Saayintistiin Itoophiyaa Dr Tawalda-birahaan du'aan boqotan eenyu?

Dr Tawaldabirahaan G/Igizaabiher

Madda suuraa, SM

Maxxanfame

Qorataan lammii Itoophiyaa dhimma eegumsa naannoo qorachuun beekaman Dr Tawaldabirahaan G/Igizaabiher ganna 83’tti lubbuun isaanii darbe.

Saayintistiin kuni guyyaa Wiixataa ALI Bitootessa 11, 2015 lubbuun darbuu barreessaan seenaa isaanii katabe Zannabaa Welaa BBC’tti himeera.

Akka BBC’n odeeffatetti qorataan kuni dhibee irra bule qabu.

Dr Tawaldabirahaan eenyu?

UNtti Dhaabbanni Eegumsa Naannoo seenaan dhuunfaa Dr. Tawalda-berhan fuula marsariitii isaarratti akka baasetti, A L I Guraandhala 12, 1932 Tigraay magaalaa Adwaatti dhiyootti dhalatan.

Digirii jalqabaa Baayoloojiitiin Yunivarsiitii Finfinnee irraa madaaliyaa warqee badhaafamuun ture kan xumuran.

Yuunivarsiitii Welsi Kaabaa kan UK jalatti argamu irraa ammoo gosa barnootaa dhimma biqiltootaa qoratu Botaanii jedhamuun doktoratiin bara 1961 eebbifamaniiru.

Saayintistiin kun Itoophiyaatti Botaanistii jalqabaati.

Yunivarsiitii finfinneetti sadarkaalee akaadaamii gara garaarra kan hojjetan yoo ta'u yeroo Ertiraan qaama Itoophiyaa turtetti Pirezidantii Asmaraa ta'uudhaan A L I hanga bara 1983tti hojjetaniiru.

Jijjiirama mootummaatiin booda Itti-gaafatamaa Sekireetaarii Tarsiimoo Eegumsa Naannoo Itoophiyaa ta'uunis tajaajilaniiru Dr. Tawalda-berhan. A L I bara 1987 ammoo hoji-gaggeessaa Abbaa-Taayitaa Kunuunsa Naannoo Itoophiyaa ta'uun muudamanii hojjechaa turaniiru.

Qorannoowwan eegumsa naannoofi lubbu-abeeyyii waliin walqabatn ilaalchisuun 30 ol barreessanii maxxansiisaniiru.

Dhimmootuma kana irratti kitaabota gara garaas maxxansaniiru.

Dr. Tawalda-berhanu haadha warraa isaa Su Ediwaardis waliin

Madda suuraa, ONE WORLD AWARD

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabalataanis, tarsiimoo eegumsa naannoo qopheessuun Itoophiyaafi kuta aaddunyaa birootti qabeenya lubbu-qabeeyyii irratti barreeffamoota fuulleefatanis qopheessaniiru.

Saayintistiin kun badhaasawwan hedduu biyya keessaafi addunyaa irrratti argataniiru.

Doktar Tawalda-berhaanu bara 2000 Siwiidin Istookoolmitti gumaacha taasisaniif badhaasa Noobelii kan argatan yoo ta'u, bara 2006 ammoo Singaappooritti badhaasa 'Champion of the Earth’ kan jedhu UN irraa kennameeraaf.

Ogeessa kunuunsa naannoo kan ta'an Dr. Tawalda-berhaan akka saayintistii gumaacha guddaa qaban tokkootti kitaaba isaan waggaa 20 ol hojjetan ilaalchisuun "Goota Dachee Keenyaa" jedhu kan barreesse Zannabaa Welaa ni ibsa.

Gumaachawwan taasisan keessaa dhimma lubbu-qabeeyyiifi mirgoota qonnaan-bultoota addunyaatiif falmaniin akka addaatti yaadatamu.

Keessumaa falmii qonnaan-bultootaaf taasisan marsaa lammaffaatiin qonnaan-bultoota biliyoona 1.4 ta'an fayyadamtoota taasisaniiru.

Falmiin qonnaan-bultootaaf taasisan kun ka'umsi isaa mirga abbummaa (Patent right) akaakuu sanyii midhaan gara garaa ta'uudha.

"Namoonni sanyiin midhaan kan keenya jedhaniti ka'an. Yeroo kanatti ture Dr. Tawalda-berhan 'kan qonnaan-bulaan eegee nuuf tursiise kan isin mirga abbummaa itti qabaattan hin ta'u' jechuun amansiisanii kanaan bu'aa argamsiisaniiru," jedhe seenaa isaa kan barreesse Zannabaa Welaa.

Gama kaaniin dhiibbaa soorati qaccee sanyii fooyyeffamee- Genetically Modified qabu ilaalchisee marii bu’aa buuse gaggeessaniiru.

Saayintistiin kun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa UK dabalatee waltajjiiwwan hedduu irratti argamuun waa’ee qulqullina naannoo fi fayyaa ofii irratti haasaa taasisaniiru.

Haati warraasaanii Suu Edwaardis dhalootaan Ingilizii ta’anis lammummaansaanii Itoophiyaadha.

‘’Irra deebiin cuuphamtee amantii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa hordoftee asumas biyya keessa akka boqotan,’’ Barreessaa Darrase Mollaa BBCtti himeera.

Doktar Tawaldee Birhaan haadha warraasaaniirraa ijoollee sadi godhataniiru.

Ijoollee rakkatan akka guddisaa turanis barreessaan kun raga ba’eera.

‘’Yoo xiqqaate hiyyeeyyiin 60 ta’an maatii isaa keessaa nyaataa, dhugaa, baratanii ba’uun of danda’aniiru,’’ jedhe.

Yeroo tokko Zannabeen ‘’nama bakka bu’uu yaaddee beektaa?’’ jedhanii Doktar Tawaldee gaafatanii turan.

‘’Ani bakka bu’uu qaba jedhee hin yaadu. Uummanni qaama ishee kunuunsu ni uummatti. Kan bilchaate darbee dheedhiin bakka bu’a,’’ deebii jedhu kennan.

Doktara Tawaldeen nama nageenya addunyaa eegaa turaniidha kan jedhu barreessaan kun, namoota bebbeekamoo addunyaan kun dhabde keessaa ta’uus eere.