Gosoota hojii fuulduratti si sooromsanii fi kanneen hojii tahuurraa hafan

Quba waan teekinolojii hubannoo nam-tolchee agarsiisu.

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gosooti hojii namoota baayyeen dalagaman fuulduratti hojii tahuun isaanii ni hafa. Ragaan dhaabbata diinagdee World Economic Forum akka agarsiisutti dhimmooti lama haala kana ibsuu danda'u.

Inni jalqabaa guddina teekinolojiiti, inni lammataa immoo biyyooti gargaraaa ''diinagdee magariisaa'' waan jedhu hordofuu isaaniti.

Akkatti hubannoon nam-tolchee hojii amma namoonni dalagan dhabamsiisu irratti garaagarummaa hin qaban.

Waan gaariin jijiirama kana keessa jiru qaroomni haaraa kuni hanguma hojii warra durii dhabamsiisaa adeemu haaraas fidaa deema.

Qorattoonni World Economic Forum akkaataan namoonni hojii dalagan waggaa shan keessatti dhibbeentaa afuriin jijiirama.

Namni haala kanaan milkaa'uu barbaadu yeroo hunda waa qorachuun irra jiraata.

Tajaajila filatamaa

Akka saayintistoonni jedhanitti ogummaan fuulduratti maallaqa gaarii argamsiisu gosoota barnootaa STEM jedhamu yoo tahu, kunis saayinsii,teeknolojii fi herreega dabalata.

Kanaaf gosoota barnootaa ijoolleen kee irratti xiyyeefatanii hordofuu qaban kunneeni dha.

Dandeettiin barbaadamaa biraa immoo ''xiinxalaa'' tahuu dha.

Kana jechuun egaa ijoolleen waan yeroo isaanii fudhatu geemiifi yeroo dheeraa onlaayinii dabarsuurraa of qusachu qabuu jechuu dha.

Afaan dubbataniin waliigaluu danda'uun dandeettii afaanii murteessaa tahe dha.

Namoota hubannoo nam-tochee irratti hojjetaniif dandeettiin afaan murteessaa dha.

Sababiinsaas maashiniin hagam haa hubatuyyuu malee namoonni ammallee walitti haasa'uu barbaadu, kuni maashiniin bakka buufamuu hin danda'u.

Gabaasni LinkedIn akka agarsiisutti dandeettiiwwan akkaan barbaadaman keessaa tokko dandeettii waliigaltee uumuu danda'uuti.

Teekinolojii haaraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fuuldurattii teekinolojiin akkaan bu'aa argamsiisu teeknolojii odeeffannoo isa information technology jedhamu dha.

Ogummaan hubannoo nam-tolcheen qabaannu namootni akkaan maallaqa akka argatan carraa kennaafi.

Walumaagalatti egereen hojii namootaa kanneen hubannoo nam-tolchee wajjin wal-qabatan tahuu jechuu dha.

Saayintistoonni akka gorsanitti namoonni hubannoo nam-tolchee akka isaan kunuunsutti otoo hin taane akka isaanii hojii-salphisutti ilaaluu qabu jedhu.

Biyyoota gariintti gosooti hojii fayyadama gaasii peetirool ''hojii magariisa'' kana jedhaman marii'atamaa jiru.

Akka World Economic Forum jedhutti gosooti hojii kunneen egeree dalagaa namootaati.

Biyyoonni dalagaa akkasii hojiirraa oolchaa jiran biyyoota guddatan kanneen akka Jaappaaniifi Chaayinaa fa'i.

Hojiiwwan kunneen diinagdee, saayinsii, siyaasa akkasumas kunuunsa naannoo kan aara irraa bilisa tahe fa'i wajjin wal-qabatu.

Haaluma wal-fakkaataan namoota mana kireessaniifi magaalawwan maal fakkaatu kan jedhurratti gaaffiin ka'a.

Hojjettoota fayyaa

Haala amma addunyaan adeemaa jiruun hojjettoota fayyaaf gabaa guddaatu jira.

Kanaaf gosoota hojii fuulduratti iddoo hin dhabne keessaa hojjattoota fayyaa fa'i dha.

Hakiimonni waa'ee teeknolojii barachuu qabu, akkatti meeshaalee garagaraa fayyadamansi baruuqabu.

Teeknolojiin hubannoo nam-tolchee ammallee barbaachisaa dha.

Ogeessoti harkaas kanneen akka hojjettoota ijaarsaa, hojii suphaa warreen hojjetaniifi warreen ogummaa elektiriikii qaban carraa hojii ifaa tahe qabu.

Kana malees qonnaan bultoonni akkasuma hojii biraa barbaaddachuun isaanii waan hin oolle dha.

Gosoota hojii baduuf deeman

Hanguma addunyaan kuni geeddaramaa deemte gosooti hojii badan jiraachuun waan hin hafne dha.

Sababa teeknikolojiin hojii salphisaa adeemuuf gosooti hojii gariin cirumaa badaa kan deeman.

Waajiratti hojjettoota maamiloota keessaummeessan

Hojjattoota waajira to'atan(namoonni manaa hojjetu)

Barreessitootaaafi afaan warra hiikan

Abbaa herreegaa(akkaawuntaantii)

Hojiiwwan kunneen roobootiiwwan otoo hin dadhabiin hojjechuu danda'u.

Haa tahu malee gosti ogummaa gara fuulduraatti akkaan abdii qabu artii dha.

Barreessitoonni, walooti, artistoonni tiyaatiraa fi kanneen ispoortii hojjetan ogummaan isaanii dhiyootti waan badu miti.