Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Barattoonni gosa barnootaa kufanirratti leenjii fudhachuun qormaataaf dhiyaatu'- Ministeera Barnootaa
Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa barattoota qormaata kutaa 12ffaa qabxii dhiibbeentaa 50 gadi fidaniif barnoota dabalataa kennuun irra deebiin qormaata kennuuf murteessuu Wiixata kaleessaa beeksiseera.
Ministeerichi bara barnootaa 2014 A.L.I qormaata waliigalaa biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii dhibbeentaa 50fi isaa ol kan fidan parsantaa sadii qofa tahuu, haalliifi iddoon qoramaati itti kenname akkasumas dhimmoota biroo tilmaama keessa galchuun murtoo kana dabarsee jedhe.
Haala kanaan barattoonni yunivarsiitii galuudhaaf 'Sagantaa fooyya'iinsaa' (Remedial Program) jedhamuun leenjii fudhatu.
Barattoonni manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa irraa, ‘Sagantaa Fooyya’insaa' kana hordofuuf gosa barnootaa qoramaniin dhibbeentaa 30 ol kan fidan tahuu akka qaban murteesseera ministeerichi.
Kunis 700 keessaa 210, 600 keessaa 180 akkasumas 500 keessaa 150 kan fidan tahuu akka qabus murameera jedheera.
Ministeera Barnootaatti, itti gaafatamaa deeskii misooma barsiisaa fi barataa dhaabota barnootaa olaanoo kan tahan Obbo Bayyanaa Tazarraa, ''yeroo ji'a jaha hin caalle keessatti barattoonni kunneen yunivarsiitiiwwanitti ramadamuun barnoota kufanirratti baranoota kutaa 9-12 irra deebiin bifa leenjiin keennameefiti qoramaata qoramuu,'' jedhan.
Qormaatichis kan ministeera barnootaatiin qophaa'u tahaa jedhan qondaalichi.
''Haala kanaan qormaata kana fudhachuun booda dhibbeentaa 50 ol yoo fidan yunivarsiitii waggaa tokkoffaa jalqabuu,'' jechuunis ibsaniiru.
Qormaati kennamuufi leenji isaaniif kennamurratti kan hundaa'u malee qormaata ''maatrikii mitii,'' jedhan.
Bara kana ministeerri barnootaa yunivarsiitiiwwan barattoota kuma 150 simatu jedhee karoorfatus, kan qormaata darban garuu kuma 30 hin caalan ture jedhan.
''Kanaaf 'Sagntaa fooyya'insaa' amma kennamuuf jiruun barattoonni kuma 100f isaa ol yunivarsiitii galu jennee abdanna, '' jedhan.
Barattoota kana barsiisota yunivarsiitiitu barnoota isaan qabxii gadi aanaa fidan irratti isaan deeggaras jedhaniiru.
Kana malees barattoonni kunneen yunivarsiitiiwwanitti barnoota 'Sagantaa foyya'insaa kana fudhachuuf yeroo deemanitti, ''mootummaan baasii isaanii hunda ni kaffaala, carraa barnoota bilisaati, '' jedhan Obbo Bayyanaan.
Barattoota kanaaf akkuma barattoota idilee ramaddiin dhaabota olaanoo gatii bahuufi hordofuun maatii irraa fagaatanii deemuuf qophaa'uu qabus jedhaniiru.
Carraan amma kenname kunis 'waan yeroo tokkoo' barana qofa kennamu akka tahes eeraniiru itti gaafatamaan kuni.