Raashiyaan humnashee agarsiisuuf dooniiwwan waraanaa ergite ollaa US qubatan

Maxxanfame

Sababii waraana Yukireeniin biyyoota dhihaa waliin muddama keessa kan seente Raashiyaan, doonii humna niikularaatiin bishaan jala socha'an dabalatee, dooniiwwan afur Kuubaa gahuun gabaafame.

Dooniiwwan kunneen bakka Haavaanaa Beey jedhamuufi kan kutaa Ameerikaa Filooridaa irraa gara maayilii 90 (145km) irratti argamurratti fagaatanii dhaabbatan.

Ministeerri Raayyaa Ittisa Raashiyaa Adimiiraal Gorshikoov akka jedhanitti, dooniiwwan waraanaa bishaan jala imalan fi Kaazaan jedhaman kunneenis misaa'elota hayiparsooniik dabalatee, baattuu meeshaalee waraanaa ammayyaati.

Dooniiwwan kunneenis kanaan dura Galaana Atilaantikii keessatti shaakala misaa'elaa raawwatanii ture.

Ministeerri Dhimma Alaa Kuubaa gamasaatiin, dooniiwwan kunneen meeshaalee waraanaa niikularaa kan hin qabneefi dowwannaan guyyaa shanii naannicharratti yaaddoo homaatuu akka hin uumne dubbatan.

Aanga'oonni Ameerikaa ammoo dowwannaa kana itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu himan.

Akkasumas Humni Galaanaa US, dooniiwwan Raashiyaa gara Kuubaatti dhiyaachuusaanii hordofuun dirooniiwwaniitti fayyadamuun doowwannaa isaanii haguugguuf yaaluu Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBSn gabaaseera.

Dooniiwwan Raashiyaa ganama keessa wayita gara Haavaanaa Beey qaqqabaniitti bidiruuwwan xixqqoodhaan dabaalamuusaanitiin alattis, yeroo 21 ol madfii dhukaasuudhaan simannaa taasisaniifiiru.

Ministirri Raayyaa Ittisa Raashiyaa ibsa kennaniin, hojjattoonni dooniwwanii akka boqataniifi akka hawwattoota naannichaa waliin wal baraniif malee doowwannichi ifa kan taasifame miti jedhan.

Raashiyaan kanaan duras dooniiwwan ishee irra deddeebiin gara Kuubaatti kan ergite yoo ta'u, biyyoonni lamaanis walta'insa bara dheeraa qabu. Shaakkalli tibbanaas kan kana duraatiin adda jedhameera.

Raashiyaan weerara 2022 keessa Yukireen irratti raawwatteen wal qabatee, muddamni Ameerikaa waliin qabdu yeroo itti dabalaa dhufe ta'u, Mooskoon tarkaanfii kana kan fudhattee sodaa uumuudhaafidha jedhameera.

Ameerikaan dhimma ollaashee jidduu akka galteetti waan yaadaniif tarkaanfiin tibbanaa kunis kan Kireemiliin hanga Waashingitaniitti ergaa ifaa dabarsuuf kaayyeeffata fakkaata.

Dowwannaan kunis mallattoo murteessaa mootummaa Kuubaa fi deeggartuu Sooshaalistii Raashiyaa kan taate Veenezuweelaatii jedhameera.

Dooniiwwan waraanaa kunneenis erga turtii dowwannaa Haavaanaa qaban xumuraniin booda, gara Veenezuweelaatti qajeeluu danda'u jedhameera.

Aanga'oonni Ameerikaas dowwannicha akka beekan kaasanii, Ameerikaadhaaf yaaddoo akka ta'etti akka hin lakkoofne himan.

Haala odeeffannoo qabanitti, dooniiwwan humna nikulaaraatiin socha'an meeshaalee waraanaa nikulaaraa akka hin qabnee ibsaniiru.