Chaayinaan bulchiinsa tokko keessatti daa’ima hanga fedhan horachuu eeyyamte  

Maxxanfame

Chaayinaa, bulchiinsa Sichuwaan keessatti jaalalleewwan ijoollee hanga barbaadan godhachuu akka danda’an eeyyamame.

Kun kan dhufe yeroo biyyattiin lakkoofsa uummata ishee hir’isaa dhufe hubachuuf yaaltuttidha.

Bara darbe, waggaa 60 keessatti yeroo jalqabaaf lakkoofsi uummataa Chaayinaa hir’iseera.

Waggootii dheeraaf, biyyattiin seera daa’ima tokko qofa godhachuu qabdi ture – bara 2021’tti namoota ga’eela keessa jiraniif hanga ijoollee sadiitti horachuu akka danda’aniif eeyyameera.

Akka jijjiirama qajeelfama bulchiinsa Sichiwaanitti, namootni ga’eela hin dhabbannees amma  ijoollee guddifachuu ni danda’u.

Kana dura dubartoonni abba manaa hin qabne daa’ima da’an galmeessisuu akka hin dandeenyeef dhorkiin ka’ame jira.

Bara 2016 keessa, Chaayiinaan seera daa’ima tokko qofa qabaachuu, falmii kaasu, kan bara 1979’tti uumame haqteetti.

Maatileen seera kana cabsan addabbii maallaqaan adabamu, kanneen hojii irraa ari’amanillee jiru.

Seenaa keessatti, aadaa durbarra dhiira filachuun beekamu keessatti, seerri kun ulfa baasuu dirqiisiisuun taasifamu fideera.

Ta’us garuu jijjiiramni bara 2016 keessa eegale, lakkoofsa daa’imman dhalatanii hir’isaa dhufe foyyeessuu hin dandeenye.

Yeroo jalqabaaf bara darbe Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota du’anii kan dhalataniirra caaleera.

Amma, Sichuwaan jiraattota miiliyoona 80 qabdu keessatti, lakkoofsa daa’imman maatileen godhachuu fedhanii irratti lakkoofsi ka’ame hin jiru, ijoollee hanga barbaadan godhachuu danda’u jechuudha. 

Pirezdaantiin Chaayinaa Shi Jinping lakkoofsa daa’immaan dhalatanii dabaluu xiyyeeffannoo isa ijoo godheera.

Hir’isuu lakkoofsa daa’imman dhalatanii uumame kana hir’isuuf ykn deebisee ol kaasuuf, mootummaan gibira hir’isuu fi tajaajila fayyaa da’umsaa foyya’aa akka kennuu ibseera. 

Kun kan dhufeery yeroo Chaayinaan ammayyuu du’a Covid-19 walqabatee biyyatti keessatti uumamaa jiru lolaa jirtuttidha.

Erga Chaayinaan dhorkii Covid’f keessee turte Mudde darbe kaaftee booda, vaayirasiin kun magaalotaa fi gandoota hedduu keessatti tatamsa’eera.

Biyyootiin olla, akka Jaappaanis, lakkoofsa da’iimman dhalatanii hir’isaa dhufeen miidhamaniiru.

Ministeerri Muummee Jaappaan akka jedhanitti, sababa kanaan, biyyattiin sadarkaa akka hawaasatti sochoo’uu dadhabuurra ga’uuf jirti.

Dhiyeenya Indiyaan bara dhufu biyya addunyaa lakkoofsa uummataa hedduu qabaachuun tokkoffaa taa'uun, uummata biiliyoona 1.4 qabaachuun kan Chaayinaa caaltuuf jirti jedhamee gabaafamee ture.