Tiktokarootaaf badhaasni hanga birrii miiliyoona lamaa qophaa'uun maaliif barbaachise?

Maxxanfame

Itoophiyaatti fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa, Tiktok, kan hordoftoota hedduu qabaniifi qabiyyeen isaanii dhiibbaa uume badhaafamuufi.

Dhaabbatni dhuunfaa Union and Event Promotion jedhamu dhiibbaa waltajjiin hawaasummaa kun uume bu'uura godhachuun sirna badhaasaa biyya keessatti yeroo jalqabaaf qophaa'u Tiktok Creative Award jedhamu qopheessuu beeksiseera.

Hoji gaggeessaan Union and Event Promotion Obbo Soolan Birhaanuu yaada BBC'f kennaniin dhiibbaa miidiyaan hawaasummaa kun qabu hubachuun badhaasa kana qopheessuu dubbatan.

Tiktok waltajjii hawaasummaa irra jireessaan viidiyoowwan gaggabaaboo hanga daqiiqaa 10 dheeratan qooduuf dhaabbata biyya Chaayinaa BytenDance jedhamuun hojjetame.

Dhaabbatichi bara 2016 keessa Chaayinaa keessatti aappii Tiktokiin walfakkaatu Douyin jedhamu gadhiisee waggaa tokko keessatti Taayilaandiifi Chaayinaa keessatti namootni miiliyoona 100 maamila ta'aniif.

Ergasii bara 2018 keessa guutuu addunyaatti Tiktok miiliyoonotaan jaalatame. Biyyoota jalqaba appicha baayyinaan buufatanii itti fayyadamuun adda duree ta'an Indiyaa, USA, fi Indoneezhiyaa fa'a turan.

Waltajjiin dargaggoota hedduun jaalatame kun bakka hawaasummaa qofa osoo hin taane, madda galii fi dagalee jireenyaa miiliyoonotaa ta'eera.

Hoji gaggeessaan dhaabbata Union and Event Promotion Obbo Soolan badhaasa yeroo jalqabaaf qopheessaa jiran kanaaf ji'oota saddeet darbaniif qophaa'aa turuu dubbatan.

Dhabbatni isaanii namoota Tiktok gubbaatti qabiyyee qoodaniin dhiibbaa uuman dameewwan 13tti qoodee uummatni sagalee akka kennuuf gochuun dhumarratti geebaa fi maallaqa akka badhaasu dubbatu.

''Badhaasicha kan kenninu damee 13 jalatti. Marsariitii Tiktok Creative Award jedhu banuun namootni tiktookaroota jaalatan dameewwan jiran jalatti akka kaadhiman gooneerra.''

Hanga amma Tiktokaroonni 1,200 kan ta'an badhaasota damee 13 kaadhimamuu kan dubbatan Obbo Soolan, baayyina hordoftoota qabaniifi qabiyyee isaan kalaqan akkasumas sagalee kenname irratti hundaa'uun kaadhimamtoota kana gara 100 calaluun badhaasichi akka gaggeeeffamu dubbatan.

Dameewwan 13 irratti injifattootni kan filataman harka 70 sagalee uummatni kennuun harka 30 ammoo yaada ogeeyyiin dameewwan badhaasa adda bahan kennan irratti hundaa'uun akka ta'e himan.

Badhaasni kun ALI Sadaasa 30 hoteela Sky Light Finfinneetti gaggeefama.

Obbo Soolan qophii sagantaa kanaa osoo hin dabalatiin badhaasaaf qofa birriin miiliyoona lama qophaa'uu himan.

''Injifattootni dameewwan hundaayyuu 'waancaa' fi badhaasa birrii 100,000 argatu. Injifataan ykn injifattuun best Tiktoker of the year ammoo birrii 500,000 badhaafama. Waliigalatti badhaasa kanaaf birrii miiliyoona lama ta'utu qophaaye.''

'Waltajjicha dhiibbaa gaariif itti fayyadama jiru jajjabeessuu barbaanne'

Miidiyaan hawaasaa kun akkuma miidiyaalee hawaasummaa kaanii odeeffannoo dogongoraa facaasuu, waliin jireenya hawaasaa miidhuu, yakka nama dhuunfaa fi gareelee adda addaarratti raawwatamu jajjabeessuufi fi mirgoota adda addaa sarbuuf fayidaarra ni oola. Himannaan adda addaas irratti dhiyaata.

Faallaa kanaan ammoo dargaggoota baayyeef waltajjii itti beekumsaafi oogummaa isaanii adda baasan, beeksisaniifi ittiinis hawaasa fayyadan ta'eera.

Itoophiyaa keessatti namootni baayyeen oogummaawwan aartii adda addaa qaban baasanii agarsiisuu akka danda'an, akka gabbisaniifi irraas akka fayyadaman gargaareera.

Obbo Soolan badhaasa waggaa waggaan qopheessuuf jalqaban kun namootni Tiktok fayyadamuun ''nageenya biyyaa, waliin jireenya hawaasaa jajjabeessuuf'' akka oolchan jajjabeessuuf gahee akka bahu dubbatu.

''Kara Tiktokii dhaamsi darbu salphaatti nama bira gahaa jira. Nutimmoo kanarratti hundaa'uun waggaa waggaatti awaardii qopheessinee yoo jajjabeessine tiktokaroonni waayee nageenyaa, waldanda'uu, hojii uumuuratti, odeeffannoo fayyaafi wantoota biroo hedduurratti dhiibbaa gaarii uumuu danda'u.''

Badhaasichi carraa miidiyaan hawaasummaa kun madda rakkoo fi waldhibdee ta'uuf qabu xiqqeessuun kan faayidaa biyyaaf bu'aa buusu akka ta'u gahee waan bahuuf ''jajjabeessuu barbaanne'' jedhan Obbo Soolan.

Ammatti komiiwwan fayyadamtoota Tiktok irratti ka'an kan akka oduu sobaa raabsuu, maqa balleessii fi kanneen kana fakkaatn qolachuuf badhaasa kana duuba waldaa fayyadamtoota Tiktok tokko hundeessuuf yaadni jiraachuus dubbataniiru.

Biyyoota adda addaa keessatti sirni badhaasaa tiktokaroota dhiibbaa gaarii uuman, nama bohaarsaaniifi damee adda addaa biroon kennamuu erga eegalee bubbuleera.