Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaggeessaan olaanaa Hamaas Israa'el ajjeeste, Maarwaan Iisaa, eenyu?
Gaggeessaa Hamaas kan ta'e Maarwaan Iisaa haleellaa qilleensaa Israa'el gaggeessiteen ajjeefamuu Waayit Haawus beeksise.
Waraanni Israa'eliifi Hamaas gidduutti erga eegalee, qondaalli Hamaas olaanaan du'uun kun kan jalqabaati.
Maarwaan Iisaa ajajaa ittaanaa damee waraanaa Hamaasidha. US ajjeefamuu Maarwaan Iisaa haa beeksisftu malee Hamaas gamasaatin dhugaas, sobas hin jenne.
Wiixata, Bitootessa 18, pirezidantiin US Joo Baayidan waraanni Gaazaatti gaggeeffamaa jiru maal ta'uu akka qaburratti MM Beeniyaaamin Netaaniyaahuu waliin mariyataniiru.
Miidiyaaleen Israa'el akka gabaasanitti Maarwaan Iisaa torbee darbe haleellaa Israa'el ulaa lafa jalaa irratti qiyyaafachuun giddu galessa Gaazatti raawwatteen ajjeefame.
Ajajaa ittaanaa damee waraana Hamaas, Birgeedii Izaddiin al-Qasiim, kan ta'e Maarwaan Iisaa gaggeessitoota Hamaas Israa'el du'aaf barbaaddu keessayi.
Haleellaa Onkololessa 7, 2023 Hamaas Israa'el irratti gaggeesse keessatti hirmaannan Maarwaan olaanadha jedhama.
Umurii ijoollummaasaatti Hamaasitti kan makamee Maarwaan Iisaa maqaa biraa "Nama hin Beekamne" jedhamuun beekama. Mohaamad Daayif wajjin koodeedha.
Yeroo Warraaqsa Filisxeem Jalqabaa (First Intifada) sana Israa'eliin qabamee waggaa shaniif hidhamee ture.
Nama gamnaafi abdii hin kutanne ta'uunsaa Israa'el kan yaaddesse yoo ta'u, "nama pilaastika sibiilatti jijjiiruudha" jechuun ibsiti.
Erga mana hidhaa Israa'elii bahees gaggeessitoonni Filixeemis waggaa sadiif isa hidhanii ture.
Boodarra ammoo hanga bara 2000 Warraqsi Filisxeem Lammaffaan (Second Intifada) eegaluttu Aangawoota Filisxeemin hidhamee ture.
Ergasii booda garee waraanaa al-Qasiim Birgeed hundeessuu keessattis shoora guddaa taphateera.
Hamaas keessatti gahee qaburraa kan ka'e namoota Israa'el barbaaddu keessaa tokko ture.
Bara 2006tti gaggeessitoota akka Mohaammad Daayif fa'aa waliin osoo wal-gahiirra jiruu Isra'el yaalii ajjeechaa irratti gaggeessitee madaa'us akka Israa'el yaadde du'uu hin dandeenye.
Bara 2014 fi 2021 Israa'el mana jireenyasaarratti haleellaa qilleensaa gaggeessitus isa osoo hin taane obboleessa isaa ajjeefte.
Israa'eliifi Hamaas gidduutti lolli erga eegalee Israa'el qondaalota olaanoo Hamaas hedduu ajjeeftetti.
Libaanos kibba magaalaa Beerutitti gaggeessaa siyaasaa Hamaas kan ta'e Saaleh al-Aruurii ajjeeffamee ture.
Waayit Haawusitti gorsaa nageenya biyyaalessaa kan ta'an Jaak Suliivaan ittaanaa ajajaan damee waraana Hamaas Maarwaan Iisaa ajjeemuu erga ibsanii booda, gaggeessitoonni biroos "ulaa lafa jalaa Gaazaa keessa dhokatanii jiraachuu hin oolan" jedhan.
Qondaalota Hamaas olaanoo adamsuurratti tattaaffii Israa'el taasiftu US akka deeggartu ibsuun, garuummoo du'aatii lammiilee nagaa ilaalchisee yaaddoo Ameerikaan qabdu Baayidan MM Netaaniyaahuu waliin haasa'uu ibsan.
Israa'el Kibba Gaazaa, Raafaatti, duula gaggeessuf karoora qabdu ammayyuu hin dhiisne.
Kuni ammoo lammiilee nagaa heddu achitti baqatan gaaga'a jechuun US dabalatee biyyoota heddurraa mormiin mudateera.
Waraanni Israa'el-Hamaas erga eegalee lammiileen nagaa 31,000 du'uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksiseera.
Lakkoosi namoota nagaa du'anii akkaan guddaa ta'uun michootashee dabalatee hawaasa addunyaarraa mormiin Israa'el mudateera.
Baayidan haasaa karaa bilbilaa MM Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin taasisaniin Gaazaatti akkaataa itti waraanni dhaabaturratti Israa'el tarsiimoo ifa ta'e akka qabaattu gaafachuus beeksisan Jaak Sulivan.
Netaaniyaahunis gamasaaniin X gubbaatti akka barreessanitti, Joo Baayidan waliin waa'ee waraana Gaazaatti gaggeeffamaa jiruu dubbachuu mirkaneessan.