Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Oduu jijjiirraa taphattoota Awurooppaa keessaa muraasa
Abbaan Liyooneel Meesii fi bakka bu'aan isaa Joorjiin Baarseloonaa waliin wal argan garuu taphataa sarara fuulduraa Arjentiinaa ganna 35 kanaaf yaadni jijjiirraa hin dhiyaanne.(Cadena Ser, via Mirror)
Aston Viilaan taphataa sarara gidduu Ingilaand Kaalviin Filiips, ganna 27, Maanchistar Siitiif mallatteessuuf fedhii guddaa qaba. (Football Insider)
Taphataan sarara gidduu Ingilaand Ben Chilwell, 26, Cheelsiin kontiraata haaraa waggaa afuriif mallatteessuuf qophaa'eera. (Atileetiksii)
Taphataan sarara cinaa Jarman Maarkoo Riyuus, ganna 33, Boorushiyaa Doortimuundi waliin kontiraata haaraa mallatteessuuf qophiidha - garuu kilabicha keessatti akka turuuf mindaan isaa ni murama.(Bild - in German)
Weestihaam taphataa sarara ittisaa Giddugaleessaa Ingilaand Waan Biisaakaa kna umriisaa ganna 25, ganna dhufu gara biraatti jijjiiruuf karoorfachuun itti dhiyeenyaan hordofaa jira (Football Insider)
Arsenaal bara dhufu taphataa sarara fuulduraa Ingilaandi Folarin Balogun gurguruuf bilisa ta'eera. Taphataan ganna 21 kun yeroo ammaa liqiidhaan Reims keessa jira.(Times)
Arsenaal fi Cheelsiin kilaboota hedduu taphataa Wolfsburg fi Jarman Ridle Baku, ganna 25 fudhachuu barbaadan keessaa tokko.(Bild)
Cheelsiin bara dhufu Joo'oo Feeliksiin akka itti fufu abdii qaba.Bluus taphataa sarara fuulduraa lammii Poorchugaal ganna 23 kana waliin baatii Ammajjii keessa Atleetikoo Maadriid irraa liqiidhaan mallatteessaniiru (Fabrizio Romano)
Niwukaastil Yunaayitid ganna dhufu taphataa sarara fuulduraa lammii Biraazil Joo'oo Peedroo ganna 21 Waatfoordi irraa fudhachuu barbaada. (Football Insider)
Maanchistar Yunaayitid fi Tootinaam mallatteessisuuf fedhii qabaatanis Biraayitan taphataa sarara gidduu duulaa Ivaan Fergusan waliin waliigaltee haaraa irra ga'uuf abdii qaba (Mail)