Piriimer Liigii: Arsenaal Liiverpuuliin mo'achuufi Ronaaldoon seenaa haaraa galmeessisuu

Maxxanfame

Taphoota Piriimer Liigii Dilbata kaleessaatiin Arsenaal Liiverpuuliin, Maanchester Yunaayitid ammoo Everteniin mo’atanniiru.

Tapha baayyee eegamaa ture kan Arsenaal dirree isaarratti Liiverpuuliin keessummeen Arsenaal 3-2 injifateera.

Penaaliitii dabalatee Arsenaaliif gooliiwwan lama kan argamsiise ammoo Bukaayoo Saakaati.

Arsenaal Liiverpuuliin mo’achuu isaa hordofee gara Piriimer Liigicha dursuutti deebiyeera.

Kiristaanoo Ronaaldoo goolii Maanchester Yunaayitid ittiin Everten mo’ate yoo lakkoofsisu, gooliin isaa kun kilabii irratti gooliiwwan 700ffaa isaa ta’uun galmee haaraa akka qabatu isa taasiseera.

Kiristaanoo Ronaaldoo bara taphaa ammaa kana keessa dubbiin osoo hin qajeeliiniif tureera. Maanchester Yunaayitid gadhiisuu mala jedhamee irratti odeeffamaa tureera.

Erga taphni Piriimer Liigii jalqabees eeggataa ta’aa tureera. Deegartoonni isaafi kilabichaas maaliif eeggataa ta’a kan jedhu gaaffii kaasaniiru.

Kaleessa garuu Antoonii Maarshaal waan miidhameef boqnnaadhuma dura jijjiiramee seenuun goolii lakkoofsiseera.

Arsenaal taphni jalqabee osoo daqiiqaa tokko hin guutuun sekondii 58 irratti Gabri’eel Maartineeliitiin goolii jalqabaa lakkoofsise.

Boqonnaa dura daqiiqaa 34 irratti kubbaa Luwiiz Diyaaz dabarseef Daarwiin Nuunez lakkoofsisuun walqaxxaatan.

Saatiin tapha boqonnaa duraa dhumee daqiiqaa dabalamte keessatti Saakaan warra Arsenaal gara dursuutti deebisee boqonnaa bahan.

Saakaan kubbaa Maartineeliin fuudhee ce’uun ittisa Liiverpuul raasee kenneefii gooliitti jijjiire.

Boqonnaan booda taphataan jijjiiramee seene Roobertoo Firmiinoo Arsenaal irratti lakkoofsisuun ammas 2-2 akka walqixxaatan taasisee ture.

Taphani dhumuuf daqiiqaan 14 yeroo hafu garuu Tiyaagoo Alkaantiraa Gaabri’eel Jeesusiin takaaluu isaatiif peenaaliitti argatan Saakaan lakkoofsiseef.

Maanchester Yunaayitd kaleessa goolii Aleksii Iyoobii warra Everteniif lakkoofsiseen durfamaa turanii boodarraa ka’uun 2-n Gudisan Paark irratti mo’atanii galan.

Maan Yunaayitidiif Kiristaanoo Ronaaldoon goolii lakkoofsisuutti deebiyuu isaa qofa osoo hin taane taphataan cimaan gatii guddaatiin Riyaal Maadiriid irraa dhufe Kasemiiroon tapha kaleessaan dhiibbaa guddaa uumaa tureera.

Gareen Firaank Laampaard leenjisu Everten kubbaa to’achuu dhabuutii hanga kubbaawwan fuula duratti erguun maseensuutti gatii baasaniiru.

Osoo kaleessa dirree isaaniitti carraa mo’achuu argataniiru ta’ee walitti aansuun si’a sadii mo’achuun Maan Yunaayitid fi Liiverpuul dursuu ture. Amma garuu Liigicha keessatti sadarkaa 12ffaa irra taa’aniiru.

Piriimer Liigii sagal taphatameen Arsenaal qabxii 24 qabatee tokkoffaa, Maanchester Siitiin qabxii 21 lamaffaa, Tootenhaam qabxii 20 sadaffaa, Chelsiin ammoo tapha tokko isa hafuun qabxii 16 qabatee afraffaarra jira.

Maanchester Yunaayitid tapha tokko osoo isa hafuu qabxii 15 qabatee gara shanaffaatti ol siqeera.