Keeniyaatti seenaatarri sababii mallattoo laguutiin paarlaamaa keessaa baafamte

Aaddee Giloriyaa

Madda suuraa, SM

Maxxanfame

Seenaatarri Keeniyaa tokko erga uffata mallattoon laguu diimaan irraa mul’atu uffachuun walagii hirmaachuu eegalteen booda, uffannaa sirrii hin taane jedhamuun akka baatee geeddarattuuf gaafatamuun baafamte.

Miseensi paarlaamaa Gilooriyaa Orwobaa garuu laguu irratti hubannoo cimsuuf duula gaggeessuuf uffaticha akka uffatte himame.

Paartii biyya bulchaa jiru irraa kan taate Aadde Gilooriyaan, haaluma qaama yaaliiwwan hiyyummaa hirisuutiin, seera akka paadiin qulqullinaa bilisaan dhiyaatuu ilaalchisee Roobii har’aa irratti mari’atamuuf ture irratti hirmaachuf turte.

Haata’u malee miseensoonni paarlaamaa marii gaggeeffamuuf ture jeequun akka xiyyeeffannaan Af-yaa’ii mana marichaa gara Aaddee Giloriyaa ta’u taasisan.

Kanaanis uffannaa ‘‘koodii isaa hin eeggatin uffattee’’ jedhamuun akka wal gahicha keessaa baatu taasifamte.

Isheen garuu ‘‘Namni tokko asi dhaabbattee sababii dubartiin tokko luguunshee itti dhufeef jecha mana marichaa salphateera jechuusaatti baayyee nahee’’ jechuun tarkaanfii fudhatame mormite turte.

Haata’u malee Af-yaa’ii mana marichaa Amaasoon Kingii seenaatariittiin akka deemtee uffatashee jijjirachuun deebiituuf ajajan.

‘‘Laguu qabaachuu gonkuma yakka ta’u hin qaabaatu… Seenaatara Gilooriyaa waan gochaa umamaa kan ta’e laguu keessa darbaa jirtuuf si waliin nan gadda. Suufii kee bareedaan xuraa’eera waan ta’eef akka baatee deemtee uffata hin xuraa’iin jijjiratte deebiituufan si gaafadha,’’ jedhaniin af-yaa’ichi.

Mana marichaatiin alatti Aaddee Gilooriyaa gaazexessitootaatti dubbatanii ture.

‘‘Loogii fi ilaalcha laguu fi hiyyuummaan wal qabatee jiru hambiisuuf yaalii taasisaa jirra. Wantootan ani duula gaggeessaa fi akka seerri bahuuf yaalii taasisaa jiru keessaa tokkoo, shamarran mana barnoota deeman hundaaf akka paatiin bilisaan kennanuuf mirkanneessuudhaafiidha’’ jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X