Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Marii nagaa waa'ee Itoophiyaa eegale Ameerikaafi UN taajjabaa akka jiran ibsame
Marii nagaa waa’ee Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti gaafa Kibxataa eegale Ameerikaa, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomaniifi IGAD akka taajjabdootaatti hirmaataa akka jiran Gamtaan Afrikaa beeksise.
Mootummaan Itoophiyaafi TPLF erga waraanni waggaa lama dura jalqabee yeroo jalqabaaf ifatti mariif gadi taa’ani.
Marii nagaa kana dura aantummaan Gamtaa Afrikaatu gaggeessa. Kanneen taajjaban jedhaman keessaa Gamtaan Awurooppaa hin eeramne.
Mootummaan Itoophiyaa kana dura taajjabdoota akka hin simanne ibsee ture.
Mariin mootummaa Itoophiyaafi TPLF haalaan eegamaa ture Kibxata kan eegale yoo ta’u, hanga Dilbata dhufu akka itti fufu Dubbii Himaan mootummaa Afrikaa Kibbaa ibsaniiru.
Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faaki Mahaamat qaamoleen waraana keessa jiran mariitti deebi’uuf kaka’umsa agarsiisan haala gaariin akka simatan ibsani.
Gamtaan Afrikaafi dhaabbileen idil-addunyaa garagaraa waraanni Itoophiyaa keessaa furmaata siyaasaan akka hiikamuu qabu ibsaa turan.
Kanaafis, mariin akka taasifamu yeroo gara gara yaalamaa ture.
Marii Afrikaa Kibbaatti eegale kana Pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Olisengun Obasaanjoo, Pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaafi Pirezidantiin I/Aaantuun duraanii Afrikaa Kibbaa Pumzile Malaamboo – Naakuk akka qindeessan Gamtaan Afrikaa ibseera.
Gamtaan Afrikaa marii kana tumsuu akka itti fufu ibsa baaseen beeksiseera.
Mariin kuni yeroo mootummaan federaalaa Itoophiyaa magaalota adda addaa humnoota Tigraay jalaa to'ataa jirutti jalqabe.
Waraanni akka haaraatti baatii Hagayya keessa kan eegale waliigalteen dhukaasa dhaabuu baatii shaniif ture cabeeti.
Gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal waraanni torbanoota as dhiyoo keessa Tigraayitti hammaate dhumaatii haaraa hordofsiisuu mala jechuun akeekkachiiseera.
Qaamoleen waraana keessa hirmaatan marti badii jajjaboo raawwachuun himannaan irrati ka'a.
Waraanni waggaa lama dura eegale lammiilee kumaatama galaafate miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqiseera.
Kanneen qarqara beelaa jiranis kuma dhibbaan akka lakkaa'aman UN ibseera.
Yeroo dheeraaf waraanni dhaabatee rakkoon mariin akka furamu waamichi taasifamaa turuun ni yaadatama.