Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Puutin haadholii ijoolleen isaanii waraana irratti jalaa du'an "gadda keessan nan qooddadha" jedhe
Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin haadholiin ijoollen isaanii waraana Yukireenitti jalaa du'aniif gadda isaanii akka qooddatu dubbate.
"Ilmoo ofii waanti bakka namaa buusu hin jiru," jechuun dubbate sagantaa haadholiin muraasni qofa irratti hirmaatan irratti.
Haadholiin kunnneen itti yaadamee namoonni muraasni filatamanii Puutin wajjin akka wal argan godhaman jechuun kan komatanis danuudha.
Raashiyaa keessatti dubartoonni ijoollen isaanii leenjii gahaa osoo hin argatanii fi meeshaa gahaa osoo hin hidhatin waraanatti geeffammanii du'aa akka jiran iffatti dubbachuun mormaa jiru. Kaan ammoo waraanni Raashiyaa ijoollee isaanii irbaata rasaasaa gochuuf fuuldura hiriirsa jechuun komatu. Erga dhiyeenya kanaa as Raashiyaan dirree waraanatti milkaa'uu dadhabdee bakkeewwan to'atte gadi dhiisun booddetti deebi'aa jirti.
Angawaan waraanaa US kan ta'e general Maark Miiley akka jedhanitti erga Raashiyaan Yukireen weerartee kaasee hanga ammaa waraanni Raashiyaa 100,000 ta'u du'uu ykn madaa'uu dubbata.
Sadaasa 25 Puutin mana jireenya isaatti haadholii 17 ta'an kanneen ijoollen isaanii dirree waraanatti jalaa du'an walitti qabee osoo jajjabeessuu TV dhaan mul'ate. Dubartoota achitti walitti qabaman keessaa kaan wayyaa gaddaa uffatanii jiru.
"Ani akka nama dhuunfatti, akkasumas gaggeessitoonni Raashiyaa madaan keessan akka nutti dhagahamu akka nuu bartanin barbaada," jedhe Puutin. Ijoollen isaanii waan yaadame galmaan gahanii du'an malee akkasumaan du'a tasaa akka hin duune itti hime.
Waa'ee waraana deemaa jiruu oduu "sobaa" karaa TV ykn intarneetii faca'u akka amanuu hin qabnes isaanitti hime.
Waa'ee waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiruu Raashiyaa irraa odeeffannoo qabatamaa argachuun rakkisaadha. Kanaaf ammoo namoonni neetwoorkii dhuunfaa kan ta'ee VPN tti fayyadamuun odeeffannoo sirrii ta'e argatu.