Dorgomaan bishkileetii dorgommii gubbaa haadha warraa dhungate adabame

Maxxanfame

Dorgomaan bishkileetii Faransaay Juuliyaan Barnaard yaalii dorgommii Tuur Di Firaans irratti haadha warraa isaa dhungachuu isaatiin erga adabamee booda dhiifama gaafate.

Dorgomaan kun dorgommii marsaa torbaffaa irratti yeroo gabaabaaf dhaabbachuu isaatiin Firaankii Siwiizarlaand 200 ($223; £174) akka kaffalu Gamtaa Bishkileetii Idil-addunyaa (UCI) murteesseera.

Adabbiin kun ''yeroo dorgommii kanaa amala hin malle ykn sirrii hin taane agarsiisuu fi maqaa ispoortii kanaa miidhuu'' jedhe dhaabbatichi.

Barnaard deebii miidiyaa hawaasummaa irratti barreesseen, “maqaa ispoortii kanaa miidhuuf” Gamtaa Bishkileetii Idil-addunyaa dhiifama gaafateera.

Garuu “yeroo sana deebisee yaadachuuf adabbii kana guyyaa guyyaan kaffaluuf” fedhi akka qabu dubbateera.

Marsaan torbaffaan dorgommii Tuur de Firaans daandii gabaabaa kiiloo meetira 23.3 fagaata.

Yeroo kana morkattoonni bishkieetii yeroo saffisaa galmeessuuf waliin dorgoman.

Akka gabaasaleen himanitti, Barnaard bakka jiraatu irraa daqiiqaa 30 qofa fagaatee osoo jiruu deeggartoota isaa waliin wal argan.

Yeroo inni lafa olka'aa tokkoo ga'u, hiriyyoonni mallattoo qabatanii gara isaatti fiigan. Haati warraa isaas ilma isaanii qabattee gara fuulduraatti dhuftee isa dhungatte.

Dorgommii kana hordofee gaaffii fi deebii televijinii irratti taasiseen Barnaard maatiisaa waliin wal arguun isaa hojii isaa keessatti mudannoo addaa akka ta'ee fi isaan waliin yeroo gahaa akka argatuuf dorgommii sadarkaa jalqabaa irratti baay’ee gulufuu isaa dubbateera.

"Dhugumaan waan nama ajaa'ibu ture. Haati warraa koo torban muraasaaf hiriyyoota keenya waliin kana qindeessaa turte, hojii baay’ee, baay’ee gaarii hojjettee jirti," jedha.

"Yaalii yeroo [dorgommii] irratti yeroo itti gammaddu qabaachuu qabda. Mudannoowwan akkanaa kanatu bishkileetii akkan oofu kaka'umsa natti hora.''