Iraaqiitti dubartoonni 400 tahan mana hidhaa keessatti lagannaa nyaata eegalan

Magaala guddoo Iraaqi Baagdaadii keessatti dubartoonni mana hidhaa cimaa ta'e keessatti hidhamanii jiran keessa yoo xinnaate kanneen 400 ta'an lagannaa nyaata torban lammaffaa irra jiraachuu BBC mirkanneeffate.
Dubartoonni kunneenis sababii qaama Garee Bulchiinsa Islaamaa (ISIS) jedhamu ta'usaanii kan hidhamaniidha. Isaan garuu dhimmisaanii haqaan hin ilaalamne jedhu.
Gareen kunis lammiilee biyyoota akka Raashiyaa, Tarkii, Azirbaajaan, Yukireen, Siiriyaa, Faransaayii, Jarmanii fi Ameerikaa kan hammateedha.
Akkasumas daa'imman gara 100 ta'a mana hidhaa kana keessa akka jiran yaadama.
Gareen Bulchiinsa Islaamaa ISIS jedhamuun beekamus, biyya Islaamaa of dandeessee hundeessuuf duula cimaa gaggeessee ture. Duula kanaanis waggoota shan keessatti Siiriyaa fi Iraaq keessatti namoota kumaatama galaafateera.
Erga bara 2017tti kufeen booda, miseensoonni garichaa duraanii kumaatamni marfaman. Warreen dhiiraa hedduunsaanii akka ajjeefaman kan himamu yoo ta'u, dubartoonniifi daa'imman kumaatamni garuu mana hidhaatti galfaman.
Kaanis gara biyya jalqabaasaaniitti dabarfaman, hedduun garuu mana hidhaa Siriiyaa fi Iraaqi keessatti hafan.
Waraabbiin viidiyoo mana hidhaa Baagdaadi irraa BBC Arabaatiif ergame akka mul'isuutti, dubartiin baayyee huqqattee sochii tokko malee lafa dhagaa irra ciiftee jirti. Gareen kunis erga Ebla 24 asi nyaata lagataniiru.
Jalqaba lagannaa nyaataa irratti gareen dubartootaa kunneen guyyaatti bishaan kubbaayyaa walakkaa qofa dhugaa akka turan BBCtti himan. Dubartoonni muraasni amma isumaa dhuguu walfaana dhaaban.
Waraabbii viidiyii sanarratti daa'imman xixiqqoo baayyeetu mul'ata. Baayyeen isaanis achuma mana hidhaa keessatti akka dhalatan himama.

Murteen dubartoota kanarratti dabarfamees waggaa 15 -umurii guutuuti. Kaan isaanii ammoo du'atu itti murtaa'e. Garuu du'aan kan adabame akka hin jirre BBC hubateera.
Laganaan nyaataa amma gaggeessaa jiranis murtee isaan irratti darbeefi haala keessatti argaman mormuudhaaf.
Dubartiin lammii Raashiyaa taatee tokko karaa bilbila harkaa seeraan alaa tokko, hanga gadhi dhiifamtuutti omaa akka hin nyaannee dubbatti. Isheenis dhaddacha daqiiqaa shaniitiin hidhaan waggaa 15 irratti murtaa'u dubbatti. Kunis jecha humnaan akka mallatteessitu taasifamte irratti hundaa'u kan murtaa'eedha jetti.
Sanadichi Afaan isheen hin beekne Araabaan barraa'e. Innis meeshaa waraanaa qabattee Moosuuliitti to'atamte jedha, isheen garuu lamaanu ni haalti. Kan isheen jettuu hunda mirkanneessuuf garuu rakkisaadha.
Dubartoonni kunneenis imbaasiiwwanii fi bakka butoota dippilomaatii biyyasaanii waliin qunnamtii omaa akka hin qabne himan.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubbartiin BBC dubbise tunis waggoota jahan darban keessatti daa'imman 30 fi namoonni 60 mana hidhaa Rusaafaa keessatti du'u himti. Dubartiin tokko ammoo daa'imni dhuma kana duute kan waggaa sadii ta'u himti.
Manni hidhaa kunis baha Baagdaadiitti kan argamu yoo ta'u, dubartoota gochaa shororkeessummaa dabalatee kanneen yakkoota garaa garaatiin itti murtaa'etu keessatti argama. Hidhamtoonni kunneenis kutaa tokko keessatti 40 ta'anii kan hidhaman yoo ta'u, yeroo baayyee reebichiifi gochaan dararaa akka irratti raawwatu himu.
Ebla darbe Ministeerri Haqa Iraaqi daareektarri Mana hidhaa hari'amu ibse. Kanaafis ''viidiyoo dhaabbaticha keessaa loo'ee baafame'' akka sababaatti kaasan. Ministeerrichi garuu manni hidhaa Rusaafaa kan danda'un dachaa afuriin guutuu amaneera.
Sirni haqa yakka Iraaqi yeroo dheeraaf haqi sirriinni akka hin kennameefi dararaa bal'aa jiraachudhaan himatamaa jira.
Mootummaan Iraaqi gaaffiiwwan BBCn dhumma lagannaa nyaataa ykn haala mana hidhaa sana keessa jiru ilaalchisuun dhiyeesseef deebii kennuu dide. Duraan, kanneen yakka omaa hin raawwatiin gara biyya irraa dhufaniitti deebii'aniif aakka gargaaru hime ture.
Amanastii Intarnaashinaa, garuu, ''jecha dararaafi dorsiisaan kennan'' irratti hundaa'un kanneen IS waliin hidhata qaban irratti hidhaan umurii guutuu fi duutii irratti murtaa'ee himee gabaaseera.
KOreen Mirga Namoomaa Mana maree Iraaqi dhiheenya kana adeemsa biyyatti deebiisuu hidhamtoota IS-hidhata qabaiin akka saffiisuuf aanga'oota gaafate ture.
Dubartoonni muraasni IS'tti fedhiin akka makaman yoo amanan, kaan ammoo gowwamsamuu ykn dirqiidhaan akka garichatti makaman himu. Kaan ammoo akka loltootatti heerumaniif dirqisiifamu yoo dubbatan, yoo didan du'aan doorsiifamu fa'i himu.
Kanneen sadarkaa olaanaa qaban keessaa tokko Shaamimaa Beegum. Isheenis shamarree Biritish bara 2015tti Siiiriyaatti imalteedha. Isheenis hanaga ammaattu kaaba biyyattii keessatti hidhamtee jirti.












