Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US ajjeechaa gaazexessituu Aljaziiraa nan qoradha jechuu Israa'eel mormite
Israa'eel Ministeerri Haqaa US ajjeechaa gaazexessituu Aljaziiraa lammii US fi Paalistaayiin, Shireen Abuu Aqlaa nan qoradha jechuun dogoggora jechuun fudhatama dhabsiifte.
Minsitirri Ittisaa Israa'eel amma aangoo gadhiisaa jiran Beenii Gaantiz dhimma qorannoo ajjeechaa gaazexessituu Aljaziiraa irratti bakka buutota US'f deeggarsa akka hin goone ibsaniiru.
Dhimma kana irratti DoJ fi FBI yaada kennuurraa of qusataniiru. Maatiin gaazexessituu Abu Aqlaa garuu murtee US kanaan ''tarkaanfii barbaachisaa itti gaafatamummaa mirkaneessu'' ittiin jedhaniiru.
Gaazexessituun kun duula humnoonni Israa'eel Weestibaankitti Caamsaa darbe raawwatan keessa rasaasaan adda ishee rukutamtee duute.
Humni ittisaa Israa'eel loltoota isaa keessa tokko tarii ajjeesuu hin oolu jechuun ajjeechaan ishee ta'e jedhee kan raawwate waan hin taaneef qorannoo yakkaa kamuu fudhatama dhabsiiseera.
Gaazexessituun ganna 51, Shireen Abuu Aqlaa Caamsaa 11 kaampii baqattootaa Jeniin jedhamu wayita geessu humnoota Paalistaayiniifi loltoota Israa'eel gidduutti dhukaasni dhalate.
Shireen helmeetii mataatti kaawwattee jaakkettaa barreeffama 'Press' jedhu qabuufi rasaasa ofkeessatti hambisu uffattee ture.
Namootni ijaan arganiifi qondaaltotni Paalistaayiin rasaasichi kan dhukaafama kallattii loltootni Israa'eel turan irraa ta'uu ibsaniiru.
Qorannoo paalistaayiin rasaasa Shireeniin galaafate irratti gooteen meeshaa Israa'eel hidhatte irraa ta'uus mirkaneessuu ibsitee turte.
Humni Ittisaa Isaa'eel jalqaba eenyu akka Abuu Aqlaa ajjeese hin beekamu jedhus Fulbaana darbe garuu aanga'aa olaanoon biyyattii ''Isheen dogoggora Raayyaa Ittisaa Israa'eeliin ajjeefamuu hin ooltu'' jedheera.
Maatiin Abu Aqlaa ibsa Israa'eel qeequun mootummaa US gama FBI'n ajjeechaa ishee akka qoratu gaaffii dhiyeessanii miseensonni koonhireesii hedduunis yaada kana deeggaraniiru.
Wiixata darbe ammoo miidiyaan Israa'eel Channel 14 TV jedhamuufi marsariitiin US Axio jedhamu waajirri haqaa US FBI qorannoo eegaluu Ministeera Haqaa Israa'eel beekiseera jechuun gabaasaniiru.
Qorannoo kanaan FBI loltoota Jeniinitti ajjeechaa kanaan hidhata qaban gaafata jedhamee eegama. Biyyattiin garuu amma dura qorannoo kana irratti karra cufachuu ifatti ibsiteetti.
Kuniis hariiroo pireezidant Joo Baayidan bulchiinsa haaraa Israa'eel Beenjaamiin Netaaniyaahuun hogganamaa dhufaa jiru gidduu jirutti qormaata ta'a jedhamaa jira.
Ministirri Ittisaa Israa'eel ''Murteen waajirri haqaa US du'a gaddisiisaa Abuu Aqlaa irratti gochuuf murteesse dogoggora'' jedhan.
''Raayyaan Ittisaa Israa'eel qorannoo oogummaan guutee fi walabaa gaggeessee bu'aa isaas qondaaltota US'f qoodeera'' jedhan.
Itti dabaluunis ''ergaa bakka buutota US'f ergeen Raayyaa Ittisaa Israa'eel cinaa akka dhaabannu fi qorannoo qaama alaaf deeggarsa akka hin goone, qorannoo keessaa keessa gidduu seentummaa alaa akka hin hayyamne ibseera.''