Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US fi Jarman taankiiwwan 'waraanicha jijjiiru' jedhaman Yukireeniif erguuf
US fi Jarmana garaa hiruu ji'ootaan booda taankiiwwan Yukireen Raashiyaa ittiin loluuf gaafachaa turte kennuuf waliigalan.
Taankiiwwan Yukireen waywaachaafi turte kun haala waranaa jijjiira abdii jedhu qabu warri Kiiv.
Bulchiinsi pireezidantii US Joo Baayiidan taankiiwwan ammayyaa M1 Abrams jedhaman yoo xiqqaate 30 ta'an erguuf murteessuu ifa godha jedhamee eegamaa jira.
Akkasuma Chaansileeriin Jarman Olaf Scholz gama isaaniin taankiiwwan isaanii ammayyaa Leopard 2 jedhaman lakkoofsaan 14 gadi hin taane Yukireeniif kennuuf murteessaniiru.
Oduu kana kan baase US'tti Ambaasaaddara Raashiyaa yoo ta'an ''dubbii barbaacha ifatti gaggeefame'' ittiin jedhan.
Aanga'oonni Yukireen taankiiwwan Jarmaniifi US kun naannolee Raashiyaan jalaa fudhatte deebifachuufi gahee guddaa bahuu jedhu.
Hanga ammaatti US fi Jarmaniin dhiibbaa keessaa fi alaan taankiiwwan kana Yukireeniif akka kennan godhame dandamatanii didaa turan.
Sababni Waashingitan taankii abbaa teeknoolojii amayyaa Abrams diduu isheef dhiyeessite itti fayyadama isaaf leenjii bal'aatu barbaachisa suphaan isaas salphaa miti kan jedhuudha.
Barliin gama isheen Naton waraana Yukireen Raashiyaa wajjiin gaggeessitu keessatti hirmaannaa fi gahee kallattii qaama bahu akka hin taane sodaa qabdurraayi taankii ishee kennuuf garaa hiraa kan baate.
Miidiyaaleen US maddeen maqaan akka hin dhahamne gaafatan waabeffachuun US taankiiwwan ishee abbaa teekknoolojii ammayyaa kana Yukireenitti fe'uuf ta'uu Roobii fa'a ibsuu malti jedhu.
Namootni maqaan hin ibsamne kunniin taankiiwwan Abrams 30 gad hin taane Yukireenitti fe'amuuf jiru jedhan.
Yeroo hammamii keessatti meeshaaleen kun Yukireen akka qaqqaban garuu wanti ifa ta'e hin jiru. Garuu ammoo meeshaaleen waraanaa US adda waraanaa qaqqabuuf ji'ootaa hanga waggaa tokkoo fudhachuu mala tilmaamni jedhu jira.
Akka miidiyaaleen US gabaasanitti Jarmana taankiiwwan ishee Leopard 2 gara Yukireen kan ergitu yoo US taankiiwwan M1 Abrams ergitui ta'e qofa akka ta'e aanga'ootni Jarman ejjennoo qabatanii ture.
''Warri Jarman Leopard kan erginu yoo Ameerikaan Abrams ergite yaada jedhutti yoo cichan, Abrams ni erginaaf'' jechuun michuu Baayidan kan ta'an senaatarri warra Dimookraatotaa Kiriis Koons Kibxata barruu Polotikootti dubbatan.
Michuun Yukireen biroon Biriteen taankiiwwan ishee ammayyaa Challenger two jedhaman akka ergitu beeksifteetti.
Biyyi ollaa Raashiyaa Poolaand gama isheen taankiiwwan Leopard Garmanitti hojjetaman Yukireeniif dabarsitee kennuu yaaddus hayyama Jaraman akka ishee barbaachisu beeksifteetti.
Akka inistitiyuutiin qorannoo tarsiimawaa idila addunyaa jedhutti yoo xiqqaate biyyootni Awurooppaa 16 fi miseensotni NATO taankii teeknoolojii ammayyaa Jarman Leopard 2 jedhamu qabu.
Amma Chaansilariin Jarman taankiiwwan kana Yukireeniif erguuf murteessuu hordofee biyyoonni taankicha harkaa qaban yoo fedhan Yukireeniif erguu danda'u.