Daa'imni umurii 10 osoo daandii guddaarratti konkolaachisuu qabame

Madda suuraa, ALACHUA COUNTY SHERIFF/FACEBOOK
Daandii guddaa irratti konkolaataan yemmuu dhaabsifamu namni konkolaachisaa ture daa’ima umurii ganna 10 ta'uun isaa poolisii US, Filoorida rifachiiseera.
Mucaan kuni fi obboleettiinsaa umurii ganna 11 daandii Alchuwaa irratti dhaabsifamani.
Jalqaba torban kana harmeen ijoollee kanaa baduu isaanii poolisiitti gabaastee kan turte yoo ta’u, bakki isaan itti argaman mana isaaniirra kilomeetira hedduu fagaateeti.
Poolisiin akka jedhutti ijoolleen kun manaa kan badan harmeen isaanii meesha elektirooniksii ittiin taphatan erga harkaa fuute boodadha.
“Poolisootni yemmu konkolaachisaan umurii ganna 10 fi obboleettiin isaa yemmuu konkolaataa keessaa ba’an arganii rifataniiru,” jedha poolisiin.
Waajjirri poolisii Kaawuntii Aleechuwaa akka ibsetti konkolaatichi kan dhaabsifame Kamisa bariidha.
Konkolataa adii ijoolleen kun ittiin imala turan baduu isaa harmeen isaanii Filooridaa, North Port, magaalaa Alachuwaa irraa km320 fagaatee jirutti gabaastee turte.
Qondaaltonni poolisii akka hubatanitti “ijoolleen kun lamaan harmeen isaanii meeshaa elektirooniksii isaanii waan jalaa fudhatteef aaranii turan, harmeen isaanis kan kana goote waan isaan meeshaa isaanii seeraan hin fayyadamneefi,” jechuun waajjirri poolisii ibseera.
Dabaluun, ijoolleen kun mana keessatti kunuunsa dhabuu ykn miidhaan irra ga’uu isaa wanti agarsiisu akka hin jirre poolisiin ibseera.
Harmeen isaanii sa’aatii sadiif imaltee Alachuwaatti ijoollee ishee fudhateetti.
“Qorattoonni harmee isaanii waliin sa’aatii dheeraaf dubbataniiru. Akka isheen ijoolleeshee lamaan guddisuuf carraaqaa jirtu ifadha.
''Dabalataan gargaarsa ishee barbaachisuu akka argattuuf gorsa kennameef fudhatteetti,” jedhe poolisiin.
Filooridaa keessatti eeyyama konkolaachisummaa barataa jiraachuu isaanii agarsiisu argachuuf umriin nama tokkoo 15 ta'uu qaba. Eeeyyamni kuni kan daangeffamedha.
Konkolaachisuuf garuu eeyyama argachuuf umurii ganna 18 ga’uun barbaachisaadha.












