Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi gaazexeessituu kallattiin tamsaasaa turte saalaaf qoccoleera jedhame to'atame
Poolisiin nama gaazexeessituu tamsaasa kallatti TV dabarsaa turte saalaaf qoccoleera jedhee shakke to'ate.
Kibxata darbe Isaa Baalaadoon waa'ee saamicha Maadriid keessatti raawwate gabaasaa yeroo turtettidha namni kun itti adeemee duubaan teessumashee keessa kan tuqe. Yeroo isheen itti deebistu garuu waan raawwate ni haale.
Baalaadoon ergasii hojiishee itti fufuu yaaltus, namni saganticha dhiyeessu addaan ishee kute.
''Addaan si kutuukoof dhiifama, namichi teessumakee keessa si tuqeeyii?'' jechuun gaafate Naachoo Abaad.
Gaaxeessituunis waan tahe sirrii tahuu mirkaneessite, kan saganticha Obbo Abaadiin, namicha ''gad-deebii'' sana kaameraatti baasi jedheen.
Ergasii kaameraan gara gaazexeessituu kanaafi namichatti naanna'ee, namichi ammallee otoo achii hin deemiin dhaabbatee seeqaa fi kolfaa ture.
''Miidiyaa kamirraa akka taane baruu barbaadda garuu, teesuma koo tuquun sirra jiraa? Sagantaa kallattiin hojjechaa jira, hojiirran jira,'' jetteenii
Namichi garuu kana raawwachuu haale, boodarra yeroo biraa deemus mataa keessa ishee dhahuu yaale.
Poolisiin yaada boodarra X duraan Tiwiitara jedhamurratti kenneen namichi kuni gaazexeessituu tamsaasa kallattii TV dalagaa turte irratti qoccollaa saalaa raawwachuuun shakkamee to'annoo jala ooleera.
Miidiyaan Ispeen(Mediaset Espana,) gaazexeessituu Baalaaadoo deeggaruun ibsa baasee, waanti irra gahe ''haala cirumaa fudhatama hin qabne dha,'' qoccollaa gosa kamiyyuu ni morminaa jedhe.
Ministarri Hojjettootaa Ispeen, Yoolaandaa Diyaaz, namni kuni ''adabbii malee darbamuu hin qabu,'' jechuun X irratti barreessite: ''namoota dhiirummaa akka malee tahe agarsiisuu barbaadantu gaazexeessitoonni qoccollaan saalaa akka irra gahu godha. Namoonni akkas godhan kaameraa fuuldurattii illee gaabbii hin qaban,'' jette.
Mudannoon kuni Pirezidantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ispeen Luwiis Ruubiiyaalees, Jeenii Hermoosoo hidharra dhungachuun Ispeen keessatti falmii loogii saalaa kaasuun booda dhagahame.
Pireezidantichi Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Dubartootaa irratti gochaan raawwate qeeqa guddaa irratti kaasee ture. Dhumarratti aangoosaarraa akka gadhiisu manni murtii yoo ajaju, qoccollaa saalaanis himatameera.