Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaaddiddaa'uun Aduu addunyaatti raajii ta'e eessaafaa fi haala kamiin mudate?
- Barreessaa, BBC Climate and Science team
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4
UK fi biyyoota Awurooppaa kaan keessatti aduun akkaataa waggoota 30 keessatti taatee hin beekneen gaaddiddoofte.
Namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman taatee dhalootatti yeroo tokko mudatu kana arguun raajii itti ta'e.
UK keessatti qaamni aduu dhibbeentaa 90 kan caalu Addeessaan haguugamte.
Giriinlaand, Ayislaand fi Ispeen keessatti garuu guutummaatti waan haguugamteef guyyaan dukkanaa'eera.
Aduun gaaddiddaa'uun guutummaatti dukkanni uumamuu kan eegale Raashiyaa, fiixee kaaba Saayibeeriyaatti yoo ta'u, kunis bakka namoonni ilaaluuf ba'anii fi teleskoppiiwwan taatee kana ilaaluuf dhaabaman irraa baayyee fagoodha.
Booda garuu suutuma Garba Arkitik irraan waaree booda gara Ayislaand ce'e.
Achirraan ammoo karaa kibbaan gara UKtti ce'e. Uummanni sirriitti arguun kan raajefffate asirraati.
Aduun gariin gaaddiddaa'uu kan eegalte kaaba Iskotlaanditti akka sa'atii biyyattiitti sa'atii 12 irratti eegale. Booda handaara kibba Ingilaanditti naannoo sa'atii 12:20tti mudate.
Jalqaba sirriitti hin beekamu ture. Garuu gidduudhumaan wayita Addeessi dhuftee Aduu of duubatti hambistu dacheen dukkanaa'e.
Gidugalaa fi kibba Ingilaand akkasumas Weelsi keessatti samiin qulqulluu waan tureef wayita Addeessi Aduu haguugdu mul'ateera.
Yeroo kana Aduun sa'atii tokkoof gaaddiddoofte.
Kaaba Ingilaand, Iskotlaand fi Kaaba Ayerlaand keessatti duumessatu ture, garuu wayita Aduun gaaddiddooftu uummanni ba'ee argeera.
Namoonni kumaatamaan ba'uun kishaafa Aduu gaaddiddoofte ittiin ilaaluuf qophaa'een ilaalaa turan.
Gaaddiddeessuun Aduu wayita Addeessi Aduu fi Dachee gidduu qaxxaamurtu mudata.
Kun ammoo hunda keenyarraa ykn garii keenyarraa ifa daangessa waan ta'eef dachee keenyarra dukkanatu bu'a.
UK irraa akka ilaalametti pilaaneetonni- Addeessi, Aduu fi Dacheen akka duriitti tooraan hin turre.
Addeessi qaama Aduu dhibbeentaa 90 waan haguugeef Aduun gariidhaan gaaddiddoofte.
UK keessatti haalli kun erga 1999 as yeroo duraaf mudate. Yeroo sana Cornwall keessatti Addeessi qaama Aduu dhibbeentaa 95 haguugde.
Kutaaleen Ispeen ammoo taatee kana caalaa nama ajaayibu keessummeessan.
Addeessi, Aduu fi Dacheen tooraan mul'atan. Kana jechuun Addeessi guutummaatti Aduu fi Dachee gidduu gorteetti jechuudha.
Kun aduun guutummaatti gaaddiddaa'uu mul'isa.
Aduun guutummaatti gaaddiddaa'uun dukkanni guyyaan dacheetti uwwifamuun ji'a 18 ykn sanaa ol keessatti al tokko mudata.
Garuu taateen kun bakka dhalli namaa jiru hundatti miti kan mudatu.
Akkaataan gaaddiddaa'uu Aduu haala teessumaa fi argama biyyoota addunyaan gargari.
Bakkeewwan gariitti carraan mudachuusaa dhiphaadha. Inumaa kan waggaa 400 keessatti yeroo tokko mudatufaa jira.
Ispeenitti namoonni tuutaan taatee ajaayibaa kana ilaaluuf ba'an isa kana argan- Aduun guutummaa guutuutti gaaddiddaa'uu.
Ifi Aduu xiqqoon diimattee Addeessa duubaan mul'atti.
Dukkana duubaa ifi qal'oon halluu diimaan mul'attu kan Aduun iddoo dhokattee kennituudha.
Duuba Addeessi sududaan qaama Aduu mul'isuu eegalte.
Qaamni Aduu guutummaatti kan haguugamee ture daqiiqaa lamaa gadiif.
Garuu namoota hedduu biratti taatee hin dagatamne ta'ee hafeera.
Aduun pilaaneetii keenya Dachee irraa kiilomeetira miiliyoona 150 fagaatti.
Hanga Addeessarraa fagaattu dachaa 400 jechuudha.
Garuu bal'inni (diameter) Addeessaa kan Aduu irra dachaa 400 waan xiqqaatuuf samii keenya keessatti walqixa fakkaatanii mul'atu.
Osoo Addeessi kanarra xiqqoo taatee ykn orbitiin ishee Dacheerraa baayyee fagoo ta'ee silaa gaaddiddaa'uu aduu tasuma arguu hin dandeenyu.
Gaaddiddaa'uu Aduu bara 2026 fi 2028 gidduutti mudachuuf jiru ilaalchisee waan addaa arguuf deema. Bara murteessaa- golden age jedhame keessa seenuuf jenna.
Namoonni gaaddiddaa'uu Aduu hordofan wayita addunyaarra naanna'an tarii waggoota itti aanan gaaddiddaa'uu Aduu sadi dhihootti arguu danda'u.
Garuu tokkollee UK keessatti hin mul'atu. Yoo baayyate bara 2027 keessa Aduu gariin gaaddiddoofte arguu danda'u.
Kutaalee gariitti qaamni Aduu dhibbeentaa 45 qofti gaaddiddaa'uu danda'a.
Qaamni Aduu dhibbeentaa 99 kan haguugamuu dandeessu bara 2081 ta'a.
Haala kanaan UKn gaaddiddaa'uu Aduu guutuu kan argitu bara 2090.