Weellistuu beekamtuun 'manneen-barnootaa Islaamaa' irratti qooste jedhamuun hidhamte

Maxxanfame

Maqaa masoo "Maadoonaa Turkii" jedhamuun kan beekamtu weellistuun gurra guddaa qabdu Gulshan "waan hin taane qooste" jedhamuun hidhamte.

Weellistuun kun qoosaafis haa ta'u waan sarara darbe dubbatte jedhamuun qeeqamte.

Dubartii umuriin ganna 46 taate Gulshan, himannaan irratti baname, "dubbii jibba hawaasa gidduutti baballisu facaasteetti" kan jedhudha.

Weellistuun beekamtuun kun hidhamuun miidiyaa hawaasummaa irratti dheekkamsa guddaa kan kaasise yoo ta'u, mootummaan ishee hidhuu isaatiin tarkaanfii sirrii fudhate kanneen jedhanis xiqqoo miti.

Gulshaan qoosaa daangaa darbe qooste jedhamuun ittiin himatamte kun kan ji'oota dura dubbatte ture.

Waltajjiirra osoo jirtuu ture michuu miseensa baandii muuziqaa ishee ta'e tokkoon 'ati akka kanaa diida-galeessa kan taate ykn amala namoota kaan irraa adda ta'e kan qabaatte mana-barumsaa amantaatti waan baratteef' jechuun itti qooste.

Manni barnootaa amantaa Imaam Haxiib jedhaman kun ammoo Turki keessatti bakka dhiironni Imaama itti barsiifamanidha.

Akka hidhamtuuf sababa kan ta'e qoosaa kanadha. Miseensi baandii isheen itti qooste kun maqan isaa hin ibsamne, viidiyoo irrattis hin mul'anne.

Gulshan qoosaa kana kan dubbatte kanaan dura ta'us poolisiin kan mana isheetii ishee qabe Kamisa darbe ture.

Gulshan kanaan duras uuffata safuu hin eegne uffachuu isheetiif, akkasumas ilaalcha aadaa jiru keessaa adda ta'e deeggaruu isheetiif yeroo hedduu qeeqamti.

Hidhamuu ishee miillanaa kana ammmoo namoonni Turk keessatti sararri siyasaafi amanataa eessa akka ta'e akka gaafatan taasiseera.

Tarkaanfiin kun siyaasaafi amantaan biyyattii keessatti wal keessa makateera jedhee kan uummanni falmaa ture akka haaratti kaaseera jedhamaa jira.

Keessattuu weellistuun beekamtuun kun hidhamuun filannoo bara dhufuutiif qophaa'aa kan jiru Xayiib Erdowaan deeggartoota ittiin horachuuf tarkaanfii fudhatamedha jedhanii kan shakkanis jiru.

Pirezidant Xayiib Erdowaan bu'uurri deeggartoota isaa Turk keessatti warra amantaa leellisaniidha.

Weellistuu Gulshan ammoo waggoota dheeraatiif hawaasa Turk warra leellistoota ta'an biratti farra Islaamaa fi farra kabaja safuuti jedhamuun balaaleffatamaa turteetti.

weellistuun kun deeggartoota warra jaallattoota saal walfakkaataa (LGBT) akka taates ifatti ni beekama.

Gulshaan qoosaa mana-barumsaa amantaa irratti qoostee turte amma hidhamuu ishetiif sababa jedhame kanaaf ifatti dhiifama gaafattee turte.

"Qoosaa ani waahellan koo gidduutti dubbadhe kana fudhatanii warri afarsan warra hawaasa keenya gidduutti wal gaarerfannaafi wal dhiibuun akka uumamu barbaadanidha," jechuun komii dhiyeessiteetti.

Hidhamuu ishee kana hordofees weellistoonniifi namoonni muuziqaa bebbeekamoon 'Gulshaan haa hiikamtu' duula jedhu gaggeessaa jiru.

Turk keessatti pirezidantii biyyattii yeroo ammaa Rasiib Xayyiib Erdowaan dabalatee namoonni siyaasaa hedduun manneen amantaa keessatti warra aratanidha.

Manneen-barnootaa ogummaafi barnoota amantaa kan ta'an Imaam Haxiib kanneen kan hundeeffaman adda durummaan Imaamota Islaamafi barsiisota eebbisiisuufidha.

Hidhamuu Gulshaan hordofee gaazexaan mootummaa biyyattiitti dhiyeenya qaba jedhamu Yeni Safak  jedhamu maxxansa isa Jimaata kaleessaa baaseen mata-duree "Ya gowwee! Weellistuun gowwaa sarara diimaa dabarte" jedhuun qabatee baheera.