Tiraamp 'akeekkachiisa dhumaa' Hamaasiif kennan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Hamaas namoota uggure akka gadhiisu ''akeekkachiisa dhumaa'' kennan.

''Israa'el raawwatuuf waan ishee barbaachisu hunda ergaafiin jira, waan ani jedhe yoo hin goone miseensi Hamaas tokkollee hin hafu,'' jechuun Tiraamp midiyaa Truth Social gubbaa kataban.

Dubbiin Tiraamp kuni erga Waayit Haawus karaatti namoonni ugguraman gadhiifamuu danda'an irratti Hamaas waliin kallattiin mari'achaa akka jiru ifa godhe booda dhagahame.

Ameerikaan hanga yoonaa garee Hamaas waliin kallattiin haasa'uu hin feene ture.

Inumaa yeroo dheeraaf Ameerikaaf gartuuwwan shororkeessaa jettee labsite waliin kallattiin hin haasoftu.

Tiraamp miidiyaa hawaasummaa irratti yoo namoonni ugguraman hin gadhiifaman ta'e Hamaas gatii jabaa akka kanfaluuf deemu dhaadatan.

Haa ta'u malee, deeggarsa akkamii Israa'eliif akka ergan waan addatti ibsan hin qaban.

''Kanneen ugguraman ammuma hiikaa, booda miti, reeffa namoota ajjeeftan hundammoo deebisaa yookiin siniif dhumateera,'' jedhan.

''Hoggansichaaf, yeroo carraa qabdanitti yeroon Gaazaa gadhiistan amma.''

Tiraamp lammiilee nagaa akeekkachiisu fakkaatuunis akkana jedhan: ''Ummata Gaazaafis: egereen keessan bareeda garuu kanneen ugguraman osoo tursitanii miti. Yoo akkana gootan, duutaniittu.''

Yeroo jalqabaaf miti Tiraamp Hamaasin kan akeekkachiisan.

Osoo Pirezidantii US hin ta'in baatii Mudde keessaTiraamp kanneen ugguraman hin gadhiifaman ta'e Hamaas gatii jabaa akka kaffalu dhaadatanii turan.

Tiraamp barreeffama kana miidiyaa hawaasummaa gubbaa kan qoodan erga Waayit Haawusitti namoota waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhihoo raawwatameen uggurarraa gadhiifaman waliin marii godhan booda.

Pirees Seekireetarii Waayit Haawus kan ta'an Kaarolaayin Leevit namoonni ugguraman akka gadhiifaman US Hamaas waliin kallattiin marii gochaa akka jirtu mirkaneessaniiru.

Pirezidant Tiraamp fedhii ummata Ameerikaa bu'uura godhachuun hojjetaa akka jiran rippoortarootatti himan.

Marii dura Israa'el akka beektu taasifamuullee himan.

Waajjirri ministira muummee Israa'el ibsa baasen waa'ee marii kallattii taasifamu ''ejjennoo isaa ibsuu'' malee odeeffannoo dabalataa akka hin kennine ibseera.

Qondaala US fi Hamaas waliin ''mariin kallattii lama'' taasifamuu maddi Filisxeem BBC'tti himaniiru.

Israa'el ammallee namoonni ugguraman 59 ta'an Gaazaa keessa akka jiran kanneen keessaa 24 lubbuun akka jiran akka amanamus ibsite.

Kanneen ugguraman keessa lammiileen Ameerikaas jiru.