hojiin daa’ima gara maatii isheetti deebisuus adeemsarra akka jirus himaniiru.
“Yakka rakkoo xinsammuu geesisu…”
“Yakki namaan daldaluufii karaa seeran alaan daangaa ceesisuu akka godina keenyaatti reetiin isaa giddugaleessa” kan jedhan hogganaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baale Obbo Abdulwaahid Abdurahmaan, yakkichi karaa lamaan kan raawwatamu ta’uu himan. Inni tokko namoota biyyuma keessatti kan daddabarsan yemmuu ta’u inni biraan ammoo daangaa biyyaa ceesisuun gara biyya biraatti kan daddabarsan ta’uu dubbatan. Gama godinichaan namoota gara Liibiyaatti akkasumas gama naannoo Somaaleetin gara biyyaalee birootti ceesisuun kan jiru ta’uu himan. “Keessattuu gara biyya alaatti ceesisuurratti yakki ni jira. Qooda fudhattoota baay’eetu jiru. Namootni namaan daldalan ni jiru. Hojii walharkaa fuudhinsaan hojjetamutu jira,” jedhan. Bara 2014 keessas yakka namoota karaa seeran alaan daangaa ceesisuun walqabatee galmeewwan shan seeratti dhiyaachuu himaniiru. Yakkichi rakkoolee hawaasummaafii xinsammuu kan qaqqabsiisu akka ta’e kan himan Obbo Abdulwahid “Hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuullee akkasumatti hojjetamaa jira. Tumsa hawaasa bal’aas kan gaafatudha,” jedhaniiru.