Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paastarii waggaa 17'f dirree waraanaa dagatame keessa jiraate
Paastariin umurii ganna 75, Y Hin Nee mana amantaa isaa US bulchiinsaa Kaaliforniyaa jiru keessatti wangeela barsiisa.
Yeroo dargaggeessa ture garuu gara wagga digdamaaf erga waraanni Veetnam xumuramee booda bosona keessatti loltoota Veetnamitti wangeela lallabaa ture.
Yeroo kanatti qawweeen isaa AK-47 isa biraa hin dhabamne ture.
Baqaarraa fi addunyaa irraa citanii kan turan, Hin Nee fi gartuun isaa finciltoota turan nyaata adamfachaa fi gartuulee Kompodiyaa Kamer Ruuj jedhamaniif kaffaltii taasisuuf googaa qeerransaa adamsaa turani.
‘Looltoonni dagatamoo’ isaa kun hanga bara 1992’tti Hin Neen bilisummaa isaaniif waligaltee taasietti, harka hin kennine ture.
Y Hin Nee yeroo jalqabaaf du’atti kan siqe Amajjii 30, 1968, yemmuu gartuun Viyeetkoong, kan Veetnam keessatti Koministii Kaabaaf lolan, kabaja ayyana Waggaa haaraa ykn Teet irratti haleellaaa rookketii cimaa bakka US’n to’atame irratti bananidha.
Veetnaam keessatti kan guddatte Hin Nie, magaalaa guddittii Giddugaleessa Haayilaandi Veetnaam keessatti magaalaa Buon Ma Thuot jedhamtu keessatti ergamtoota Kiristaanota Ameerikaa wajjin jiraachaa ture. Haati fi abbaan isaa hiyyeeyyii waan ta'aniif jireenya fooyya'aa akka qabaatuf yeroo inni mucaa umurii ganna saddeetii turetti misiyoonota biratti isa dhiisanii akka deeman hima.
Yeroo haleellaan rookkeettii sun gaggeeffametti "Haati kiritinnaa isaa" kan guddifachaan isa fudhatte, Kaarooliin Giriiswoold rafaa turte. Gabaasni misiyoonota biraan irraa akka jedhutti loltoonni Koominiistii mana keessaattis boombii dhoosanii turani.
Abbaan Kaarooliin, Liyoon jedhamu battaluma sanatti duʼe. Hin Nee - kan galgala sana mana hiriyyaa isaa keessa turte - gara manaatti fiiguun Kaarooliin caccabaa keessaa gargaarsaan ishee baase. Karoliin yeroo muraasa booda duute.
"Haati Kiritinnaa koo gidiraadhaan duute," jedha. "Anaan Waaqayyotu lubbuu koo oolche."
Yeroo Hin Nee bunker ykn da’oo keessa dhokatee turetti, misiyoononni biroo hedduun ajjeefamanii kaan ammo ni booji'amani.
Gaddaa guddaa keessaa jiraatus of jajjabeessee jireenya isaa itti fufe, mana barumsaa Macaafa Qulqulluutti fi waldaa keessa hojjechuu irratti xiyyeefate.
Amajjii 1975tti humni Kibbaa Ameerikaan deeggaramu barbadaa’ee, magaalaa Buon Ma Thuot irraa duubatti deebi’uuf dirqameetti, Hin Nee waraanatti hin makamne ture.
Boombiin yommuu roobu, Hin Nie fi barattoonni mana barumsaa macaafa qulqulluu 32 miliqan, kiiloo meetira hedduu lafoo deemaa turan.
Yeroo kanatti ture Hin Nie finciltoota United Front for the Liberation of Oppressed Races (Fulro), kan ofiin of bulchuu saba xiqqaa Montagnards jedhamaniif hidhannoon lolaa turan waliin kan wal bare.
Namoonni kun yeroo dheeraaf Veetnaam keessatti sababa amantii Kiristaanaa isaanii fi biroon ari’atamaa turaniiru.
Hin Nie misiyoonota Ameerikaa waliin hariiroo cimaa waan qabuu fi Ingiliffa dubbachuu waan danda’uuf loltoota Ameerikaa waliin walitti isaan fida jedhanii abdatani- looltonni Ameerikaa kun bara 1973 waraanicha keessaa osoo hin ba’iin dura lammiilee sabakanaa kuma kudhaniin lakkaa’aman akka loltoota sarara duraatti bobbaasanii turani.
Hin Nee finciltoota akka isaa Kiristaanota ciccimoo ta'anitti makamuuf fedhii fi kaka’umsi guddaan isa keessatti akk uumame hima.
"Filannoo hin qabun ture, onnee koo na tuqe."
Amajjii 10 bara 1975 isaan waliin gara bosonaatti baqate.
Waggoota afran jalqabaaf, yeroo hunda baqachaa, waraana jalaa dhokachaa Veetnaam keessa turani.
"Dhukaasa fiigi, dhukaasaa fiigi. Meeshaa waraanaa cimaa hin qabnu turre," kan jedhu Hin Nee, ofii isaatii kallattiin lola irratti akka hin hirmaanne, of ittisuu fi adamsuuf garuu AK-47 qabate akka ture hima.
Bara 1979tti loltoonni Veetnaam Fulroo barbaaduuf hojii isaanii babal'isaa waan turaniif gartuun kun gara Kaamboodiyaa, dhihaa Veetnaam jirutti baqatani.
"Achi turuu waan hin dandeenyeef daangaa qaxxaamurree - balaa guddaa qaba ture," jedha.
Veetnaam gadhiisuun garuu balaa haaraa fide. Riphee-loltoonni garee Pol Pot kan qaama sochii sanyii duguuggaa Khmer Rouge ta’an daangaa baha Kaamboodiyaa keessatti bakkeewwan tokko tokko to’atanii turani.
Hafteen sirnichaa - kanneen waggoota afuriif Kaamboodiyaa ajjechaa namoota miliyoona 1.7tti tilmaamamaniif itti gaafataman- humnoota Veetnaamiin deeggaramaniin erga angoorraa kaafamanii booda achitti baqataniiru.
Achi turuuf Fulro hayyama Khmer Rouge irraa waan barbaaduuf, Hin Nie ajajoota naannichaa waliin bosona bulchiinsa Mondulkiri jiru keessatti wal argan.
"'Diina tokko qabna' jedheen - wanti irratti waliigalle kana qofa ture. Yoo komunistoonni Veetnaam gara kana dhufan, sana booda itti himuu dandeenya," jedha.
Khmer Rouge, Hin Nee fi kutaan waraanaa isaa akka turaniif hayyame. Garuu "gibira" ji'a ji'aaf, gogaa qeerraansa fi paayitoon akkasumas gaanfa bineensa akka gadamsaa hedduu akka kaffalaniif gaafatani.
Hin Nie akka jedhutti gartuun isaa qeerransa kiyyoottiin qabaa turani. Sodaan qeerransaa osoo jiruu – qeerransii kaampii keessatti namoota sadii ajjeesaniiru - sodaan Khmer Rouge isarra guddaa ture.
"Baay'ee dheekkamnii aaru, waan hunda lakkaa'u," jechuun yaadata. "Yeroo baayyee 'Yoo gibira hin kaffalle duubatti deebi'uu qabdu' jechuun nu doorsisaa turani."
Fulro ammallee to’annoo gaggeessaa, bosona tokko isa biraatti yemmu daddarbanitti humnoota Veetnaam waliin darbee darbee waldhabdeen ni uumama ture, bakka tokko ji'a tokkoo ol hin turani.
Hin Nie "jireenya bosonaa" ni yaadata - loltoonni Fulroo akka bineensotaatti naanna'aa turan, baala mukaa dabalatee waan argatan hunda nyaachaa turan jedha.
"Deemaa, deemaama turre... arba dhukaasne ajjeesna turre, waan arguu dandeenyu hundatti dhukaasna."
Naannoo kanaatti miseensa gartichaa kan turte haadha warraa isaa H Biuh waliin ga’eela dhaabbatani. Ijoollee sadii bosona keessatti horatani, garuu tokko ni du'e.
Kaampii isaanii keessatti amanitin waan dhaabbataa ture.
Yeroo bakka haaraa qubatan wanti jalqaba Hin Nee godhu fannoo dhaabuu ture. Sana booda loltoota, dubartootaa fi daa'immaniif ni lallaba ture.
Ayyaanni Qillee (guyyaa dhaloota Kirisitos) gonkumaa hin hafne. Kabaji ayyaana Qillee tokko isaaf adda.
Bara 1982tti halkan tokko faarfannaa ayyaanaa Qillee farfaachaa utuu jiranii , Khmer Rouge naannoo sana turan tokko tokko fagoodhaa isaan dhagaʼani. Isaan keessaa muraasni gara isaanii dhufani.
"Jeneraalli tokko farfaannichii baayyee bareedaa waan ta'eef nu waliin ta'uuf gaafate, isaanis kaampii keessatti nu waliin turan," jedha Hin Nee.
"Aafaan lamaan lamaan farfaannaa fi lallaba taasisfna - Khmer fi Bunong ."
Komunistoonni Veetnaamis farfannaa dhaga'anii itti dhiyaatani turaniis, Fulroo fi Khmer Rouge garuu isaan ari'an jedha.
Hin Nie paastarii Fulroo ta'uu dabalatee itti gaafatamaa qunnamtii olaanaa ture. Kana jechuun Khmer Rouge waliin mari’achuu, akkasumas garuu ganama ganama raadiyoo dambalii gabaabaa BBC, Sagalee Ameerikaa fi raadiyoo Veetnaam dabalatee kaan dhaggeeffachuudhaan addunyaa isaan dagatte keessatti waan ta'aa jiru hordofuuf yaala ture.
Sababa waraanaa qabbanaa’aan addunyaan garmalee geeddaramee ture.
Bara 1991tti humnoonni Kaamboodiyaa muummicha ministeeraa yeroo sanaa Hun Sen jalatti argaman – kan waggoota 38 booda aangoo ilma isaaniif dabarsee kenne – marii walii galtee Hin Nee tasisuuf qormaata haaraa ta'aniiru.
Garuu loltoota Khmer Rouge naannichaa muraasaa fi loltoota Kaamboodiyaa irraa kan hafe, loltoonni Fulro ammallee bosona keessa akka jiran namni beeku hin jiru. Jaallan isaanii duraanii bakka isaan jiran beekuu mitii, lubbuun jiraachuu isaaniillee quba hin qaban turan, - hawaasni addunyaas quba hin qaban turan.
Kanaafuu, bara 1992tti, Hin Nie qondaaltota UN waliin marii yeroo jalqabu ajaa’iba guddaa ture.
Hin Nie akka jedhutti qondaala UN naannicha waliin wal arguun waraqaa irratti afaan Faransaayiin akkas jedhee barreesse: "Nuti Fulro dha - bilisummaa fi gargaarsa keessan eegaa jirra."
Ji'a lama booda gareen qondaaltota UN Hin Nie waliin wal arguuf dhufan. "Maaliif akkan bosona keessa jiraadhu mirkaneessuuf torban tokkoof na gaaffiin na qorachuu itti fufan," jedha. Khmer Rouge ta'uu isaa baruu barbaadan. Innis akka hin taane itti hime.
Walgahiin UN kan biraa gaggeefamee irratti, Hin Nie "komunistoota loluuf" meeshaa waraanaa dabalataa gaafate garuu sun akka hin danda'amne itti himame.
"[Loltoota] 400 qofa qabda - Veetnaam keessatti loltoonni miliyoonaan lakkaa'aman jiru. Akka isin duutan hin barbaannu," jechuun deebii kennameera jedha.
Sana booda Hagayya 1992 keessa gaazexeessaan Ameerikaa Nate Thayer jedhamu kaampii kana daawwatee, seenaan qabsaa'ota Fulroo isa dhumaa addunyaa biratti beekame.
Thayer gaazexaa Phnom Penh Post irratti akka gabaasetti gareen kun ammallee hogganaa isaanii, kan isaan akka inni waggoota 17 dura garee Khmer Rouge tiin ajjeefame hin beekne irraa qajeelfama eegaa jiru.
"Maaloo, pirezidaantii keenya Y Bham Enuol akka argannuuf nu gargaaruu dandeessaa?" jechuun Ajajaan Olaanaa Fulroo Y Peng Ayun gaafate. "Bara 1975 irraa eegalee quunnamtii fi ajaja pirezidaantii keenya irraa eegaa turre. Eessa akka jiru beektu?"
Miseensotni gartuu kanaa tokko tokko akka inni du'e yeroo itti himamu ni boo'ani. Oduun du'a pirezidaantii Fulroo raadiyoo dambalii gabaabaa isaa irratti Hin Nie bira geenye ture.
Inniifi jaallan isaa waraanni akka xumurame dhaga’anii turan garuu ammallee US deebi’ee wal qunnamteenii deeggarsa kennuu dandeesaa jechuun abdii dhugaa hin taaneetu ture. Daangaa irratti danqamanii turanis, qabsaa’onni Fulroo qabsoo biyya isaaniif godhan dhiisanii baqataa ta’u guddaa jibbu turani.
Hin Nie waa’ee US maaltu itti dhagahamu gaafatame. "Hin aarre, garuu Ameerikaanoonni nu dagachuun isaanii baay'ee na gaddisiisa. Ameerikaanoonni akka obboleessa keenya angafaa waan turaniif, obboleessi kee yeroo si dagatu baay'ee nama gaddisiisa," jechuun Thayer'tti himeera.
Hogganaan isaanii akka hin jirre yommuu baran qabsaa’onni Fulroo meeshaa waraanaa isaanii lafa kaa’uuf waliigalanii US keessatti koolu galtummaa gaafatan.
Gareen kun adeemsa baqattootaa idilee bira darbuun ji'oota muraasa keessatti xiyyaara keessa turan.
Thayer, kan loltoonni Fulro seenaa isaanii addunyaatti himuu isaaf galateeffatan, tarkaanfii adeemsichaa hunda keessatti hirmaatee ture.
Guraandhalaa keessa Thayer yemmuu du’aan boqote , Hin Nie sirna yaadannoo kana dursee, loltoonni durii gartuchaas irratti hirmaatanii turani.
Adoolessa bara 1992tti HIn Nee US yemmuu ga’u, barreeffama "loltoota dagatamuu" jedhuun simatamte. Inniifi haati warraa isaaH Biuh ijoollee isaanii lubbuun hafan waliin gara Giriinsborotti imaluun, US keessa jiru.
Utuu hin turiin, Hin Nie ari'atama ummata isaa irra gahaa jiru irratti dubbachuu jalqabe , Kongiresii Ameerikaaf ragaa ba'e. Sababa lallaba isaatiin hanga har'aatti miidiyaalee mootummaa Veetnaam keessatti xiyyeeffannoo guddaa irra jira.
Mootummaan Veetnaam gartuun Fulroo ammallee akka jiru hima, miseensota gartichaa duraanii kan akka Hin Nie biyyaa baqatan jiran ammo Veetnaam keessatti fincila kaasuuf yaaluu jechuun himata. Bara 2021tti dhaabbati oduu VOV ''dhaabbata garee amantii fakkeessee teessoo isaa Giddugaleessa Haayilaandi godhate fi namoota naannoo sanaa kakaasuun tokkummaa mootummaa Veetnaam jeequ'' duuba Hin Neen akka jiru ibseera.
Hin Nee kun tasumaan waan hin jirredha jedha.
Bulchiinsa Koominiistii jalatti ammallee, sabootni Montagnards Veetnaam keessatti dorsisi guddaa, akka malee hidhamuu fi ilaalchi hamaa ta’e isaan mudata.
Dhimmaa kana irratti yaada akka kennuuf gaaffii dhiyaateef mootummaan Veetnaam deebii hin kennine.
Waldaa Kiristaana Yunaayitid Montagnard, kan Hin Nie Greensborotti hundeesse keessa miseensoti dhibbaan lakkaa’aman jiru. Afaan Ingiliffaa, Veetnaam fi Raadeen fayyadamuun lallabama, yeroo tokko tokko immoo afaanota biroo Giddugaleessa Haayilaandiin faarfannaan faarfatama.
"Hanga ammaatti olola narra kaa’u, Fulroo garuu du'eera. Hunduu du'eera" jedha.
"Mootummaan Veetnaam afaan lammilee Veetnaam keessa jiranii cufuu yaalu - ani garuu jira."