Dubartii Olompikarratti buunyaan Itoophiyaa bakka bu'uu abjottu maaltu mudate?

Maxxanfame

Saajin I/Aantuu Beteliheem Gazzaahany jedhamti. Gosa ispoortii dubartoonni bal'inaan irratti hin hirmaanne, ispoortii buunyaan dubartii maqaa horachaa, biyyaafis abdii horaa jiran keessaati.

Shamarreen ganna 24 Beteliheem Bitootessa keessa Taphoota Afrikaarratti dorgomtee biyyasheef meedaaliyaa warqee gonfatte.

Miseensa Kilaba Ispoortii Poolisii Finfinnee kan taate shamarreen kun, dorgommiilee adda addaa irratti hirmaachuun meedaaliyaawwan injifatteetti.

Ofii akkamiin gara Ispoortii dubartoonni hedduu keessatti hin mul'annetti seente?

'Abbaakootu buunyaatti na galche'

Beteliheem Gazzaahany magaalaa Finfinnee naannoo Shiromeedaa jedhamuun beekamutti dhalattee guddatte.

Yeroo ijoollummaasheetti ispoortii Tekwaandoo hojjechuu akka eegalte himti. Gara ispoortii kanaa kan galte hamilee abbaanshee kenneefin akka ta'e dubbatte.

“Abbaa kootu gara ispoortichaa (bunyaa) akkan seenu nataasise.”

Sana boodas porojektii guddattootaa keessa seenuun leenji’aa akka turte himti.

“Ispoortii bunyaa asuma kutaa magaalaa Gullallee keessatti bara ALI 2004’ttin eegale. Bara 2006 immoo Finfinnee bakka bu’uun Tapha Guutuu Itoophiyaa magaalaa Baahirdaaritti adeemsifamerratti hirmaadhera” jetti.

Dorgommii bunyaa jalqabaa magaalaa Baahirdaaritti taasifteen magaalaa Finfinneef medaaliyaa maaldaa akka argamsiistes himte.

“Sanatti aansuunis bara 2008 magaalaa Hawaasaarratti dorgomtoota naannolee sadi bakka bu’an injifachuun meedaaliyaa Warqee argachuu danda’eera” jette.

Dorgommiin magaalaa Hawaasaas ija leenjistoota bunyaa kilaba Poolisii Finfinnee keessa akka seentu taasise.

Baruma 2008tti kilaba Poolisii Finfinneetti makamte.

“Kilabakoo bakka bu’ee dorgommiilee garagaraa dorgomaan ture. Bu’aa qabeessa waanan tureefis garee biyyaalessaaf filamuu danda’eera” jetti.

Medaaliyaa dhukkubbii keessa argaman

Saajinii I/Aantuu Beteliheem, Tapha Guutuu Afriikaa 13ffaa ALI Bitootessa 2016 Gaanaatti adeemsifamerratti ispoortii bunyaa kilogiraama 52 irratti dorgomuun Itoophiyaaf medaaliyaa warqee argamsiisteetti.

Dorgommicharratti dorgomtoota bunyaa biyyoota sadii: Aljeeriyaa, Ripablika Koongoo fi Morookoo garaagarummaa qabxii guddaan injifachuun meedaaliyaa Warqee argatte.

“Gaanaadhaa deebinee baay’ee osoo hin turin gara Afriikaa Kibbaa imalee Dorgommii Yaadannoo Maandeellaarratti kilogiraama 50’n dorgome.”

Dubartiin ispoortii bunyaan abdii biyyaa ta'uushee bu'aa mul'atuun agarsiisuu kan jalqabde Beteliheem, dorgommii Afrikaa Kibbaatti gaggeeffameen miidhama abjuushee danqetu ishee mudate.

“Gaanaadhaa deebinee baay’ee osoo hin turin gara Afriikaa Kibbaa imalee Dorgommii Yaadannoo Maandeellaarratti kilogiraama 50’n dorgome” kan jettu ispoorteessituun bunyaa kun, jalqabas dorgomtuu Afriikaa Kibbaa garaagarummaa qabxii guddaan injifachuu himte.

“Tapha xummuraas dorgomtuu biyya Baangilaadesh waliin taphachuu eegale. Ishees marsaa duraan qabxii 4 fi 1’n dursaa osoon jiruu marsaa lammaffaarratti ceekuunkoo buqqa’e” jette.

Ceekuunshee harka bitaa durumayyuu buqqa’aa deebi’aa akka ture kan himtu Saajinii Beteliheem, dorgommii Afriikaa Kibbaarratti garuu ceekuunshee harka mirgaa buqqa’uu himte.

“Dhukkubnisaa hamaa ture. Ogeeyyiiin yaala yeroo hatattamaa adoochituu naaf laatanii gara hospitaalaa nageessan. Doktoroonnis adoochituu naaf laatanii ceekuukoo buqqa’e bakkatti naaf deebisan” jette.

Sababa buqqa’uu ceekuu ishee mudateenis meedaaliyaa Warqee dhabdee meedaaliyaa Meetii argachuuf dirqamuu himte.

“Doktoroonni akka natti himanitti lafeen geengoo ceekuukoo keessaa jiru nyaatamee waan dhumeef harki mirgaakoo gonkumaa hinsocho’u” jechuunis haala amma irratti argamtu himteetti.

Birmannaa ummataa…

Gara biyyaa erga deebiteen booda mana yaalaa deemuun qorannoowwan garagaraa taasisuu ka nhimtu ispoorteessituun kun, ceekuushee lamaaniif wal’aansi baqaqsanii yaaluu taasifamuufii akka qabu itti himame.

Mindaa ji'aa birrii 6,000 akka argattu kan himtu Beteliheem, waldhaansa gahaa argattee abjuushee milkaahuuf daandii qabate galmaan gahuuf rakkachuu himte.

Federeeshiniin Bunyaa Itophiyaa maallaqa waldhaansa isheef barbachisu akka hin qabne ibsuus dubbatte.

Ammoo “abjuunkoo inni guddaan Olompikiidha. Abjuunkoo seenaa Gaanaatti hojjadhe dirree Olompikii irrattis hojjechuudha. Yaalamee abjuukoo akkan milkeessuus nan amana” jette.