Daa'ima onneesaa kara mirgaa jiruuf wal'aansi baqaqsanii yaaluu taasifame

Uumama namaan addatti ol-ademaa waggaa sagalii kutaaleen qaamasaa kara faallaan argamaniif wal'aansi baqaqsanii yaaluu onnee wal-xaxaa taasifameef.
Hospitaala Istaanbul-Itoophiyaatti hakiima baqaqsanii wal'aanuu onneefi tuuta yaalii kanaa geggeessan Doktar Shiibiqoom Taammiraat daa'ima onneensaa isa barameen addatti gara bitaan argamuufi dhibame guyyaa kudhaniin dura yaalii baqaqsanii wal-aanuu taasisuu himan.
Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Burjii magaalaa Soyaamaa jedhamu kan jiraatan abbaan mucaa Obbo Jimmaa Hidoo rakkoon ilmasaanii ''baayyee ulfaataa'' akka tureefi ''Itoophiyaatti yaalamuu akka hin dandeenye'' itti himamee akka ture dubbatu.
Ol-adeemaan Jiddoo Jimmaa jedhamu kanaaf wal'aansi baqaqsanii yaaluu sa'atii saddeet fudhate akka adeemsifameef Dr Shibiqoom BBCtti himan.
Ministeerri Fayyaa ibsa kara miidiyaa hawaasaan baaseen wal'aansi baqaqsanii yaaluu wal-xaxaa biyya alaatti raawwatamu biyya keessatti haala milkaa'een hojjetame jedhe.
Obbo Jimmaan wal'aansaan booda, ''galata Waaqaa mucaan taphachaa jira,'' jechuun BBCtti himan.
Doktar Shibiqoom yaalii taasifame kana yoo ibsan ''ulfaataa, of-eeggannoo akkaa kan gaafatuufi wal-xaxaa,'' jedhan.
''Mucaa du'etu lubbuun itti deebiten jedhe''
Obbo Jimmaan abbaa ijoollee sadii yoo tahan yaaliin kuni daa'imsaanii hangafaaf taasifamuu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Hamma waggaa saddeettaffaasaatti dhukkuba salphaa kan akka taayifasiitu isa qabaa ture,'' kan jedhan abbaan bara darberraa qabee garuu akkaan dhukkubsachaa dhufuufi qorannoon booda kutaaleen qaamaa ilmasaanii kara faallaan akka jiran hubatan.
Bara darbe mallattoo dhukkubaa agarsiisuun dura fayyaalessa akka tures himaniiru.
''Akkaan socho'a, barumsaa irratti dammaqinaan hirmaata. Yeroo booda garuu fiigee, fiigee taphasaa quufee yoo deebi'u mataa na dhukkube, na dafqisiisa jechuu jalqabe. Balaqqamuus jalqabe. Siree irra ciisee yeroon dhukkubsate garuu hin turre,'' jedhan.
Rakkoon onneesaa akka taheefi akka nama kaanii onneensaa kara bitaa otoo hin taane mirgaan akka argamu itti himamuun booda yaaliinsaa ''baasii guddaa gaafata,'' jedhamuu dubbatu.
''Arbaaminci irraa gara Wiirtuu Yaalii Onnee Finfinneettin ergame. Rakkoon na mudate ulfaataa waan tureef otoon furmaata barbaaduun Dr Shibiqoomiin argadhe,'' jedhu.
Dr Shiqbiqoom akka jedhanitti wal'aansa taasifame adda kan godhu kutaaleen qaamaa ol-adeemaa Jiddoo kara bitaan argamuusaaniiti.
Obbo Jimmaan gamasaaniin bara darberraa qabee wal'aansa argachuuf tattaafachaa akka turan himu,''abdii qaba,'' jedhanii akka hin turres himu. ''Yaalaadhuma waan tahu arga jedheen falmiidhumarra ture,'' jedhan.
Ilmisaaanii Itoophiyaa keessatti yaalii argachuu akka danda'u erga itti himameen booda, ''gammachuu addaati natti dhagahame. Mucaan koo hin hafa laata jedheen gammade,'' jedhu.
Wal'aansi biyya alaatti otoo adeemsifame ''hamma birrii miiliyoona shanii'' isaan gaafachuu akka danda'u itti himamuu ibsuun, ''isa jedhameen faallaa mucaan koo biyya keessatti wal'aanamee fayyee, galata Waaqaa burraaqaa jira,'' jechuun gammachuu ibsataniiru.
''Ilma koo argadheera. Mucaa du'etu lubbuun deebi'ee jedheen fudhe,'' jedhu abbaan kuni.
Ministeerri Fayyaa ibsa kara miidiyaa hawaasaan baaseen Hospitaalli Waliigalaa Itiyoo-Istaanbul Hospitaala Ispeeshaalaayizidii Xiqur Ambassaa waliin waliigaltee mallatteessuun wal'aansa baqaqsanii yaaluu argachuuf daa'imman dabaree eegan kaffaltii malee yaala kennaa akkaa jiru hospitaalichatti hoji-gaggeessaa olaana Obbo Birahaan Tadilaa eeruun barreesseera.
Kutaalee qaamaa kara faallaa argaman
Dr Shibiqoom akka BBCtti himanitti yaala kana kan adda taasisu tokko uumama ol-adeemaa kanaati.
''Uumamnisaa adda. Nama kuma kudhan keessa tokko ykn kuma digdamii shan keessa tokko irratti waan uumamuu danda'u dha. Ogeessa wal'aansa baqaqsanii yaaluu tokko waan yeroo tokko yoo baay'ate al-lama mudatu dha,'' jedhan.
Ol-adeemaan kuni uumama isa barameen addatti kutaalee qaamasaa faallaan argamu jechuun ibsaniiru.
''Barteedhaan onneen kara bitaan akka jiru dha beekna. Onneen daa'ima kanaa garuu kara mirgaa jira. Tiruunsaa immoo kara mirgaan tahuu otoo qabuu kara bitaan jira. Garaachi kara bitaan tahuu qaba, kansaa mirgaan jira. Sombisaas akkasuma bitaafi mirgi wal-geeddareera,'' jedhan.
Haalli kuni wajjin guddachuu himuun hiddi dhiigasaallee haala rakkisaan taa'uu dubbatan.
''Nuti onnee kara bitaan jiruuf wal'aansa taasifna. Kan ol-adeemaa kanaa garuu kara mirgaan taaneetu wal'aansa kana taasifaneef,'' jechuun ibsaniiru.
Yaaliin kara faallaan taasifamu, ''hojjechuufillee rakkisaafi qormaata kan qabu dha,'' jedhanii ibsu ogeessi kuni.
''Wal'aansi taasifame. Uumaaf galatni haa gahu milkaa'inaan raawwate. Amma haala gaariirra jira. Bayyanataas jira,'' jedhan Doktar Shibiqoom.
Kutaaleen qaamaa kara faallaan taa'uun, ''badaa dhiibbaa hin uumu,'' kan jedhan hakimtichi ''akkuma nama kaanii jiraachuu danda'a,'' jechuun hubachiisaniiru.
Kutaalee qaamasaa irratti rakkoon yoo isa mudate malee guddinni qaamaas kaan wajjin wal-fakkaataa dha. Tahus kutaaleen qaamaa kara faallaan jiran yoo dhibeen isaan mudatu yaaliin baqaqsanii wal'aanuu isaan barbaachisu isa barameen adda waan taheef qormaata tahuu mala jedhan.
''Ogeessoti hojii kana dalagan tokko tokkoon lilmoo fi liilan(fo'aa) otoo hin hafiin of-eeggannoo guddaan sitti dabarsu,'' jedhu.
Jiddoon bara darbe hamma onneen isaa dhukkubsattutti kutaaleen qaamasaa kara faallaan argamanillee fayyaalessa akka turan hakiimnis, abbaanis mirkaneessaniiru.
''Rakkoon qorannodhaan bira geenye kan onneesaati. Onneesaas sirreessineerra. Kana booda wal'aanis baqaqsanii yaaluu isa hin barbaachisu. Somba, tiruu, kalee isaa fa'irratti rakkoo hin argine,'' jedhan.
Yeroo keessa rakkoon yoo mudateef jecha garuu samuudni gara biyya alaatti qorannoof ergameera.
''Bu'aa qorannoo ilaaluun dursinee waan gochuu dandeenye yoo jiraateef karoorsina. Fayyaa yoo tahe ammoo kanumaan akka itti fufu taasisna,'' jedhan Dr Shibiqoom.
Akka hakiimichi jedhanitti ol-adeeman kuni yeroo taphatu dadhabuufi hafuurri isa cituun akkasumas dafqinaan gara mana yaalaa geeffamuu dura onnee akka dhukkubsatu hin baramne ture.
Obbo Jimmaanis gara yaalaa yeroo isa dhaqatan ''taayifooyidii ykn taayifasii dha,'' jedhamaa akka turan himaniiru.
Bara darbe qorannoo taasifameen garuu onneesaarratti rakkoon akka jiruufi argamnisaas isa barameen faallaa tahuu itti himame.
Kana booda dha kan isaan Dr Shibiqoom waliin kan wal argan.
Doktar Shibiqoom, ''rakkoon kuni damee wal'aansa baqaqsanii yaaluun ulfaataa akka tahe, of eeggannoo kan gaafatuufi wal-xaxaa tahuu hubadhe,'' jechuun yaalii taasifame ibsu.
Yaalii qormaata tahee ture
Wal'aansa sa'atii saddeetiif adeemsifameen dhimmoota qormaata tahanii turan keessaa tokko akkaataa taa'umsa hidda dhiigasaa tahuu himu.
''Akkaataan ta'umsa hidda dhiigasaa faallaan tahuurra darbe hiddi dhiigaa inni tokko kutaa onneesaa isa mirgaarraa ka'a. Kan inni ka'uu qabu garuu isa bitaarraa ture. Kunis yaalii taasifameef akkaan rakkisaa godhee ture,'' jedhan.
Adeemsa wal'aansa kanaas,''kara sirrii eegee akka adeemuuf hojimaatni hordofnu jira. Sana yeroo hojjennu dhiignisaa tasumaa otoo wal-hin makiin toorasaa eegee akka adeemu gochuun of-eeggannoo olaanaa gaafata ture,'' jedhan.
Dabaluunis,''milimeetira murtaa'ellee sarara irraa maqsinaan yaa'i dhiigaa bitaafi mirgaa wal-maka ture,'' jechuun of eeggannoo yaaliin kuni gaafate dubbataniiru.












