Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yakkamaan konkolaataa namatti oofuun nama saddeet galaafate murtii du'aarraa oole
Yakkamaan Niiw Yoork keessatti konkolaataa fe’umsa baatu beekaa namatti oofee nama saddeet galaafate murtiin du’aa osoo itti hin murtaa’in hafe.
Finxaalessaadha namni jedhame Sayfuloo Saayipov erga gamoowwan lakkuu Niiw Yoork haleelaman booda badii shororkeessummaa hamaadha jedhame dalaguun murtii du’aan adabamuu mala jedhamee ture.
Dhaddachi Amajjii keessa yakkamaa ta’u isaa murteesse akkaataa adabamuu qabu irratti garuu wal hin galle ture.
Saayipov mana hidhaa Koloraadoo argamuufi Ameerikaa keessatti eegumsi guddaan taasifamufitti akka tursiifamu murtaa’eera.
Murtii du’aa irratti murteessuuf abbootiin seeraa hundi irratti waliigaluu qabu ture.
Badiin nami kuni itti yakkamaa ta’e kan wabiidhaan isa baasu miti.
Saayipov erga balaa geessisee booda ‘’Waaqayyoo guddaadha’’ jechuun Afaan Arabaan cookaa ture.
Haleellaa gaafasiin namoonni jaha achumatti, lama biroo immoo hospitaala keessa lubbuun isaanii darbe. Namoonni 12 biroo immoo miidhaman.
Namoota ajjeefaman keessaa shanan isaanii lammiilee Arjantiinaa hiriyaa walii ta’aniifi magaalatti daawwachaa turanidha.
Dubartiin ganna 31 Beeljiyeem irraa dhufteefi magaalattii daawwataa turtees kanneen du’an keessa jirti.
Lammiileen Ameerikaa lamas kanneen du’an keessa jiru.
''Haleellaa shororkeessummaa raawwateen gammachuu qaba,’’ jechuun abbaan alangee Jeesan Richimaan waa'ee yakkamaa kana dubbataniiru.
Yakkamaan kuni waggaa tokkoof badii kana raawwachuuf qophaa’aa akka ture dhaddachi adda baafateera.
Ayyaana Haalowiin kan filates namni baay’ee waan irratti argamuuf akka ta’e ibsameera.
Abukaatoon yakkamaa kanaa maamilli isaa lafa badiin raawwatetti akka du’u yaadee ture ibsaniiru.
Akkuma haleellaan kuni bara bara 2017’tti dhaqqabeen pirezidantiin Ameerikaa yeroosii Donaald Tiraamp Saayipov akka ajjeefamu gaafatan.
Tiraamp bara 2020’tti namoonni du’aan akka adabaman seera waggoota 17’f haqamee ture deebisaniiru.
Bara bulchiinsa Pirezidant Baayidan garuu sadarkaa federaalaatti nama murtee du’aan adabuun akka dhaabatu ta’eera.
Waggaa darbe garuu Waajjirri Haqaa US Saayipov murtii du’aan akka adabamau nan gaafadha jedhee ture.