TPLF miseensota yeroo waraanaa 'harka laachun icciitii dabarsanii kennan' jedhe lama hari'e

Maxxanfame

TPLF miseesota koree giddu galeessaa lama yeroo waraanaa mootummaa federaalatti harka laachun icciitii dabarsanii kennan jedhe hari'uu beeksise.

Miseensonni koree giddu galeessaa TPLF lamaan gaggeeffaman Aadde Keeriyaa Ibraahimifi Muluu Gabragzaaber waraanni Tigraayitti osoo hin eegalin duraa mootummaa federaalaa keessatti aangoo olaanarra kaneen turan keessayi.

Adde Keeriyaa Ibraahim Af-yaa'ii Mana Maree Federeeshinii yoo turan, Aadde Muluu Gabragzaaber ammoo Deetaa Ministeera Geejjibaa turan.

Yeroo waraanni Tigraayitti gaggeeffamaa ture mootummaan federaalaa magaala Maqalee yeroo to'atee ture to'annoo jala oolun mana hidhaa erga turanii booda walii galtee Piritooriyaa booda gadi lakkifaman.

TPLF miseensota koree giddu galeessaa kanneen lamaan hari'uu ibsa Kamisa, Guraandhala 22, baasen , Keeriyaa Ibraahimifi Muluu Gabragzaaber "diinatti harka laattachuun icciitii baasanii kennan" jedhamuun gamaggamni irratti godhamee akkaataa dambii dhaabichaatti koree giddu galeessafi miseensummaa TPLF keessaa akka har'iman murtaa'uu beeksise.

Dabalatanis namoonni lamaan hari'aman kunneen "[gochaa isaanitti] baay'ee gaabbanii hojii itti bobba'an irratti uummatasaanii tajaajiluuf waadaa galaniiru," jedha ibsi TPLF baase kun.

Gama biraan ammoo miseensonni koree giddu galeessaa paartichaa biroon to'annoo mootummaa federaalaa jala turan iti gaafatamummaa duraan irra turaniin akka itti fufanis murtaa'uu ibse.

Bifuma kanaan Dr. Addis Alam Baallemaa, Dr. Ibrahaam Takastaa, Dr. Salamoon Kidaanee, Atsibahaa Aragaawwii, Kiiros Hagoos, Dr. Raddaa'i Barihee miseensummaa koree giddu galeessan akka itti fufan godhameera.

TPLF wal-gahii koree giddu galeessaa taa'en miseensonnisaa akka hari'amaniifi itti fufan murteesse kanneen yeroo waraanaa mootummaa federaalan to'atamanii turaniidha.

Miseensonni koree giddu galeessafi miseensummaa TPLF irraa haqaman kunneen mootummaa federaalatti harka laattachuun icciitii baasun himatamanis icciitii maalii akka baasan TPLF ifa hin goone.