Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yukireen: Taatee addaa Chornobaayivkaatti Raashiyaan janaraalota lama itti dhabde
Raashiyaan akkuma Yukireen irratti waraana banteen buufata xayyaaraa tajaajila waraanaf oolu kan magaalaa Kersoon alatti argamu to'atte.
Buufanni xayyaaraa kun irra deddeebin humnoota Yukireenin haleelame.
Raashiyaan meeshaalee waraanaa fi loltoota ishee achitti buustee bakkeewwan garaa garaa haleeluf haala mijeeffataa turte. Achirraa ka'uun gara Maykolaayiv fi Odeesaa fa'aa weeraruuf turte.
Buufata xayyaaraa kana akka wiirtuu waraana Raashiyaatti hin tajaajilleef Yukireen irra deddeebin haleellaa fageenya irraa gaggeessiteen meeshaalee waraana garaa garaa barbadeessite.
Jeneraalonni Raashiyaa lamas haleellaa Yukireenin buufatuma waraanaa kana keessatti du'an.
Haleellaa buufata xayyaaraa kanatti milkaa'un Yukireen dirreewwan waraanaa biroo irrattis akka milkooftuf hamilee ta'eef.
Buufata xayyaaraa Chornobaayivkaatti Raashiyaan mo'amuu hordofee lammiileen Yukireen hedduun buufata xayyaaraa kana akka mallattoo biyyaalessaatti ilaalu.
Kunis tarsiimoo Raashiyaan achirraa ka'uun kutaalee Yukireen garaa garaa to'achuuf baafattetu jalaa danqe waan ta'eef.
Ji'a tokko dura Yukireen yeroo magaala Kersoon to'attu buufata xayyaara Chornobaayivkaa deebistee to'atte.
Loltoonni Raashiyaa buufaticha keessaa yoo bahan fanjiiwwan heddu kiyyeessanii bahan. Awwaalli jumlaa heddus achitti argame.
Raashiyaan buufata xayyaaraa kanaafi magaalaa Kersoon osoo gadi dhiistee hin bahin dura waraannni Yukireen riqicha, wiirtuu qajeelcha waraana fi man-kuusaa meeshaalee waraanaa irratti qiyyaafachuun haleellaa heddu raawwataa ture.
Loltoonni Yukireen deebi'anii buufata xayyaaraa gaafa qabatan kan isaan argan tuullaa meeshaalee waraanaa Raashiyaa barbaadan qofa osoo hin taane hawaasa naannoo sana jiraatan erga Raashiyaan bakkicha to'attee eessayyuu dhaqanii hin beeknedha.
"Ji'atti nyaata bitachuuf yeroo muraasa qofa arganna. Eessayyuu dhaqnee hin beeknu. Mana keenya duuba kaarota, hundee diimaa fi dinnicha fa'aa qotataa turre," jetti Viktooriyaan buufata xayyaarichaa keessatti oppireetara taatee hojjataa kan turte.
Sadaasa 11 Raashiyaan Kersoon gadi dhiistee gaafa baatu bu'uuraalee misoomaa kanneen akka telekominikeeshinii fa'aa balleessitee baate.
Buufata xayyaaraa Chornobaayivkaa madda anniisaa irraa waan adda kutteef jiraattonni baay'ee rakkatu.
Naannoo hawaasa Chornobaayivkaatti barsiituu kan taate Sivitlanan barattoota ishee keessaa lama dirree waraanatti akka du'aniifi kaan ammayyuu lolaa akka jiran dubbatti.
Amma Chornobaayivkaatti manneen diigamaniifi qabeenya barbaada'e deebisanii ijaarutu hafe.
"Namoonni Raashiyaa jalaa baqatanii deeman, kaan ammoo waanti dhufe haa dhufu jedhanii qa'ee isaanirraa hin baqatin kutatanii turan," jetti mandara sanatti itti gaafatamtuu kan taate Ihor Dudar.
Lammiilen Yukireen buufata xayyaaraa tajaajila waraanaa kennu kana keessatti muuziyeemii waraanaa banuuf akka qaban dubbatu. Haa ta'u garuu lolli ammayyuu isaan irraa fagaatee hin jiru.
Rookkettiwwan loltoonni Raashiyaa dhukaasan ammayyuu qe'ee isaanii irraa fageenya dhihoo iratti bu'a.