Mancaatii dahoo Arbaa Baabbileerratti hayyoonni MM Abiy'f xalayaa barreessan

Madda suuraa, Getty Images
Hayyoonni lafa Bosona dahoo Arbaa Godina Harargee Bahaa aanaa Baabbileetti argamu keessaa hangi tokkoo kutamee abbootii qabeenyaatiif kennamuun dheekkamsiisee Ministira Mummee Abiyiif xalayaa barreessuu himan.
Yunivarsii Finfinneetti piroofeesarri Gargaaraa Haabtee Jabeessaa, oggeessii eegumsa naannoo olaanaa, Dr Adaana Tsagaayeefi Dr Addisuu Asaffaa waliin ta'uun xalayaa kana MM Abiyiif bareessan.
Pir. Haabtee Jabeessaa dahoon kun furmaanni atattamaa akka kennamuuf Ministira Muummee Abiy jidduu akka galaniif gaafachuuf xalayaa erguuf BBCtti himan.
Dahoo arbaa Baabbilee kan Itoophiyaa keessatti bakka dahoo arbaa guddicha ta'eefi Godina Harargee Bahaa keessatti argamu kunis amma lafa qonnaatiif irraa kutamee kennamuun alattis duraanu dhiibbaa uummataa jala jiraachuu kaasu hayyoonni kunneen.
“Arba gosi isaanii bakka biraatti hin argamne 200 hanga 300 ta’an qofatu jira. Kanaaaf mancaatiin dahicha irratti gaggeeffamaa jiru yoo hariitiin dhaabbate malee hambaan kun wal faana baduu danda'u," jechuun yaaddoo isaanii BBCtti himan Pir. Habteen.
Ammaan tanas sababa qonna gaggeessuu jedhuun dahoo kana keessatti bosonni ciramaa jirachuu kan himan Prof. Habteen, torban darbe paarkicha keessatti bosonni heektaara 140 ta’u ciramuu ibsaniiru.
Paarkicha naanna’ee ammoo bosonni heektara 200 ta’uu ciramuu kaasuun, “hanga ammaattis qaamni badii dahicha irra qaqabaa jiru kana dura dhaabbatu hin dhibe,” jedhu.
Arbi kunneen kanaan duras adamsamaa akka turan kan himan Pro. Habteen, bosonich haala kanaan ciramuu yoo itti fufe, “yeroo dhiyoo keessatti arbi kunneen walfaana baduu danda’u ykn bosona kana keessaa ba’uun naannoo namni jiraatu goodaanuun nama miidhuu danda’a,” jechuun yaaddo qaban BBCf ibsaniiru.
Bosona arbi gosti isaa bakka biraatti hin argame keessatti argamu kana ciruudhaan misooma qonnaa gaggeessuuf hojjataa kan jiruus, abbootii qabeenyaa qonnaa irratti bobba’aan ta’u BBC’n odeeffateera.
MM Abiy kan biqiltuwwan dhaabuudhaan sadarkaa addunyaatti maqaansaanii ka'us dhimma kana yoo hubatan dhaabsiisuu danda'u jechuun abdatanii xalayaawaamichaa kana akka waajjira isaaniitiif barreessan himu Piro. Habtamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Dhaabsisuu qofa osoo hin taane, nama kana [kan gochaa kana raawwatan] seeratti fidanii akka uummanni dhaga’u gochuu qabu,” jedhu.
“Barumsi cimaan kennameefii akka isaan seerratti dhiyaatan, warri paarki kana kennees seeratti dhiyaatan, warri paarkii kana cirsiisanis akka seeratti dhiyaatan barbaanna.
“Paarkiin kun Abbaa Taayitaa Kunuunsa Bineensoota Bosonaa jalatti deebi’uun kunuunsi fi eegumsi akka godhamuuf barbaanna.”
Yaaddoo xalayaa irratti ibsame kana ilaaluun MM Abiy ajaja kennuun gocha kana akka dhaabsisan abdatu.
Dabaluunis bosonni kun ciramuun kayyoo kunuunsa naannoo MM Abiy ‘Green legacy’ jechuun eegalaniin waan faalleessu ta’uu eeraniiru.
Gochi akkanaa paarkolii biraaf sodaa cimaa kan agarsiisu ta’uus Piroof Habteen ibsaniiru.
Ji'a tokko dura abbootiin qabeenyaa eeyyama argachuu himatan doozarii qabatanii dahoo arbaa kanatti seenuuf wayita yaalan eegdota paarkichaan dhorkamuun walitti bu'iinsi mudatee akka ture gabaasnee turre
Sababa kanaan eegdonni mootummaan ramade, reenjeroonni uffata seeraa uffatan reebichi irratti raawwatamuus himamee ture.
Gosi araba paarkii Baabbilee keessatti kunuunfamaa jiran maqaa saayinsawaa Loxodonta africana oleansie jedhamuun beekamu.
Gosi Arbaa Baabbilee qofa keessatti argamu jedhaman kun kanneen lafa gogaa keessa damdamatanii jiraachuu danda’anidha.
Afrikaa Bahaa keessa gosa araba biroorraa guddini isaanis kan xiqqatanidha.
Dahoon Arbaa Baabbilee ALI bara 1962 keessa kan hundeeffame yoo ta’u bineensota biro akka leencaa, qeerransa, hamaaketaafi gosoota simbirroo hedduu kan of keessaa qabudha.












