Yargan Kiloop 'daanyaatti' darbaa dubbachuusaatiif himatame

Maxxanfame

Leenjisaan kilaba Liivarpuul Yargan Kiloop tapha kilabichi Tootinhaam mo'aterratti daanyaa sarara gidduu kan ta'e Pool Teernii irratti darbaa dubbachuu isaatiif Waldaan Kubbaa Miilaa Ingilizii himata irratti bane.

Leenjisaan Liivarpul kun abbaan murtichaa kilaba koo waliin rakkoo wayii qaba jedhee ture. Boodarra ammoo yaada kenne kanatti gaabbuu beeksise.

Yaanni Yargan Kiloop kenne kun "amala sirrii hin taane" jalatti ramadama jedhe waldaan kubbaa miilaa kun.

Yargan Kiloop hanga gaafa Jimaataatti kilabasaaf deebii kennuutu irraa eegama.

"Yaanni leenjisichaa waa'ee abbaa murtii taphicha taphachiise kenne amala sirrii kan hin taane ta'uu bira darbee loogii kan agarsiisuufi amanamummaa abbaa murtichaa akka shakkamu taasisa," jedhe Waldaan Kubbaa Miilaa Ingilizii.

Liivarpuul tapha har'a galgala Fuulhaam waliin qaba. Yargan Kiloop tapha kana dura yada kenneen, "Wantichi uumamuu hin qabu ture. Yeroo sana taatee miirafi aaridhaan uumameedha. Kanaafidha bifa sanaan kanin gammachuu koo ibsadhe."

"Tapicha 4-3n mo'annus mata durii dubbii kan ta'e anaadha. Kanaan aammoo baay'ee gaabbera," jedhe.

Liivarpuul 4-0 dhan dursee boqonnaaf erga bahanii booda Tootinhaam boodaaka'ee galchii sadigalche.

Keessumaa galcii 3ffaa Richarlsan Tootinhaamif galche adabbii Diyaagoo Jootaa taphataa Tootinhaam irratti raawateeni. Abaan murtii adabbii kana Totinhaamif kennuutti kan aare Yargan Kiloop miira hin taane itti agarsiise.

Taphichi xumuruuf yeroo jedhutti goolii ittiin mo'atan Diyaagoo Jootaa Livarpuulif yeroo galchu Yargan Kiloop gara abbaa murtii 4ffatti fiigee osoo gammachuusaa agarsiisaa jiruu miillisaa miiidhamee ture.

Miira keessa galee yeroo gammachuusaa ibsatu kaardii keellon kennameefii ture. Koreen abbootii murtii Piriimerligichaa taphahundumaarratti wanta leejistoonni dubbatan galmeessee akka kaa'u ibsuun Pool Tiirnii waan isarraa eegamu akka godhe dubbate.

Kiloop waan dubbatetti gaabbuu ibsus abbaa murtichaa waliin seenaa dheeraa akka qaban dubbate.

"Tiyeenin [abbaa murtichaa] beekee yoo gochuu baatellee, isa waliin seenaa akka qabnu waan haaltan miti," jechuun korichatti dubbate.

"Ani nama dubbii dubbii garaa kaawwatu miti...abbootin murtii waanan ani dubbadhetti aaraniiru," jedhe Kiloop.

Ji'a Onkoloolessaa keessa tapha Maanchastar Siitii waliin taphatan irratti adabbiin tapha tokkoofi paawundii 30,00 leenisaa Liivarpuul kanatti murtaa'ee ture.

Har'a halkan Liivarpul Fuulhaamin kan keessummeessu yoo ta'u, siitin ammoo dirreessaarratti Weest Haam waliin tapatu.