Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yunivarsiitiin Harvaard yeroo jalqabaatiif pirezidantii gurraacha muude
Addunyaa irratti yunivarsiitiin Ameerikaa beekamaa ta'e Yunivarsiitiin Harvaard yeroo jalqabaatiif pirezidaantii gurraacha muude.
Dr. Kilaawidiin Geey Yunivarsiitii kana bulchuudhaan sanyii gurraacha keessaa ta'uun kan jalqabaa yoo ta'an, dubartoota Yunivarsiiticha gaggeessan keessaa ammoo dubartii lamaffaadha.
Muudamni kun hayyuu dimokiraasii kan taa'an Dr. Kilaawidiniin pirezidantii 30ffaa Yunivarsiitichi muuddate taasisa.
Dr. Kilaawidiin aangoo kana pirezidantii Yunivarsitichaa duraanii Laawurans Bokowu irraa fudhatu.
Dubartiin kun bara 2023 keessa yunivarsiitii baayyee beekamaa akkasii hogganuudhaan dubartii sanyii gurraachaa jalqabaa isaan taasisa.
Dr. Kilaawudiin kollejjoota Yunivarsitichaa keessaa tokko hogganuunis dubartii sanyiin gurraacha ta'an lamaffaa ta'anii ture.
Dursaa koree qacarrii pirezidantii kan ta'an Peenii Piriizkar, "Dr. Kilaawidiin yaada bilchaataa dhiyeessuutiin, yaada hunda hammachuu mirkaneessuutiin, guddina dhaabbataatiif yaada abdii namaaf kennu qabaachuufi gadi of deebisuun kaan tajaajiluutiin hayyuu filatamaniidha," jedhaniiru.
Dr. Kilaawidiin itti-gaafatamummaan kun yeroo itti kennametti, "Dhugaa hin fakkaatu mitii? Gammachuuti natti dhaga'ama. Ilaalchi 'garee hayyootaa cabuu hin dandeenye' jedhu kan dulloomeefi irraa darbedha. Nuti hundi keenya qaama milkaa'ina kanaati," jechuun gammachuu isaanii ibsataniiru.
Yunivarsiitiin Harvaard itti-gaafatamummaa hawaasicha tajaajiluufi hunda hammataa ta'uu isa amirkaneessuu itti kennuu isaa dabaluun ibsaniiru.
Maatii biyya Hayitii irraa ta'an irraa kan dhalatan Dr. Kilaawudiin, bara 1992 ture Yunivarsiitii Kaalifoorniyaa irraa digirii isaa jalqabaa kan eebbifaman.
Bara 1998 ammoo doktiratii isaanii Yunivarsiitii Harvaardirraa argataniiru. Waraqaa qorannoo ittiin eebbifamaniin Saayinsii Siyaasaa irratti qorannoo baayyee jajame hojjechuun Badhaasa Tooppen kennameeraaf.
Bara 2006 keessa barsiistuu kutaa Bulchiinsa Barnootaa Harvaard ta'uun, booda bara 2007 keessa ammoo barsiistuu Afrikaafi Afrikaa-Ameerikaa ta'uun tajaajilaniiru.
Qorannoon isaanii dhimmoota sanyiifi siyaasa Ameerikaa irratti kan xiyyeeffate ture. Adeemsa Yunivarsiitiin Harvaard itti simannaa taasisu (keessumaa sanyii waliin walqabsiisuun) akka keessa deebiyee ilaaluuf mana-murtii waliigalaatiin dhimmichi ilaalamaa wayita jirutti ture muudamni Dr. Kilaawudiin kan dhaga'ame.