Deebiin Hamaas dhukaasa dhaaburratti kenne akkamiin US mufachiise?

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri dhimma alaa US Antonii Bilinken Hamaas ''falmii yookiin muggutii'' dhiisee battala kanatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuu qaba jedhan.
Qondaaltonni Hamaas karoora Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu fi namoota ugguraman gadhiisisuu Ameerikaadhaan dhihaate ilaalchisuun wayita yaada kennan ''dursa jijjiiramni hedduun'' taasifamuu akka qabu ibsan.
Jijjiiramni isaan eeran gariin kan deemsisu, kaan ammoo kan hin fakkaannedha jedhan Bilinken.
Qondaalli US kun karoora dhukaasa dhaabuu ilaalchisee yaada qondaaltonni Hamaas kennan irratti Ministira Muummee fi Ministira dhimma alaa Kataar Sheek Mohammad bin Abdul Rahman Al Thani waliin Dohaatti erga mari'atanii booda yaada kana gaazexeessitootaaf kennan.
Garuu Ameerikaa fi biyyoonni jaarsummaa taa'aa jiran lamaan - Masriifi Kataar dhimmi kun gara tokkotti akka dhufu akka hojjetan waadaa seenan Aab Bilinken.
Hamaas dhukaasa dhaabuurratti akka waliigalu ibseera, garuu jalqaba humnoonni Israa'el Gaazaa keessaa ba'uun dhukaasi guutummaatti akka dhaabbatu fedha.
Israa'el sadarkaa mootummaatti yaada kanarratti deebii hin kennine, garuu qondaalli eenyummaasaanii dhoksuun dubbatan tokko yaadi qondaaltota Hamaas irraa dhihaate kun karoora kana diduun walqixa jedhan.
Ministirri Muummee Israa'el karoora waliigaltee dhukaasa dhaabuu Ameerikaadhaan dhihaate kana hojiitti akka hiikan ifatti hin dubbanne.
Garuu Aab Bilinken akka jedhanitti Wiixata darbe wayita Jerusaalamitti Beenjaamin Neetaniyaahuu waliin walarganitti ''qondaalli kun karoora kana hojiirra oolchuuf kutannoo qaban ibsaniiru,'' jedhan.
Guyyoota dura wayita Pirezidantiin US Joo Baayidan karoora dhukaasa dhaabuu kana dhiheessan Manni Maree Nageenyaa UN yaada kana deggereera.
Kun Gaazaa keessatti dhukaasi akka dhaabbatuuf dhiibbaa Ameerikaan taasisaa jirtu kan jabeessudha.
Aab Bilinken waa'ee fooyya'iinsa yookiin jijjiirama karooraa Hamaas dhiheessee ilaalchisuun miira mufannaa fi rifaatuutiin dubbatan. Gareen kun dhukaasi ammuma dhaabbachuu akka qabu fedhuu dhabuusaatti mufatan.
''Ajandaan waliigaltee amma irratti haasa'aa jirru kan Hamaas Caamsaa 6 dhiheesseen gargar miti. Waliigaltee addunyaan hundi deeggaruudha. Israa'elis fudhatteetti. Hamaas ammas waliigaltee kana jecha salphaa ''eeyyee'' jedhuun fudhachuu qaba,'' jedhan.
''Hamaas garuu kana gochuu dhiisee ammallee karoora biraa dhiheessa, sababa kanaan waliigalteen kun osoo hojiitti hin hiikamin torbanoonni lama darbaniiru.
''Yaadi gareen kun amma dhiheessaa jiru kan duraan irratti waliigale faallessaa deema. Sababa kanaan waraanni inni eegale itti fufeera. Kan miidhamaa jiran ummata Filisxeem fi Israa'el.''

Madda suuraa, AFP
Wayita Ameerikaan karoora dhukaasa dhaabuu dhiheessite hojiirra oolchuuf qaamolee dhimma ilaallatu waliin mari'achuuf karaa ministeera dhimma alaa ishee hojjetaa jirtutti gareen Hezboollaa ammoo rookeetiiwwan hedduu gara Israa'el dhukaaseera.
Gareen kun ajajoota gameeyyii isaa keessaa tokko erga humnoota Israa'eliin ajjeefamee booda haaloo ba'uuf tarkaanfii kana akka fudhate ibse.
Humni Waraanaa Israa'el rookeetiiwwan 200 caalan daangaa ce'uun biyyasaanii seenuu ibse, dhukaasi hedduun abidda tufa jedhe. Garuu miidhaan namarra ga'e akka hin jirre ibse.
Tarkaanfiin kun erga qondaalli olaanaan garee hidhataa Iraaniin deeggaramu kanaa haleellaa akka cimsan dhaadatanii booda fudhatame.
Erga Hamaas Onkoloolessa darbe haleellaa tasaa Israa'el irratti raawwate as daangaa Israa'el fi Libaanos irratti waraanni adda citee hin beeku.
Ergas waraanni kun eegalee Lebaanos keessatti namoonni 375 yoo du'an kanneen keessaa 88 siiviliidha.












