Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ilmi mootii Weelsi Chaarlis maatii Osaamaa Biin Laadan irraa paawundii miiliyoona tokko fudhachuun ibsame
Ilmi mootii Weelsi Chaarliis maatii Osaamaa Biin Laandan irraa paawundii miiliyoona tokko fudhatanii akka turan The Sunday Times gabaaseera.
Ilmi mootii Chaarlis Osaamaa Biin Laadan erga ajjeeffameen waggoota lama booda bara 2013tti obbooloota Biin Laadan lama irraa qarshii kana fudhchutu ibsame.
Maallaqichas kan fudhatan dhaabbata tola-ooltummaa Wales's Charitable Fund (PWCF) jedhamuuf akka ta’etu gabaafame.
Chaarlis osoo maallaqicha hin fudhatiin dura manni jireenyaa isaa (Clarence House) dhaabbata tola- oltummaa dhimmicha gadi fageenyaan qorateera kan jedhe yoo ta’u, dhimmichaaf bifa gara biraa kennuun sirrii miti jechuun BBC’f deebii kennan.
Walitti dhufeenyi Biin Laadan maaticha waliin qabu bara 1994tti kan adda cite yoo ta’u, obbolaan maallaqicha Chaarlisiif kennaniiru jedhamanis kan sochiilee Biin Laadan waliin hidhatan qaban ta’uufi dhiisuun ifaa miti.
Akka gabaasichaatti ilmi mootii Chaarliis maallaqicha mana isaatti argamuun hoggannaa qabeenyaa maatii Saawudii kan ta’e Baakar Biin Laadanii fi obboleessa isaa Shaafiiqi harkaa fudhatan.
The Sunday Times Chaarliis maallaqicha akka hin fudhanneef karaa Clarence House fi dhaabbata tola- ooltummaatiin gorsi kennamuf illeen diduu isaanii maddeen eeruun gabaase.
Haata’u malee walitti qabaan dhaabbata tola-ooltummaa The Prince of Wales Charitable Fund, Sar Ayeen Cheeshaayer bara 2013 irratti kennaa sana fudhachuuf murtee irra kan gahame erga namoonni olaantummaan dhaabbaticha hogganan shan dhimmicha ‘‘of eeggannoon’’ erga qorataniin booda jechuun dubbatan.
Dura taa’aan dhaabbata tola-oltummaa Sar Ayeen Cheeshaayer erga maallaqicha fudhachuuf murteerra hin gahamiin dura mootummaa dabalatee maddeen garaagaraa irraa odeeffanoo walitti qabuu dubbataniiru.
Sunday Times kennaan maallaqaa kuni Waajjira Dhimma Alaa UK waliinis raggaasifamu gabaaseera.
Dhaabbanni ilma mootichaa PWCF dhaabbilee tola-oltummaa UK keessatti galmaa’anii fi kanneen biyyoota duri Ingliziin bitaman keessatti hundeeffamaniif kan gargaaru dha.