Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaarri namoota seeraan ala dabarsaa jira sodaa jedhuun Faransaay qubachuuf dirqame
Xiyyaarri imaltoota lammii Idiyaa 303 ta’an fe’ee balali’aa ture tokko namoota seeraan ala dabarsaa jira shakkii jedhuun buufata xiyyaaraa kaaba baha Faransaayitti qubachuuf dirqamuusaa miidiyaaleen Faransaay gabaasan.
Xiyyaarri Airbus A340 Yunaayitid Arab Emireets irraa gara magaalaa guddoo Nikaraaguwaa Manaaguwaatti balali'aa ture.
Kamisa darbe buufata xiyyaaraa xiqqaa Vatry kutaa Marne keessatti argamutti yeroo teeknikaaf,” qubatee darbuuf turetti “eeruu nama maqaan hin himamne tokkoon kennamee booda akka dhaabbatee ture taasifame jedhan abbootiin alangaa.
Namoonni baayyeenis buufata xiyyaaraa kana poolisiin waan cufeef achi keessatti ugguramanii jiru.
Haalaafi kaayyoo imala kanaa irratti qorannoon eegalamuu isaa qondaaltonni naannichaa himaniiru.
Itti-dabaluunis, imaltoonni kunneen tokko tokko godaantota seeraan alaa ta’uutu amanama jechuun ibsaniiru.
Ibsi waajjira prefect Marne akka jedhutti, imaltoonni jalqaba xiyyaaricha keessa akka turaniif kan hayyamame yoo ta'u, boodarra garuu laawonchiin buufata xiyyaarichaa gara bakka sireetti jijjiirameefiif achi tursiifamaniiru.
Xiyyaarri kun kan dhaabbata chaartaraa Rumaaniyaa Legend Airlines jedhamu akka ta'e himama.